bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 19
Job 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 20 →
1
Iyyoob akkana jedhee deebise;
2
«Haga yoomii na rakkiftan? haga yoomii dubbi'iin hamilee kiyya cabsitan?
3
Hennaa kudhan na arrabsitan; hennaa na salphiftan hin saalfattan.
4
dhugamaan yoo dogoggoree jiraadhe; dogoggorri kiyya anuma miidha.
5
Dhugamaan isin yoo uf natti jajjanii jiraattan; salphinna kiyya ijoo irratti wol mormitan godhattan.
6
Garuu ka woshaadoo rakko'oo kana keessatti na gate Rabbiin akka ta'e akka beettan barbaada.
7
Yoo miidhame jedheellee iyye; ka naa dhagayu hin arganne; laagaa ol qabadhee iyye'eefillee haqa hin arganne.
8
Rabbi karaa kiyya maraa waan cufeef karaa lufuun hin qabu; karaa ani keessa deemu dukkanaan golge.
9
Ulfinna na irraa mulqe; gulloo ulfinnaallee na irraa kaasee na salphise.
10
Nafa kiyya karaa maraan tumee caccabsee na diige; abdii kiyyallee akka muka hiddaan buqqa'ee jiguu godhe.
11
Rabbi lolee balaa natti buuse, akka diinaatittillee na laakkaye.
12
Na balleessu'uuf loltoota ufii natti erge; isaan naannaya daasee kiyyaatitti kushee ijaaratanii na marsan.
13
«Rabbi akka obboleeyyan tiyya na irraa fagaatan godhe; namni na beeku maruu orma natti ta'e.
14
Firri kiyya na irraa fagaate; goshoonni kiyyallee na irraanfatan;
15
Worri ani mana kiyyatti isaan keessummeesse marti na irraanfatan; garboonni tiyya ta intalaa maruu akka galtu'uutitti na laalan akka ormaatittillee na laakkayan.
16
Garbichi kiyya yoo waamu na jalaa hin awwaatu; na gargaari jedhee yoo isa kadhadhellee tole naa hin jedhu.
17
Haati manaa tiyya foolii kiyya jibbite. obboleeyyan tiyyallee na xireeffatte.
18
Daa'immanumtillee na tuffatan; Yoo na arganillee natti baldan.
19
Goshoonni kiyya ka natti dhiyaatanillee na xireeffatan; namoonni ani jaaladhu akka diinaatitti natti ka'an.
20
Foon na irraa dhumee gogaan kiyya lafe'etti na maxxane; irga kiyya calla'atu hule'etti hafe.
21
«Goshoota tiyya! harki Rabbii waan na dhayeef, yabo'oo isin naa gaddaa'a, garaa naa laafaa'a!
22
Akka Rabbi itti na ari'etti isinillee maaf na ariitan? ka haga ammaa na rakkiftan isin hin gawuu?
23
«Namni waan haga ammaa ani dubbadhe yaadatuu fi ka akka kitaabaatittillee barreessu uduu argamee ani silaa attamitti gammada!
24
Maal ta'a uduu meeshaa sibiilaatii fi irsaasi'iin barreeffamee, yookaan qarsaa irratti qirqidamee bara baraaf akka hin banne ta'ee!
25
Garuu fayyisaan kiyya jiraataa akka ta'ee fi guyyaa dhumaatitti ana oolchee lafa tana irra ol jedhee akka dhaabadhu hin beeka.
26
Yoma gogaan kiyya kun nyaattamee dhumellee ani foon kiyya irraa fooyamee akka Rabbiin argu hin beeka.
27
Kun woma ani arga'aaru; waan biraatii miti; ijuma tiyyatu arga'aara; garaan kiyya guyyaa san guddiftee hawwiti.
28
«Jaalalloota tiyya! na ujultanii na rakkisa'aa sababaan rakkinnaallee isuma jedha'aa dubbattan.
29
Lolli Rabbii waan adabbii guraade'ee fiduuf, akka guraadeen isin hin nyaanne uf eegaa'a murtiin Rabbiillee akka jiru beekaa'a»
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42