bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 40
Exodus 40
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ji'a duraa guyyaa jalqabaa daasee wol gayi'ii ka hulee bulti'ii dhaabda.
3
Isa keessa saanduuqa waada'aa keetta; saanduuqa waada'aa golgaan golgita.
4
Gabataallee isa keessa seensiftee meeshaa isa irra taa'u qopheessita; baattu ibsa'aallee ol seensiftee ibsoo ibsita;
5
Hulee ciinca'aa ka hixaanaa ka worqii irraa hojjatame saanduuqa waada'aa afoo keetta; hulee itti gad bayan afoo golga itti golgita;
6
hulee ciinca'aa ka waan ciincawuuf ta'ullee balbala daasee wol gayi'ii afoo keetta.
7
Saanii irratti dhiqatan daase'ee fi hulee ciinca'aa jidduu kaayii bisaan itti guuti.
8
Naannaya isaatitti hulee itti gad bayan ijaari; golgaa seensa daase'ee afo'otti badhisi.
9
«Achiin maayessa sayitii dibduunillee fuudhii hulee bulti'iitii fi waan achi keessa jiru maraa dibi; isaa fi waan achi keessa jiru maraa hin woyyoomsita; isaanillee hin woyyooman.
10
Hulee ciinca'aatii fi meeshaa ciinca'aa maraa hin dibda; hulee ciinca'aa maraa hin woyyoomsita; innillee waa maraa irra woyyittii woyyootaa ta'a.
11
Saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayanillee dibdee woyyoomsita.
12
«Aaroonii fi ijoollee Aaroonii gara daasee wol gayi'ii afoo fiddee bisaaniin isaan dhixxa.
13
Aarooniin akka inni gadicha ta'ee na tajaajiluuf uffata woyyumma'aa itti uwwiftee dibdee woyyoomsita.
14
Ijoollee isaallee fiddee qambisaa isaanitti uwwifta.
15
Gadumma'aan akka na tajaajilan akkuma abbaa dibde isaanillee dibda; dibamuun isaaniillee ijoollee isaaniitiif gadummaa baraa haga bara baraa ta'a»
16
Muuseenillee waan Rabbi isa ajaje maraa godhe.
17
Huleen bulti'ii woggaa lammeesso'oo ji'a duraa guyyaa jalqabaatitti dhaabame.
18
Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje hulee bulti'ii miila itti godhee dhaabee utuba'aa fi cufanaallee itti godhe.
19
Daasee hulee bulti'ii irra badhise; daasee dachaa irra godhe.
20
Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje gabatee waada'aa fuudhee saanduuqa waada'aa keessa kaayee loosaawwan ittiin baatanillee isa bira kaayee qadaada waadaa dhiifamsaa saanduuqa waada'aatiin qadaadee, saanduuqa waada'aa san gara hulee saanduundhi waada'aa taa'u seensise;
21
saanduuqa gara hulee bulti'ii seensise; golga isa dhossu itti godhee saanduuqa raga'aa golge.
22
Akkuma Rabbi Muusee ajaje gabataa daasee wol gayi'ii keessatti hulee bulti'iitiin duuba mana bulti'ii keessa cinaa mirgaatiin kaaye.
23
Akkuma Rabbi isa ajajetti xoroshoo afoo Rabbii kaaye.
24
Akkuma Rabbi Muusee ajajetti baattuu ibsa'aa daasee wol gayi'ii keessa afoo gabataa hulee bulti'ii cinaa bita'aatiin kaaye.
25
Ibsaa afoo Rabbiititti ibse.
26
Akkuma Rabbi Muusee ajajetti hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame daasee wol gayi'ii keessa gara afo'ootiin kaayee;
27
hixaana urgaa misha'aa itti aarse.
28
Akkuma Rabbi Muusee ajaje hulee bulti'ii afoo golga itti golge.
29
Hulee ciincaa gubamuu irratti hulee bulti'ii daasee wol gayi'ii afoo kaaye; ciincaa gubamuu fi ciincaa midhaanii ciinceesse;
30
akkuma Rabbi Muusee ajaje saanii irratti dhiqatan wodhakkaa daasee wol gayi'iitii fi hulee ciinca'aa kaayee bisaan dhiqataniin itti buuse.
31
Muusee, Aaroonii fi ijoolleen isaa harkaa fi miila irratti dhiqatan.
32
Hennaa gara daasee wol gayi'ii seenanii hulee ciinca'aatitti dhiyaatan hin dhiqatan ture.
33
Hulee bulti'iitii fi naannoo hulee ciinca'aa hulee itti gad bayan godhe; hulee itti gad bayan sanillee golga itti golge; akka kanaan Muuseen hujii ufii maraa fixe.
34
Achiin maayessa duumessi hulee daasee wol gayi'ii uwwise; ulfinni Rabbii daasee guute.
35
Waan duumessi isa irra tureef, ulfinni Rabbii waan hulee bulti'ii guuteef Muuseen daasee wol gayi'ii keessa seenuu dadhabe.
36
Hennaa duumessi hulee bulti'ii sanii ka'e ijoolleen Israa'elii maruu karaa ufii deeman.
37
Yoo duumessi ka'e malee ijoolleen Israa'elii hin deeman turan.
38
Hennaa deeman maraa guyyaa hennaa duumessi ulfinna Rabbii mudhisu daasee dhossu, halkan ammo duumessa keessaan ibidda arga'aa turan.
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40