bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 34
Job 34
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 35 →
1
Eelihu ammallee akkana jedhee deebise,
2
«Isin ogeeyyiin dubbii kiyya dhagayaa'a; isin beettonnillee na caqasaa'a.
3
Akkuma arrabni mi'aa nyaataa dhadhamee adda baafatu; gurri dubbii adda baafata.
4
Waan sirrii ta'e haa filannuu; waan mishaa woliin haa barannuu.
5
Iyyoob ‹Ani yakka hin qabu; Rabbi garuu dhugaa na dhooggate;
6
Yoo hagamillee nama dhuga'aa ta'e akka sobdu'uutitti laallame; uduu yakka tokkollee hin qabaatin, madaa hin fayyineen rakkata'aara› jedheera.
7
«Nama kamtu akka Iyyoobii balda akka bisaaniititti dhuga?
8
goshoonni isaa hamaa hojjatan; worri inni woliin oolullee worra hamaa hojjatu;
9
‹Rabbiin gammachiisuun namaaf homaa hin fayyadu› waan jedheeruuf.
10
«Kanaafuu isin namoonni waa hubattan na dhagayaa'a! waan hamaa hojjachuun Rabbiin biraa, dogoggorallee hojjachuun Waaqa maraa danda'u irraa haa fagaatu.
11
Rabbi namaaf akkuma hujii isaatitti isaa deebisa; akkuma deemsa isaatitti waan isa barbaachisu isaa kenna.
12
Dhugamaan Rabbi waan hamaa hin hojjatu; Waandhi maraa danda'ullee haqa hin dabsu.
13
Ardii ka yaboo isatti kenne eennu? eennu ka akka inni abbaa adunyaa kanaa ta'u isa muude?
14
Rabbi yoo namatti gara galee Hafuura ufiitii fi Hafuura namatti baafate san uduu deebifatee,
15
silaa fiixaan namaa maruu hennama tokko bada; gara biyye'ee deebi'a ture.
16
Yoo nama qalbii qabu taate kana dhagayi; dubbii kiyyallee caqasi.
17
Namni haqa jibbu bulchuu danda'aa? Rabbii gudda'aa fi qajeelaa yakkamaa gootaa?
18
Eennullee mootichaan ‹ati yakkama'a› worra baallii qabaniin, ‹isin hammeeyyi'i› jedhanii?
19
Isaan maruu hujii harka isaa waan ta'aniif; worra bulchanii hin dalamu; nama dureessallee hiyyeessa caalchisee hin laalu.
20
Isaan halkan wodhakkaa dimmama du'an; baniin hollata'aa soda'aan badan; Jajjabeeyyiinillee uduu harki eennuullee isaan hin tundhe badan.
21
Ijji isaa deemsa namaa laalti; tarkaanfii nama maraatuu hin tooyata.
22
huleen worri hamaa hojjatan itti dhokatan; dukkanni jaamaan sirima hin jiru.
23
Namni Rabbiin afoo murti'iif dhiyaachu'uuf haaganaan hin kennamuuf.
24
Bulchoota gaafii malee caccabsee isaan hurreessa; bikka isaanii ka biraa kaaya.
25
Hujii isaanii hin beeka; akka bututaniif halkaniin gara isaan gaggalcha.
26
Uduu namoonni argan sababaa hammeenna isaaniitiif isaan dhaya.
27
Wonti inni waan kana isaan irratti godhuuf waan isa duukaa bu'uu dhiisanii fi ajaja isaallee waan tuffataniif.
28
Hiyyeeyyii rakkisanii akka isaan Rabbitti iyyan godhaniiran; Rabbillee iyya hiyyeeyyi'ii dhagayeera.
29
«Yoo inni cadhise eentu isa ajiifata? yoo fuula dhoffate eentu isa arguu danda'a? Inni namaa fi bani'iillee oli.
30
Kun wonti ta'eef akka hamaan banii hin bulchineef, akka siiboo afoo isaanii hin diriirsineef.
31
«Namni Rabbiin uduu akkana jedhee woyya, ‹Ani yakkama'a; ammaa achi garuu hin yakku.
32
Waan arguu hin dandeenne na barsiisi. cubbuu hojjadhee yoo jiraadhe deebi'ee hin hojjadhu›
33
Eeganaa ati aagii galuu dida'aa, yaada ati dhiyeessitu irratti Rabbi akka dharraa kee sii raawwatu barbaaddaa?
34
«Ogeeyyiin na dhagayan maruu worri hubannaa qaban akkana naan jedhan,
35
‹Iyyoob beekkumsa malee dubbate; dubbiin inni dubbatu bu'aa hin qabu›
36
Maal Iyyoob uduu haga dhumaa ataabamee! Inni akka worra hammeeyyi'iititti deebii waan deebiseeruuf.
37
Cubbuu ufii irratti diddaa waan dabaleeruuf; nu jiddu'utti tuffi'iin waan harka dhayuuf; Rabbiin tuffachuu waan baay'isuuf.»
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 35 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42