bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 34
Exodus 34
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 35 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Baxxeewwan dhaga'aa lama akkuma ka duraatitti qirqidi; Ani jechoota baxxeewwan duraan caccabsitee sanniin irratti barreessaa.
2
Boru ganama qophaayii gaara Siina'aa irratti bayii na afoo dhaabadhu.
3
Eennullee si woliin achi gubbaa hin bayin; eennullee gaarran maraa irratti hin argamin; afoo gaara saniititti horiinii fi hoolonni hin bobbayin»
4
Kanaafuu Muuseen akkuma baxxeewwan duraatitti baxxeewwan lamaa dhagaa irraa qirqide; akkuma bariiteen obboroo akkuma Rabbi isa ajaje baxxeewwan dhaga'aa lamaanuu harkatti qabatee gara gaara Siina'aa ol baye.
5
Rabbi duumessa keessaan gara isaa bu'ee achi isa woliin dhaabatee maqaa Rabbii labse.
6
Rabbi afoo isaa lufee, «Rabbi; Rabbii namaa dhiisu, ka gaachena qabu, ka obsu, Rabbii abbaa arjummaa gudda'aatii fi dhuga'aa;
7
ka arjummaa ufii haga dhaloota kumaa eegu; ka yakka, balleessa'aa fi cubbuu namaa dhiisu; ka yakkamaa adabbii malee hin dhiifne, Waaqa cubbuu abbootaa haga dhaloota sadeesso'ootii fi arfeesso'oo ijoollee ijoollee isaanii irraan gawu» jedhee maqaa ufii labse.
8
Muuseenillee daddafee gad jedhee sagadee,
9
«Yabo'oo yoo ka si afo'otti gaachena argadheeru ta'e baniin kun ka lum'a jabaatu waan ta'eef ati Gooftaan keenna nu jidduu deddeebi'i; daba keennaa fi cubbuu keennallee nuu dhiisi; banii ristii teetii nu raasis» jedhe.
10
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ani waadaa kiyya hin raawwadha; banii biyya lafaa maraa fi orma maraa biratti maalalee sirima ta'ee hin beenne banii kee maraa afo'otti taasisa; wonti ani si biratti godhu waan nama sodaachisu ta'eef baniin ati woliin jirtu kunniin maruu hujii Rabbii hin argan.
11
Waan ani adha si ajaju godhi; ani worra Kana'aanotaa, Amoorotaa, Keexotaa, Eewwotaatii fi Iyyaabusootaa isin jalaa baasa;
12
akka siiboo isinitti hin taane worra hulee isin dhaxxan san isin woliin jiraatan woliin akka waadaa hin galle uf eeggadhu.
13
Hulee isaan ciincaa itti qopheessan diigaa'a; waaqa tolfamaa asheeraa jedhamtu caccabsaa'a; muka isaan ciincaa jalatti qopheessan maraa mummuraa'a.
14
«Ani Rabbi Waaqa hinaafu waan ta'eef waaqolee tolfamaa biraatii hin sagadinaa'a;
15
Worra biyya san keessa jiraatan woliin waadaa hin galin; hennaa isaan waaqa ufii duukaa deemanii seebaranii fi hennaa ciincaa isaa qopheessanii isin waaman dhaxxanii ciincaa isaanii hin nyaatinaa'a.
16
Ijoollee isaanii ta durbaa ijoolleen tee ta dhiiraa akka hin fuune; ijoolleen isaanii waaqa ufii waaqeffatanii ijoollee tee akka hin dogoggorsine uf eegi.
17
«Fakiiwwan waaqolee waa bassanii tolchanii hin waaqeffatin.
18
«Ayyaana xorosho'oo hin eedda; ji'a Abiibii keessa biyya Misiriitii waan baateef bara ajajame akka ji'a Abiibii si ajajetti guyyaa torbaa xoroshoo nyaadhu.
19
«Ka hangafa dhalate maruu kiyya; horiin kormaa ka duraa maruu sangaa ta'ee'e hoolaan kiyya.
20
Ka harreen hangafa dhaltellee korbeessaan furta; yoo furuu baatte ammo morma isaa mitigii cabsi; ijoollee tee ta hangafaa dhiira maraa hin furta. «Eennullee harka duwwaa afoo kiyyatti akka hin argamne.
21
«Guyyaa jahaa hojjadhu; guyyaa torbeesso'oo hara baafadhu; haga qottee facaafteen maayessaa fi haga haamtee galfatteen maayessa hara baafatta.
22
«Midhaan dura gaye hennaa galfattu torbaawwaniin maayessa ayyaanteffadhu; kun ayyaana hangafa midhaan haamtee galfattuuti; dhuma wogga'aatittillee hennaa midhaan galfattan ayyaanteffadhu.
23
Dhiirti mana Israa'elii maruu Rabbii Waaqa ufii afo'otti woggaa keessa harka sadihii haa mudhatanii.
24
Worra ormaa afoo keetii hin baasa; biyya tee hin badhisa; woggaa keessa harka sadihii Waaqa kee afo'otti mudhatu'uuf hennaa baatu eennullee biyya tee hin dharra'u.
25
«Ciincaa dhiigaa buddeena raacitii qabu woliin naa hin dhiyeessin; ciincaan ayyaana faasika'aa haga boruu hin bulin.
26
«Daraaraa duraa filatamaa gara mana Rabbii Waaqa keetii galchita; «Foon korbeessa hoola'aa yookaan korbeessa re'e'ee aannan haadhaatiin hin affeelin.»
27
Rabbi Muuse'een, «Jechoota kanniiniin si'ii fi Israa'eliin jiddu'utti waan waadaa galeef jechoota kanniin barreessi» jedheen.
28
Achitti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa Rabbiin woliin ture; womaa hin nyaanne womaa hin dhunne; dhagaawwan baxxee sanniin irratti jechoota waada'aa kudhan barreesse.
29
Muuseen hennaa gaara Siina'aa irraa bu'u dhagaawwan baxxee raga'aa lamaan harkaa qaba ture. Muuseen hennaa gaara irraa bu'u waan Rabbi isa woliin dubbateef akka fuulli isaa ifa'aaru ufitti hin beenne.
30
Aaroonii fi ijoolleen Israa'elii maruu hennaa Muusee argan waan fuulli isaa ifuuf isatti dhiyaachuu sodaatan.
31
Muuseen isaan waamnaan Aaroonii fi bulchoonni bani'ii maruu gara isaa deebi'an; innillee isaan woliin qaaqe.
32
Achiin maayessa ijoolleen Israa'elii maruu gara isaa dhiyaannaan waan Rabbi gaara Siina'aa irratti isatti dubbate maraa isaan ajaje.
33
Muuseen haga qaaqa isaan woliin qaaqee fixate fuulatti haguuggate.
34
Muuseen hennaa Rabbiin bira seene qaaqee haga fixatuuf haguugguu fuula ufiititti golgate fuula ufii irraa kaase; hennaa achii baye waan Rabbi isa ajaje ijoollee Israa'eliititti hime.
35
Ijoolleen Israa'elii akka fuulli Muuse'ee ife laala'aa turan; inni Rabbiin woliin qaaqu'uuf haga seenuuf deebi'ee fuulatti haguuggata ture.
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 35 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40