bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 5
Job 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 6 →
1
« Iyyoob! mee waami ka si jalaa awwaatu jiraa? qulqulloota keessaa gara eennuu dhaxxa?
2
Nama gowwaa aari'itu ajjeesa; ceem'aalessa hinaaffa'atu balleessa;
3
Namni gowwaan ka uf ijaaree jiraatu arge; garuu dimmaa lola Rabbiitiin manni isaa abaarame.
4
Ijoolleen waan wobiin isaan irraa fagaateef bakka murti'iititti miidhaan isaan irra gaye; worra isaan oolchu waan hin qabneef.
5
Waan inni wolitti qabate beelaya'atu nyaata; kama qoree keessatti biqilellee isaa hin dhiisan; worri dheebotan qabeenna isaa fudhachu'uuf hawwan.
6
Rakkinni biyyee keessaa hin dhufu; gideenillee lafaa hin biqilu.
7
Namni akkuma qaanqee ibiddaa qilleensa keessa naannayu'uuf rakkinnaaf dhalate.
8
Ani garuu uduu si ta'ee Rabbiin kadhadha ture; waan kiyyallee Rabbitti dhiyeeffadha ture.
9
Inni waan guddaa hin qoratamnee fi maalalee hin laakkayamne godha.
10
Lafa irratti rooba roobsa lafa qonnaallee bisaaniin jiisa.
11
Worra salphatan ulfinnaan ol isaan qaba worra gaddan gara hulee amansiisutti isaan baasa.
12
Hujiin isaanii akka isaanii hin qajeelle yaada dhartootaa duwwaa godha.
13
Ogeeyyii ogummaa isaanii ka dharaatiin isaan qaba; gorsa hammeeyyi'iillee dafee balleessa.
14
Guyya'aan isaanitti dukkanaaya; guyyaa adi'iin akka waan halkaniititti rifatan.
15
Hiyyeeyyii hunna guraadee diina isaanii jalaa isaan oolcha.
16
Hiyyeeyyi'ii abdii kenna; hammeenna garuu lafa irraa balleessa.
17
Namni Rabbi adabu eebbifama'a! kanaafuu lola Waaqa kee ka maraa danda'uu hin tuffatin.
18
Inni hin cabsa; deebisee yaala; nama madeessa; harki isaa nama fayyisa.
19
Balaa jahan keessaa si hambisa; torbeessoo keessattillee hamaan woyiituu si irra hin gawu.
20
Hennaa beelaa du'a jalaa, lola keessatti guraadee jalaa si hambisa.
21
Arraba hamaa jalaa si dhossa; Badiinillee yoo dhufe hin sodaattu.
22
Badi'ii fi beela irratti hin kolfita; busaayaa lafa gammoojji'ii hin sodaattu
23
Lafa qotattu irratti dhagaan si hin rakkisu, busaayaa lafa gammoojji'iitiinillee wolii galta.
24
Daasee kee keessa akka nageenni baay'ate hin beetta. moonaa kee hin tooyatta wonti tokkollee si jalaa hin dhidhatu.
25
Fiixaan kee akka guddaa ta'u, Dhalli keellee akka marga lafaatitti akka baay'atu hin beetta.
26
Akkuma qamadiin haga haamamuuf maasaa keessa turu, atillee jaarrumaan woggaa dheeraa lafa irra jiraatta.
27
Nu'u waan kana maraa qorannee akka dhugaa ta'e argineerra. Atillee hubadhuu hujii irra oolchi.»
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42