bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 27
Job 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 28 →
1
Iyyoob ammallee akkana jedhee dubbate,
2
«Rabbii jiraataa murtii na dhooggate! Waandhi jiraataan waa maraa danda'u jireenna na hadheesse.
3
Hafuurri kiyya na keessa, Hafuurri Rabbiillee uduu na keessa jiru,
4
afaan kiyya keessaa hamaan hin bayu; arrabni kiyya soba hin dubbatu.
5
Waan isin dubbattan maraa dhuga'a jedhee sirima hin fudhadhu; haga gaafa du'uutitti qajeellumma'aan jabaachuu kiyya hin dhiisu.
6
«Ani dhugaa tiyyaan jabaadha; bara jireenna kiyyaa maraa keessi kiyya kanaan na hin himatu.
7
«Diintota tiyya akka cubbamtootaatitti; worra na mormanillee akka hammeeyyi'iititti isaanitti haa murtaayu.
8
Hennaa Rabbi lubbuu isaanii baasu'uun umurii isaanii gabaabse; namoonni Rabbiin waakkatan abdii maal qaban?
9
Dhugamaan hennaa rakkoon dhufe Rabbi iyya isaa hin dhagayaa?
10
Waaqa waa maraa danda'uun hin gammadaa? Rabbiin hennaa maraa hin waamataa?
11
«Ani hunni Rabbii hagam guddaa akka ta'e isin barsiisa; waan Waaqa waa maraa danda'u bira jiru hin dhossu.
12
Kunoo isin maruu argitaniirtanii; maaf waan duwwaa kana dubbattan ree?»
13
«Kunoo Waandhi maraa danda'u; nama hama'aa fi dharticha akkanatti adaba.
14
Ijoolleen isaa yoo baay'atan lolatu fixa; fiixaan isaa midhaan dhabanii beelayan;
15
Worri kana irraa hafan dhukkubaan dhuman; haawwotiin hiyyeessaa tammaan isaaniituu isaanii hin booyan.
16
Inni birrii akka biyye'ee tuuluu, uffatallee akka dhoqqe'ee wolitti guuruu hin danda'a.
17
Garuu uffata namni hamaan wolitti qabe qajeela'atu uffata; birrii inni tuulatellee qulqullootatu qoodama.
18
Manni inni ijaaru mana akka mana daarabaaftu'uutii fi akka goom'ee midhaan eegu'uuf ijaaraniititti diiggama.
19
Namni hamaan qabeenna tuulatee haga dhumaa rafa; yoo dammaqu garuu qabeenni isaa maruu badeera.
20
Naasuun akka haro'ootitti dimmaa isa irra gara gala; halkaniin bubbeen isa fudhatti.
21
Qilleensi baya biiftu'uu mana isaa keessaa, haxaayee isa baasa.
22
Dheessee jalaa bayu'uuf yoo badadellee, qilleensi itti cima; jalaa bayuu hin danda'u.
23
Namni harka itti dhaya; fiiqu'uun hule'ee isa baasan.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42