bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 14
Job 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 15 →
1
«Nama foon uffate umuriin isaa gabaaba'a; akkasuu ta'ee ka rakkoo calla'aan guuttame.
2
Akka abaabo'oo ol bayee yoosuu harca'a; akka gaaddisaa uduu hin turin lufa.
3
Nama akkanaa kana hordoftaa ree? murti'iif uf afoo dhiyeessitaa?
4
Waan battii keessaa eentu waan qulqulluu baasuu danda'a? eennullee baasuu hin danda'u.
5
Umuriin namaa daangeffama'a; ji'oonni inni jiraatullee si biratti laakkayameera, ka daangaa umurii ati kenniteef lufu hin jiru.
6
Akkuma hojjataan guyya'aa hennaa hujii fixe gammadu, namni bara dadhabbii ufii akka gammadu obsiif.
7
«Gufuun muka murameetuu abdii qaba; deebi'ee margee damee baasuu danda'a.
8
Yoma hiddi isaa jaaree jirmi isaallee biyyee keessatti shame,
9
jiidha bisaanii yoo argate hin marga; akka biqiltu'uutitti damee haarawa baasa.
10
Namni garuu du'ee dhabama. haga du'een maayessa hoo eessatti argama?
11
«Akkuma bisaan galaanaa aaree dhumatu, akkuma bisaan lagaallee gogu,
12
Namnillee akkasuma du'aan maayessa hin deebi'u; haga samiin luftutti hin dammaqu, hirribaallee hin ka'u.
13
«Maal ta'a uduu worra du'an keessatti na dhossite! haga lolli kee lufuuf uduu na milissitee! haaganaallee gootee uduu na yaadattee!
14
Dhugama namni haga du'een maayessa deebi'ee jiraataa ta'uu danda'aa? haga jijjiiramni naa dhufutti; haga barri wondhaansa kiyyaa maruu dhumutti obsaan eeggadha.
15
Hennaa san ati na waamta, anillee si jalaa awwaadha; ana uumama kee argu'uuf yaadda.
16
Ati amma tarkaanfii kiyya maraa hordofta, ta'ullee cubbuu kiyya natti hin laakkoftu.
17
Akkuma huura qalqalatti naqanii saamsanii gataniititti, cubbuu kiyya na irraa balleessita.
18
«Gaarri yoo jige hin diiggama, dhagaanillee hule'ee gangalata.
19
Akkuma bisaan dhagaa qotee fixu, akkuma roobni jabaan biyyee haree fixu. atillee akkasuma abdii nama dadhaba'aa balleessita.
20
Hunni kee bara baraan isa irratti jabaata. fuula isaa hin jijjiirta, afoo keetiillee isa balleessita.
21
Ijoolleen isaa yoo ulfinna argatan inni hin beeku; yoo salphatanillee hin argu.
22
Garuu foon isaatitti dhukkubbii calla'atu dhagayama, Waan rakkoo ufii callaa booya»
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42