bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 24
Job 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 25 →
1
«Baroonni Waaqa maraa danda'u jalaa waan hin dhokanneef, worri isa beekan maaf ji'oota hin argine?
2
«Namoonni hammeeyyiin daangaa diigan; hoolota saama'aa bobbaafatan.
3
Harree ijoollee abba'aa fi haadha hin qabnee saaman; sangaa dubartii abbaa worraa hin qabnee akka qabdi'iititti fudhatan.
4
Hiyyeeyyii jibbanii karaa irraa ari'an; isaan garuu isaan afo'oo dheessanii dhokatan.
5
«Hiyyeeyyiin akka harree diidaa ka lafa gammoojji'ii jiraniititti; nyaata ijoollee ufiitiif barbaadu'uuf bayanii raatayan.
6
Qaxaramanii qixiraa nama biraa wolitti qaban; woyinii nama cubbama'aa keessaa soqatoo soqatan.
7
Uffata malee qullaa bulan; uffata qorraan uf irraa dhoogganiin hin qaban.
8
Rooba gaara irraa gad roobuun shaman; waan jalatti qophatan dhabanii dhagaa jala bulan.
9
«Mucaa abbaa hin qabne garboonfachu'uuf harma afaanii butanii fudhatanii deemaniin. rakkataa harkaa qabdii fudhatan.
10
Hiyyeeyyii uffata malee huji'itti bobbaasan; ji'oota haama'aa beelaan akka qixiraa baadhatan godhan.
11
Dhaaba woyini'ii ka worra hammeeyyi'ii keessaa muka ejersaa irraa dhadhaa ejersaa baasan; hurbuu woyini'ii irraa daadhii woyini'ii naqan; isaan garuu hin dheebotan.
12
Qacha'aa fi manniin ufii keessaallee hin ari'aman; lubbuun ijoolle'ee gargaarsa barbaaddee iyyiti, Rabbi garuu dhiibbaa isaan irratti godhan san hin laalle.
13
«Namoonni ifa jibban hin jiran; ifti maal akka ta'e waan hin beenneef karaa ifaa hin deeman.
14
Ka lubbuu baasullee uduu hin bariine ganamaan ka'a; rakkattootaa fi hiyyeeyyii ajjeesa; halkanillee hannaaf bobba'an.
15
Namni seebaru haga dhiituuf eega; eennullee akka isa hin argineef fuula ufii dhoffata.
16
Halkaniin mana cabsanii seenan; guyyaa hin dhokatan; ifallee hin jibban.
17
Ifni ganamaa isaan maraafuu akka gaaddisa du'aati; naasuu gaaddisa du'aa waan beekaniif.
18
«Isaan akka hoomacha bisaan irraa ka mudhatee baduu hennama diqqoo mudhatan; lafti isaanii ka abaarame ta'a; gara dhaaba woyinii isaanii eennullee hin dhaqu.
19
Akkuma oo'i baradaa bassee hule'ee balleessu cubbamtoonnillee du'anii worra du'etti eda'aman.
20
Gadaamessi isaan baadhate isaan hin irraanfata; raammoon foon isaan dhota; hammeeyyiin lamuu hin qaabataman; akkuma munni caccabutti caccaban.
21
Dhabduu hin deenne hin saama; dubartii abbaa worraa hin qabneefillee waan mishaa hin godhu.
22
Rabbi garuu worra baallii qaban hunna ufiitiin balleessa; yoma jireenni isaanii waan qajeele fakkaatellee abdii jiraachu'uu hin qaban.
23
Yoo Rabbi akka nagayaan jiraatan godhellee karaa isaan deeman maraa xiinxallee laala.
24
Hennaa diqqo'oof ol ol jedhan; hin deeman; akka baala quuree mataa gad qabatuutitti mataa gad qabatan; akka midhaaniititti haamaman;
25
Yoo akkanaa miti jedhame; ani akka sobaa ta'ee fi akka dubbiin ani dubbadhe sirrii hin taane ka mirkaneessu eennu?»
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42