bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 29
Job 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 30 →
1
Iyyoob ammallee akkana jedhe deebise,
2
«Jireenni kiyya ka ammaa kun jireenna duraan akka Rabbi itti na eega'aa ture san uduu naa ta'ee hawwa!
3
Hennaa dukkana keessa deemu san, Rabbi ibsaa ufii naa ibsa'aa ifa keessa deema'aa ture.
4
Akka hennaa qaama guutu'uun jiruu; akka hennaa Rabbi mana kiyya tissee san uduu ta'ee!
5
Hennaa Waandhi maraa danda'u na woliin jiru, hennaa ijoolleen tiyya na marsaniiran,
6
Hennaa lutti tiyya dhadha'aan dhiqamtu, hennaa ani qabeenna qabu ka aannaniin luka dhiqadhu, hennaa munni woyini'ii ka lafa dhaga'aa irratti biqile dhadhaa ejersaa ka akka lola'aa yaa'u naa kenna ture.
7
Hennaa gara karra qachatti'ii bayu, hennaa hulee itti gad bayan afoo teessoo kiyya kaayadhu,
8
Ka'imman hennaa na argan kabajja'aaf na jalaa goran; manguddoonnillee kabajjaa maqaa kiyyaatiif hulee taa'anii na jalaa ka'an.
9
Bulchoonni bani'ii worri dubbii dubbatan yoo na argan harka ufii afaan ufii irra kaayatanii cadhisan ture.
10
Ajajoonni biyyaa hulee ani jirutti hin cadhisan; arrabni isaanii hidhamee dubbachuu dadhaban ture.
11
«ka na dhagaye maruu na jaje; ka na arge maruu na galatoonfate.
12
wonti kun maruu ta'eef waan iyya hiyyeeyyi'ii dhagayee gargaaree fi ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne waan irkiseef.
13
Worra du'aaf qophaayan waan gargaareef na eebbisan; dubartoota abbaan worraa jalaa du'e waan gargaaruuf gammachu'uun faarfatan turan.
14
Qajeellummaa akka uffataatitti, murtii sirrii ta'e akka woya'aatitti uffadhe.
15
Worra ijji hin argineef ija; worra hokkoluuf luka ta'e.
16
Hiyyeeyyi'ii abbaa ta'e; ormaafillee hin falma ture.
17
Boqoo cubbama'aa hin cabse; waan saamee fudhatellee afaan isaa keessaa buusisiise.
18
«‹Umuriin kiyya akka shashare'ee baay'atee, uduma mana kiyya keessa jiru ulfinnaan du'a› jedhee ture.
19
Ani akka muka bisaan soqaa hidda ufii diriirsuutii fi akka muka dameen isaa lalisuu ture.
20
Hennaa maraa akkuma kabajjametti jiraadha; hunni kiyyallee guyya guyya'aan haarawooma ture.
21
Namoonni na dhagayu'uuf cadhisa; gorsa kiyya dhagayu'uuf cadhisan ture.
22
Dubbiin kiyya waan isaan quubseef haga ani dubbadheen maayessa namni dubbatu hin jiru ture.
23
Akkuma qonnaan bulaan rooba badheessaa hawwu isaanillee dubbii kiyya dhagayu'uuf afaan bananii na eegan ture.
24
Ani isaanitti seeqannaan gammadan; fuulli kiyya ifnaan fuulli isaanii ka gurraachate hiikkame.
25
Ani akkuma ufii fedhetti isaan bulcha'aa ture; akkuma mootii loltoota ufii masakkuutitti isaan masakka'aa ture; hennaa gaddanillee isaan jajjabeessa'aa ture.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42