bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 5
Exodus 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 6 →
1
Achiin maayessa Muuse'ee fi Aaroon dhaqanii Far'ooniin «Rabbi Waandhi Israa'elii lafa gammoojji'ii keessatti akka ayyaana naa kabajjan banii kiyya gad dhiisi siin jedha» jedhaniin.
2
Mootichi, «Rabbiin ani ajaja isaa dhagayee Israa'eliin gad dhiisuuf kun eennu? ani Rabbiin hin beeku; Israa'eliinillee gad hin dhiisu» jedhe.
3
Muuse'ee fi Aaroonillee, «Waandhi Ibrootaa nutti dhufee dhibe'ee fi woraana akka gad nutti hin dhiifne karaa guyyaa sadihii deemnee akka ciincaa isaa dhiyeessinu si kadhanna» jedhaniin.
4
Mootiin biyya Misiriillee, «Atii fi Aaroonillee maaf banii hujii hiissiftan? gara hujii keessanii deemaa'a» isaaniin jedhe
5
Fari'oon, «Kunoo baniin amma lafa irratti baay'ateera; isin ammo hujii isaan hiissiftan» jedhe.
6
Fari'oon gaafasuma bulchoota banii hojjachiisaniin
7
«Isin akka armaan dura gootan san hujii dhoqqee faaraatii fi duraan buraa qara kennitaniif hin kennina'aafii isaanuu dhaqanii haa guuratanii.
8
Hujii duraan hojjatan ka faaraa san irraa hin dhidhisinaa'a; waan hujii hifatanii deemnee Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessina jedha'aa iyya'aaraniif.
9
Hujii ulfaataa haa hojjatanii; waan duwwaa akka hin yaanne» jedhee isaan ajaje.
10
Worri banii bulchanii fi hojjachiisan bayanii «Fari'oon buraa hin kennu;
11
Isinumti hulee feetan dhaqa'aa wolitti qabaa'a; hujii keessan keessaa ammo womaa hin dhidhatin» isaaniin jedhan.
12
Baniinillee buraa wolitti qabu'uuf biyya Misirii maraa keessa bittinnaayan.
13
Worri isaan hojjachiisanillee akkuma hennaa duraa buraa isinii fidaniititti hujii keessan ka guyya guyya'aa fixaa'a jedha'aa isaan jarjarsan.
14
Worri Fari'oonii hojjachiisan maaf akkuma asiin duraa kaleessaa fi adha faara laakkayame hin findhe? Jedha'aa worra Israa'eeliin irratti muudaman tuman.
15
Bulchoonni ijoollee Israa'eliillee gara Fari'oonii dhaqanii «Garboota tee irratti maaf waan kana goota?
16
ufii buraa nuu hin kennan; ufii hujii faaraa akka hojjannu nu ajajan; kunoo nu garboota tee hin tuma'aaran; miidhaan ammo banii kee irra gaya'aara» jedha'aa iyyan.
17
Mootichi deebisee «Hujii hifattaniirtan; ‹Deemnee Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessina› jettan.
18
Amma deema'aa hojjadhaa'a; buraanillee isinii hin kennamuu, laakkobsa xuubi'ii ammo guutuu fiddan» isaaniin jedhan.
19
Bulchoonni ijoollee Israa'elii hennaa guyya guyya'aan laakkobsa xuubi'ii uduu hin hanqifne fiddan jedhaniin akka dubbiin isaanitti hammaate beekan.
20
Hennaa Fari'ooniin biraa bayan, ka Muuse'ee fi Aarooniin uduu diida dhaabatanii isaan eega'aaran arganii;
21
«Isin Fari'oonii fi garboota isaanii afo'otti akka hafuura keenna jibban gootanii akka nu ajjeesan guraadee harka isaanii keettaniirtanii kana Rabbi isinitti haa argu; isinitti haa murteessu» isaaniin jedhan.
22
Muuseen gara Rabbii deebi'ee «Gooftaa kiyya maaf banii kana irra rakkinna geessite? Maaf anallee ergite?
23
haga akka ani maqaa keetiin waan ati naan jette mootii bira seenee himee asi, inni banii kana irra rakkinna guddaa geesseera; atillee banii kana harka isaa jalaa hin baafne» jedhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40