bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 9
Exodus 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 10 →
1
Rabbi Muuse'een, «Gara Fari'oonii dhaqiitii ‹Rabbi Waandhi Ibrootaa akka na tajaajilaniif banii kiyya gad dhiisi siin jedha› jedhiin» jedheen.
2
Yoo gad dhiisuu diddee isaan uf biratti qabde;
3
irreen Rabbii loowwan kee maraa, sa'oolee, faradoo, harriin, gaallan, sangootaa fi hoolota irratti balaa gudda'atu bu'a.
4
Rabbi horii biyya Misiriitii fi horii worra Israa'elii gara gara fooya; horii ijoollee Israa'elii keessaa tokkollee hin du'u.
5
Rabbi boru waan kana hin godha jedhee murteesse› »
6
Rabbi waan kana bariisama san godhe; horiin biyya Misirii maruu hin dhume; horii ijoollee Israa'elii keessaa ammo tokkollee hin duune.
7
Fari'oon nama ergee ijoollee Israa'elii keessaa horiin tokkollee akka hin duune dhagayee onnee jabeeffatee banii gad dhiisuu dide.
8
Kanaan maayessa Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Ganaa harka keessaniitiin daaraa ibiddaa hammaara'aatii Muuseen Fari'ooniin afo'otti gara Sami'ii haa bittinneessuu.
9
Innillee biyya Misirii maraa irratti daaraa bullaayaa ta'ee biyya Misirii maraa keessatti sa'aa nama irratti madaa badaa ta'a» jedheen.
10
Isaanillee daaraa ibiddaa hammaaranii Fari'ooniin afoo dhaabatan; Muuseen daaraa ibiddaa san gara Sami'ii bittinneessinaan sa'aa nama irrattillee madaa badaa ta'e.
11
Worri morulle waan nafti isaanii madaayeef Muusee afoo dhaabachuu hin dandeenne waan madaan banii biyya Misiriitii fi worra mortootaa irra jiruuf;
12
Rabbi onnee Fari'oonii waan jabeesseef waan Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin jedhe hin dhageenne.
13
Achiin maayessa Rabbi Muuse'een; «Ganamaan ka'ii Fari'ooniin afoo dhaabadhuutii ‹Rabbi Waandhi Ibrootaa akkana jedha› akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi;
14
Lafa marattuu Waandhi akka kiyyaa akka hin jirre akka beettu si'i, garboota teetii fi banii kee maraa irratti amma badii erga.
15
Amma silaa harka kiyya diriirsee si'ii fi banii keellee lafa irraa dhaya ture.
16
Garuu ani hunna kiyya si irratti mudhisu'uuf akka maqaan kiyya lafa maraa irratti waamamuuf si jiraachise.
17
Ati ammo banii kiyya gad dhiisuu diddee irratti uf jajja.
18
Kunoo ani boru hennaa akkanaa kana waan haga Ardiin tun uumamte irraa jalqabee haga adhaa biyya Misirii irratti ta'ee hin beenne baradaa guddaa si irratti roobsa.
19
Sa'aa nama raasaa jiru maraa irratti baradaan bu'ee dhumanii amma nama ergiitii loowwanii fi waan raasa'aa qabdu maraa ariifachiisii manatti galchi jedhi› » jedheen.
20
Garboota Fari'oonii keessaa namni jecha Rabbii sodaate loowwan isaatii fi garboota isaa gara manaa galche.
21
Worri jecha Rabbii hin dhageenne ammo garbootaa fi loowwan ufii raasa'atti dhiisan.
22
Achiin maayessa Rabbii Muuse'een «Sa'aa nama biyya Misirii, midhaan maasa'aa maraa irratti akka baradaan bu'u harka kee gara Sami'ii ol diriirsi» jedheen.
23
Kanaafuu Muuseen ulee ufii gara Sami'ii ol qabe; Rabbi gigissaa keessaan baradaa gad dhiise; ibiddillee Sami'ii bu'e; Rabbi biyya Misirii irratti baradaa roobse.
24
Baradaa keessaan ibiddi bobaya'aa ture; baradaan akkasii sun seenaa biyya Misirii keessatti mudhatee hin beeku.
25
Baradaan sunillee waan raasaa biyya Misirii keessa jiru maraa fi sa'aa namallee hin dhaye; baradaan sun midhaan maasa'aa mara dhayee muka biyya sanii maraa caccabse.
26
Biyya Geeseemii ta ijoolleen Israa'elii keessa teettu calla'atti baradaan hin buune.
27
Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin nama itti ergee waamsisee «Amma ani yakkeera; Rabbi Waaqa dhuga'aati; anaa fi banii kiyyatu cubbama'a.
28
Gigissaanii fi baradaan Sami'ii waan baay'ateef Rabbiin naa kadhadhaa gad isin dhiisaa; ammaa achi as hin teettanii» isaaniin jedhe.
29
Muuseen mootichaan, «Yoo qachaa tana keessaa baye; harka kiyya gara Rabbii badhisa; akka ati lafti ta Rabbii taate beettu gigissaan hin dhaabata; baradaanillee hin bu'u.
30
Garuu atii fi garboonni teellee Rabbiin Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedheen.
31
Garbu'uu fi talbaa biilellee hin balleesse.
32
Qamadi'ii fi Hayisaa ammo hennaan isaa waan hin geenneef barada'aan hin dhayamne.
33
Muuseen Fari'ooniin biraa gara qacha'aa bayee harka ufii gara Rabbii badhifnaan gigissaanii fi bardaan dhaabate; roobnillee hin caame.
34
Fari'oon roobni akka caame, gigissaanii fi baradaan akka dhaabate arginaan, ta qaraa caalaa garaa jabaate; inninii fi garboonni isaallee garaa jabaatan.
35
Garaan Fari'oonii waan jabaateef akka Rabbi Muuse'een isatti dubbatetti inni ijoollee Israa'elii gad hin dhiifne.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40