bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 1
Job 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 2 →
1
Biyya «Uuzi» jedhamu keessa nama maqaan isaa «Iyyoob» jedhamu tokkotu ture; Inni qajeelaa mudaa hin qabne ka Rabbiin sodaatuu fi ka hamaa irraa fagaate ture.
2
Dhiira torbaa fi intala sadihi qaba.
3
Qabeenni isaa hoolota kuma torba, gaallan kuma sadihi, qotilee morma dhibba shanii fi harriin dhaltuu dhibba shan qaba; hojjattoota baay'ee qaba; namni kun namoota gara baya biiftu'uu jiran caalaa nama dureessa guddaa ture.
4
Ijoolleen isaa ta dhiiraa kore kore'een deema'aa mana obboleeyyan ufii dhaqa'aa nyaata'aa dhuga'aa turan. Obboleeyyan intalaa sadiinillee akka isaan woliin deema'aa nyaata'aa dhugan nama erga'aa isaan waamsisa'aa turan.
5
Guyyoonni affeerra'aa haga lufaniin maayessa «maal laataa Iyyoob ijoolleen tiyya Rabbiin yakkanii, garaa ufii keessattillee arrabsinnuunii» jedhee nama erga'aa isaan woyyoomsa'aa ture; Iyyoob ganamaan ka'ee akkuma laakkobsa isaaniitiin ciincaa gubamu dhiyeesse; Iyyoob hennaa maraa akkasuma godha.
6
Gaaf tokko akkana ta'e, Maleekkonni Rabbii afoo Rabbii dhaabachu'uuf dhufan. Seexannillee dhufee jidduu isaanii dhaabate.
7
Rabbillee Seexanaan «garamii dhufte?» jedheen. Seexannillee «ardii maraa keessa asii fi achi naannayee isii keessa deddeeme» jedhee Rabbii deebise.
8
Rabbi Seexanaan «Garbichuma kiyya Iyyoobiin argitee? lafa irra namni akka isaa qajeela'aa fi mudaa irraa fagaate fayyaalessi Rabbiin sodaatu ka hamaa irraa fagaate hin jiru.» jedheen.
9
Seexannillee Rabbiin akkana jedhe, «Dhugamaan Iyyoob wonti Rabbiin sodaatuuf akkanumaanii?
10
Isaa fi mana isaa, waan naannoo isaa jiru maraa Ati hin dalloofneefii? hujii harka isaa eebbifteertaaf; horiinillee lafa irratti baay'ateeraaf.
11
Garuu harka kee diriirsitee waan inni qabu maraa uduu jalaa balleessitee; dhugamaan inni addaatama si arrabsa» jedhee deebiseef.
12
Rabbi Seexanaan, «Kunoo wonti inni qabu maruu harka kee keessa jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin» jedheen. Kanaan maayessa Seexannillee Rabbiin afo'oo bayee deeme.
13
Gaaf tokko akkana ta'e, ijoolleen Iyyoobii ta dhiiraatii fi ta intalaa mana obboleessa ufii ka hangafaatitti nyaata'aa, daadhii woyini'iillee dhuga'aa turan.
14
Guyyama san ergamaan tokko gara Iyyoobii dhufee akkana jedheen; «sangoota qambarree qota'aa turre; harriinillee raasaa nu ladda jiru dheeda'aa turan.
15
Namoonni Saaba'aa dhufanii balaa buusanii waan maraa saamanii fudhatan; garboota tee maraa guraade'een fixan; ana calla'atu dheessee waan ta'e sitti himu'uuf dhufe»
16
Uduma inni kana hima'aaru ka biraa dhufee akkana jedheen «ibiddi Rabbii samii irraa bu'ee hoolotaa fi worra tisse'eellee gubee fixe, ani callaan waan hafeef kana sitti himu'uuf dhufe.»
17
Uduu inni dubbatee hin findhe ergamaan biraa dhufee, «Kalaadaawoonni bakka sadihitti qoodamanii gaallan irratti balaa buusanii fudhatan; daa'immanillee guraadee qarameen ajjeesan; anuma calla'atu jalaa bayee kana sitti himu'uuf dhufe» jedheen.
18
Uduma inni dubbata'aaru ammallee ergamaan biraa dhufee, «Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa mana obboleessa isaanii ka hangafaatitti nyaata'aa, daadhii woyini'iillee dhuga'aa turan;
19
dimmaa bubbeen lafa gammoojji'iitii dhufee roga arfan manaa dhayee; ijoollee irratti jige, isaanillee hin du'an; ana calla'atu jalaa dheessee bayee kana sitti himu'uuf dhufe.» jedheen.
20
Waan kanniin amaraan maayessa Iyyoob gadda'aa lafaa ka'ee woyaa uffateeru tarsaase; mataa ufii hin haadate; lafatti kufee sagadee akkana jedhe,
21
«qullaa garaa haadha tiyyaa keessaa bayeera; qullama gara biyye'ee deebi'a; Rabbi naa kenne; Rabbi hin fudhate maqaan Rabbii haa eebbifamu!» jedhe.
22
Waan kana maraan Iyyoob Rabbiin hin yakkine; Rabbitti dubbii hamaa hin dubbanne.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42