bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 22
Job 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 23 →
1
Eelfaaz namni biyya Teema'aa akkana jedhee deebise,
2
«Namni Rabbiin fayyaduu danda'aa? dhugamaan namni ogeessi uf fayyada malee Rabbiif hin ta'u.
3
Hujiin kee mishaan hoo Waaqa waa maraa danda'u hin gammachiisaa? Karaa kee qajeelfachuun maal isa fayyada?
4
Eeganaa Rabbi wonti si irratti murteesseef; wonti akkanatti siin loleef waan jaalalloo isaa taateef seetaa?
5
Hammeenni kee baay'ee mii? cubbuun keellee dhuma hin qabu.
6
Obboleeyyan tee sababaa tokko malee qabdii qabsiifteerta; namoota biraallee uffata irraa mulqattee qullaa isaan hambifteerta.
7
Nama beelayaa fi dheebu'uun dadhabe; midhaanii fi bisaan dhooggatte.
8
Ardiin qabeenna namoota jajjaba'aatii fi ta namoota murtaayee callaa taateerti.
9
Dubartoota abbaan worraa isaanii jalaa du'e harka duwwaa geegessite; Ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne waan isaan qaban jalaa balleessiteerta.
10
Sababaa kanaaf kunoo siibo'oon marfamteerta balaan dimmaa dhufu si raasa.
11
Akka hin argineef ifti dukkana sitti taate. lolaan bisaanii si liqimse.
12
«Rabbi samii ol gubba'aa irra jiraataamii? yoma urjiiwwan ol gubbaa jiraatanillee inni gubba'aa gad isaan laala.
13
Ati garuu, ‹Rabbi maal beeka? dukkana jaamaa keessa taa'ee murteessuu hin danda'aa?
14
Akka inni hin argine duumessi gurraachi isa dhosseera; samii irra deema› jetta.
15
«Dhugama lafa cubbamtoonni irra jiraatan; karaa durii san irra jirtaa?
16
Isaan bee hennaan isaanii uduu hin geenne qoomamaniiranii. lola'aan haramanii sirima badaniiran.
17
Rabbiin ‹Ati nu irraa fagaadhu; Waandhi maraa danda'u maal nuu godhuu danda'a?› jedhaniin.
18
Rabbi garuu mana isaanii waan misha'aan guute; kanaafuu gorsa cubbamtootaa hin fudhadhu.
19
Adabbii namoota hammeeyyi'ii arganii namoonni mimmishaan gammadan; qulqulloonnillee akkana jedha'aa isaanitti kolfan;
20
‹Dhugamaan diintonni teenna badaniiran; qabeenni isaaniillee ibiddaan gubate.›
21
«Kanaafuu Iyyoob! Rabbiin wolii gali; isa woliin nagaya qabaadhu; yoo kana goote waan mishaa argattaa.
22
Seera afaan isaa keessaa bayu fudhadhu; dubbii isaallee onnee kee keessa kaayadhu.
23
Yoo gara Waaqa maraa danda'uu deebitee gad uf deebifte; cubbuu mana kee irraa yoo fageessite;
24
Worqii daaraa keessatti; worqii oofriimiillee dhagaa bisaan keessaa jiddu'utti yoo gatte;
25
Yoo san Waandhi maraa danda'u worqi'ii fi birrii falaqqisu sii ta'a.
26
Yoo san Waaqa maraa danda'uun gammadda. fuula keellee gara Rabbii deebifatta.
27
Isa kadhatta; innillee sii dhagaya. woreega qabdellee hin kennita.
28
Hin mari'attaanille'e, sii ta'a. Ifnillee karaa kee irratti hin ifa.
29
Rabbi worra uf tuulu hin salphisa; worra kasoo garuu hin oolcha.
30
Ati yoo nama onnee qajeela'aa taate; Rabbi waan hamaa maraa irraa si eega; harki keellee yoo yakka irraa qulqullaaye; Rabbi si oolcha»
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42