bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 2
Exodus 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 3 →
1
Hennaa san gosa Leewwi'ii keessaa namni tokko dhaqee intala gosa Leewwi'ii takka fuudhe;
2
Dubartittiin sun ulfooftee ilma dhiiraa deettee inni mucaa bareedaa waan ta'eef ji'a sadihii dhossite.
3
Dhossitullee isa baasuu akka hin dandeenne beettee keeshee awwaaree irraa hojjatame qopheessitee ham'e'een qaawa maraa duuchitee daa'ima keessa keettee, qarqara lagaa beelee keessa keette.
4
obboleettiin isaallee eessa akka isa kaaya'aaran fagoo dhaabattee laala'aa turte.
5
Hennaa san mucattiin Fari'oonii dhiqachu'uuf laga buute; hojjattoonni isi'iillee qarqara lagaa deddeema'aa turan.
6
Mucattiin Fari'oonii yoo keeshee bantu, daa'imni booya'aa ture. Daa'imni garaa nyaateenii, «Daa'imni kun daa'ima worra Ibrootaati» jette.
7
Hennaa san obboleettiin isaa mucattii mootichaatiin «Deemee dubartoota Ibrootaa keessaa ta harma hoosiftee guddiftu sii soquu?» jetteen.
8
Mucattiin Fari'oonillee, «Ee; deemii naa soqi» jetteen; isiinillee deemtee haadha mucaa sanii waamte.
9
Mucattiin Fari'oonii «Daa'ima kana fuudhiitii harma naa hoosis gatii sii kaffalaa» jetteen; dubartittiinillee mucaa fuutee harma hoosifte.
10
Mucaanillee hin guddate; isiinillee gara mucattii Fari'oonii fiddee ilma isi'ii jedhame; Isiin, «Waan bisaan keessaa argeef jettee maqaa isaa «Muusee » jettee itti baafte.
11
Muuseen haga guddate gara obboleewwanii dhaqee huji'iin akka rakkata'aaran arge; nama gosa Misirii uduu inni obboleessa isaa Ibricha tuma'aaru argee,
12
bita'aa fi mirga laallatee womaa dhabee nama biyya Misirii san ajjeesee xidhacha keessatti dhosse.
13
Guyyaa lammeesso'oollee hennaa bawu namoonni Ibrootaa lamaa uduu wol lolan argee «Maaf obboleessa kee miita?» Jedheen.
14
Namichillee «Eentu nu irratti si muude? Moo akka namicha Misirii ajjeefte nallee ajjeesuu barbaaddaa?» jedheen; Muuseenillee «Wonti kun dhugamaan natti beekkameera» jedhee sodaate.
15
Fari'oon hennaa waan kana dhagaye Muusee ajjeesu'uuf soqe; Muuseen ammo Fari'ooniin jalaa baqatee biyya Miidiyaamii keessa jiraachu'uuf dhaqee boolla bisaanii biratti hara baafate.
16
Gadichi biyya Miidiyaamii tokko ijoollee intalaa torba qaba; isaan dhufanii bisaan woraabanii hoolota abbaa ufii obaasu'uuf gonga'atti guutan.
17
Tissoonni biraa dhufanii isaan ari'an; Muuseen ammo ka'ee isaan gargaaree hoolota isaanii bisaan obaase.
18
Hennaa gara abbaa ufii gara Raagu'eelii deebi'an, «Adha attamitti daddaftanii galtan?» isaaniin jedhe.
19
Isaanillee, «Namicha biyya Misirii tokkotu nu gargaaree tissoota nu irraa dhooggee bisaanillee nuu woraabee hoolota nuu obaase» Jedhaniin.
20
Innillee ijoollee ufiitiin, «Maaf dhiiftanii dhuftan ree? waama'aanii nyaata haa nyaatuu» isaaniin jedhe.
21
Muuseen namicha san bira jiraachuu murteeffate; namichi sunillee mucattii ufii Siphaaraa akka Muuse'ee haadha manaa taatuuf isaa kenne.
22
Isiinillee ilma deetteef; inni «Ani biyya kanatti gala'a jedhee maqaa mucaa ufii Geersaam » jedhee itti baase.
23
Woggoota baay'e'een maayessa mootiin biyya Misirii hin du'e; ijoolleen Israa'elii waan garbummaa ufiitiif hin booyan; hin iyyan; iyyansi isaaniitii fi booyichi isaanii Rabbiin bira gaye.
24
Rabbillee laagaa booyicha isaanii dhagayee waada Abrahaamii, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin gale yaadate.
25
Rabbi ijoollee Israa'elii akka isaan garbummaa keessatti rakkata'aaran argee waan isaaniitiif yaade.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40