bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 16
Exodus 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 17 →
1
Baniin Israa'elii Maruu Eeliimii ka'anii ji'a lammeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti gara lafa gammoojjii «Siinii» ta Eeliimii fi siinaa jidduu jirtuu dhaqan.
2
Baniin Israa'elii maruu lafa gammoojji'iititti Muuse'ee fi Aaroonitti gunguman.
3
Baniin Israa'elii, «Gumii kana maraa beelaan fixu'uuf gara lafa gammoojji'ii kanatti nu baaftan; maal uduu biyya Misiriititti teennee nyaannee quufnee harka Rabbiititti dhumannee» isaaniin jedhan.
4
Rabbi Muuse'een, «Baniin kun seera kiyyaan hin jiraata'aa fi hin jiraatuu isaa ani isaan qora; kunoo ani Sami'ii xoroshoo isaanii roobsaa; isaan nyaata guyyaa saniif isaanii gawu callaa haa guuratanii.
5
Guyyaa jaheesso'ootitti waan dura guurata'aa turan san dachaa lamaa haa guuratanii» jedheen.
6
Kanaafuu Muuse'ee fi Aaroon ijoollee Israa'elii maraan, «Akka Rabbi biyya Misiriitii isin baase galgala kana beettan;
7
Rabbi akka isatti gungumtan waan dhagayeeruuf, bariisaa ulfinna ufii isinitti mudhisaa wonti nutti gungumtaniif nu maali'i?» isaaniin jedhan.
8
Muuseen, «Rabbi gungummii isin gungumtan waan dhagayeef galgala foon; ganama ammo xoroshoo akka quuftanitti isinii kenna; nu maali'i? Gungumuun keessan Rabbitti malee nuttii miti» jedhe.
9
Muuseen Aarooniin, «Ijoollee Israa'elii maraan Rabbi guguungumuu keessan waan dhagayeeruuf gara Rabbii dhiyaadhaa'a jedhi» jedhe.
10
Aaroon hennaa banii Israa'elii maratti dubbate isaan gara lafa gammoojji'ii deeman; achitti ulfinni Rabbii isaanitti mudhate.
11
Rabbi Muuse'een, «Ani guguungumuu Israa'elii dhagayeeraa galgala foon, ganama ammo xoroshoo nyaattanii quuftanii akka ani Rabbiin ta'e beettan isaaniin jedhi» jedhe.
13
Haga galgalaaye simbirran goota naasisa jedhaman dhufanii naannoo san guutan; ganama naannoo sanitti fixeensi bu'ee ture.
14
Haga fixeensi bu'een maayessa wonti akka barada'aa bututeeru lafa gammoojji'ii sanitti argame.
15
Baniin Israa'elii haga waan kana argan «Kun maali'i?» jedha'aa wol gaafatan; Muuseen, «Kun xoroshoo Rabbi akka nyaattaniif isinii kenne» jedhe.
16
Wonti Rabbi isin ajaje kana; «Namni maruu haga isaa gawu haa guuratuu; nama daasee keessa jiru maraafuu gomoorii tokko tokko haa fudhatanii» isaaniin jedhe.
17
Baniin Israa'eliillee akkasuma godhan; gari gariin baay'isanii; gari gariin ammo diqqeessanii guuratan.
18
Hennaa gomoori'iin safaratan worra guddisee guurateellee irraa hin hafne; worra diqqeessee guurateellee jalaa hin hanqanne; martinuu haguma isaanii gawuu guuratan.
19
Muuseen isaan maraanuu, «Eennullee ka guurate san irraa boruuf womaa akka hin hambifanne» isaaniin jedhe.
20
Isaan garuu Muuse'ee hin dhageenne; namoonni gari gariin waan guuratan san boruuf hambifatan; innillee raammayee ajaaye; Muuseen ammo isaaniin lole.
21
Namnoonni maruu waan guyya'aaf isaanii gawu ganamaan guuratan; hennaa aduun itti baate garuu isaan jalaa baqe.
22
Guyyaa jaheesso'ootitti isaan maruu dachaa lamaa godhanii xoroshoo kooboo lamaa guuratan bulchoonni banii Israa'elii dhaqanii Muuse'etti himan;
23
Inni, «Rabbi boru guyyaa hara baafataa; Sambata Rabbiif woyyoome waan ta'eef waan affeeltan affeeladhaa'a; ka hafe maraa boruuf kaayadhaa'a jedheera» isaaniin jedhe.
24
Isaanillee akkuma Muuseen isaaniin jedhe boruuf kaayatan; hin ajoofne hin raammofnelle'e.
25
Muuseen, «Sambanni Rabbii adha waan ta'eef nyaadhaa'a; adha raasa'atti hin argattanii;
26
guyyaa jahaaf guuradhaa'a guyyaan torbeesso'oo Sambata waan ta'eef hin argattan» isaaniin jedhe.
27
Guyyaa torbeesso'ootitti isaan keessaa namoonni gari gariin guurachu'uuf bayanii womaa hin argine.
28
Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Haga yoomii seeraa fi ajaja kiyya diddan?
29
akka Rabbi Sambata isinii kenne laalaa'a; kanaaf guyyaa jaheesso'ootitti nyaata guyyaa lamaa waan isinii kenneef namni maruu uduu manaa hin baane hulema jiru sanitti hara baafata'aa haa ooluu» jedhe.
30
Kanaaf baniin guyyaa torbeesso'oo san hara baafate.
31
Gofti Israa'elii nyaata saniin «Mannaa » jedhaniin; Mannaan sunillee adiidii akka ija midhaaniiti; mi'aan isaallee akka mi'aa dhaaba dammaati.
32
Muuseen, «Wonti Rabbi isiniin jedhe, hennaa biyya Misirii keessaa isin baase lafa gammoojji'ii keessatti nyaata isin nyaachise akka argan gomoorii tokko ijoollee teessanii kaayaa'a» jedhe.
33
Muuseen Aarooniin, «Xuwwee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti buusi; ijoollee ijoollee teessaniitiif akka taa'u Rabbiin afoo kaayi» jedheen.
34
Akkuma Rabbi Muusee ajajetti akka taa'u Aaroon saanduuqa waada'aa afoo kaaye.
35
Baniin Israa'elii haga lafa itti galan dhaqaniif woggaa afurtamaa mannaa nyaatan; haga daangaa Kana'aanii gayaniif isuma nyaatan.
36
Hennaa san gomooriin tokko kiiloo sadihii fi wodhakka'a.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40