bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 31
Job 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 32 →
1
«Akka ija hawwi'iitiin bareedduu hin laalle ija tiyya woliin waadaa galeera.
2
«Hireen namaa ka Rabbiin irraa murtaayeef maali'i? qoonni Waaqa maraa danda'u ka ol teessoo ufii irra jiruun kenname hoo maali'i?
3
Nama hamaa irratti balaa, nama yakkamaa irrattillee badiin waan beekkamee mitii?
4
Rabbi karaa kiyya maraa hin arguu? tarkaanfii kiyya maraa hoo hin laakkayuu?
5
«Yoo sobaan deemee jiraadhe lutti kiyya gara sobaa yoo jarjaree jiraate;
6
Rabbi madaala dhuga'aatiin na haa madaalu; akka mudaan na irra hin jirrellee haa beekuu.
7
Tarkaanfiin kiyya karaa irraa goree qalbiin tiyya ija tiyya faana buutee, yoo harki kiyya cubbu'uun battaayee jiraate,
8
waan ani facaase namni biraa haa nyaatu; ka biqilellee buqqa'ee haa badu.
9
Qalbiin tiyya intala biraa yoo hawwitee jiraatte, balbala hiriyyaa kiyyaatitti riphee yoo isa eegee jiraadhe,
10
Haati manaa tiyya nama biraatii midhaan haa daattuu; dhiira biraa woliin haa ciiftuu.
11
Hujiin hamaan kun salphinna waan ta'eef, seera afo'otti yakka waan ta'eef itti haa murtaayuu.
12
Cubbuun kun ka akka ibiddaa gubee balleessu waan ta'eef ani uduu kana hojjadhee jiraadhee qabeenna kiyya maraa silaa balleessee ture.
13
« Hennaa garbichi kiyya ka dhiiraatii fi garbittiin tiyya ta intalaa na woliin wol falmanii, falmii isaanii tuffadhee yoo jiraadhe,
14
Gaafa Rabbiin afoo murti'iif dhiyaadhe atta ta'a? yoo na naannayu'uuf dhufe maal deebisaaf?
15
Ka gadaamessa keessatti na uume; ka tajaajiltoota tiyyallee uume isaa mitii? ka gadaamessa keessatti nu maraa hojjate isaa mitii?
16
«Hiyyeessa na kadhate dhooggadhee; haadha hiyyeessaa fuula dhooggadhee yoo jiraadhe;
17
Buddeena kiyya yoo hojja nyaadhee jiraadhe, Yoo hiyyeessaan hin geenne ta'e;
18
Ani garuu dargaggummaa kiyya irraa jalqabee akka abba'aatitti isaan guddiseera; haadha hiyyeessaallee urga dhaladhe irraa jalqabee karaa itti mudhiseera.
19
Namni tokko uffata dhabee yookaan hiyyeessa qullaa ta'ee yoo argee jiraadhe,
20
Uffata rifeensa hoolota tiyyaa irraa hojjatame uwwiseenii itti oo'ee na hin eebbifne yoo ta'e,
21
Ani yaa'ii murti'ii biratti naa dhagayan jedhee yoo hiyyeessa irratti harka kiyya kaasee jiraadhe,
22
harki kiyya ceekuu irraa haa buqqa'u, ciqileen kiyyallee cabsata irratti haa cabu.
23
Ani balaa Rabbii waan sodaadhuuf, waan akkanaa kanniin hojjachuu hin dandeenne.
24
«Worqii abdii godhadhee; worqii mishaallee yoo si abdadha jedheenii jiraadhe,
25
Qabeenni kiyya waan baay'ateef Harki kiyya waan baay'ee argateef yoo gammadee jiraadhe,
26
Aduun hennaa ifu jiinillee hennaa ulfinnaan deemu argee
27
garaan kiyya dhossa'aan sobamee, afaan kiyyallee yoo harka kiyya dhungatee jiraate,
28
waan kana godhu'uun Waaqa ol gubbaa taa'u silaa hin waakkadha ture; hujiin akkanaa kunniin sababaa cubbuu murtii du'aa namatti fiduuf.
29
«Badii nama na jibbuutitti hin gammanne, hennaa wonti hamaan isaan irra gayu natti hin tolle.
30
‹Diintonni tiyya haa badan› jedhee abaaru'uun cubbuu hin hojjanne.
31
Dhugamaan maatiin kiyya ‹namni isa biratti nyaatee hin quufne eennu?› jedhanii ragan.
32
Ani waan mana kiyya kara deemtu'uuf banaa godhuuf, sirima keessummaan raasaa bultu hin jirtu.
33
«Yakka kiyya bobaa kiyya jalatti qabadhee cubbuu kiyyallee akka namaa yoo dhossee jiraadhe,
34
Baay'inna bani'ii sodaadhee waan maatiin kiyya na tuffateef nayee hennaan ani cadhisee manatti dhokadhe hin jiru.
35
«Maal ka na dhagawu uduu jiraatee! silaa waan uf irraa dhoogguun dhiyeeffadha; Waandhi maraa danda'u naa haa deebisuu! maal uduu barreeffamni himanna'aa ka diina kiyyaa naa argamee!
36
Silaa akka malkata badhaasaatitti qoma kiyya irra kaayadha, akka gulloo ulfinnaatittillee mataa kiyya irra kaayadha ture.
37
Akka nama baallii qabuutitti uggiinsaan Rabbiin afoo dhaabadhee waan godhe maraa tartiibaan ibsaaf ture.
38
«Worra seeraan abbaa lafaa ta'an dhiphisee lafa isaanii yoo fudhadhee qotee jiraadhe,
39
yoo sanyii gatii malee nyaadhee jiraadhe abboota lafaallee yoo gaddisiisee jiraadhe,
40
Bikka qamadi'ii qoree'e, bikka garbu'uu qummuudduun natti haa bawu» dubbiin Iyyoobii asitti dhume.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42