bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 15
Job 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 16 →
1
Eelfaaziin biyya Teema'aa akkana jedhee deebise,
2
«Dhugama namni ogeessi, beekkumsa akka qilleensaa hin qabamneen naa deebisaa? garaa ufii keessatti yaada hamaa qabatuu barbaachisaa?
3
Dubbii faayidaa hin qabnee fi haasaya bu'aa hin qabne irratti wol mormaa?
4
Ati Rabbiin sodaachuu dhiifteerta; Waaqeffannaa Rabbiin barbaachisutti gufuu taateerta.
5
Cubbamaa ta'uun kee dubbii keetiin beessisa; garuu dubbii qarumma'aatiin dhossuu barbaadda.
6
Ka sitti murteessu arraba keeti malee anaa miti. dubbii afaan keetiititu sitti murteessa.
7
«Ati nama dura dhalatee? mo'o uduu gaarran hin uumamne dhalatte?
8
Ati gumii Rabbii woliin teettee kana dhageetteertaa? yookaan ogummaan sima calla'aa kennamee?
9
wonti nu hin beenne ka ati beettu maali'i? wonti nu bira hin jirre ka ati hubattu maali'i?
10
Worri umuri'iin abbee caalan, jaarsonni arri'ii nu woliin jiran.
11
«Si jajjabeessuun Rabbii, yookaan suuta jedhee sitti himuun isaa sitti diqqaatee?
12
maaf yaadaan shiftite? maaf aari'iin ija babaafta?
13
Kana godhuu keetiin hafuura kee Rabbitti kakkaafteerta; jecha himanna'aa ka akkanaa kana mara haga dubbattu geetteerta.
14
«Namni qulqulluu ta'uu danda'aa? namni qajeelaa ta'uu danda'aa?
15
Rabbi maleekkotaa hin amanu; Samiiwwanuu isa afo'otti qulqullu'uu miti.
16
Namni battaayaanii fi jibbisiisaan; ka cubbuu akka bisaaniititti dhugu hagam kanniin irra diqqa'a?
17
«Na dhagayi addaataa sitti dubbadhaa; waan argellee sitti himaa;
18
waan ogeeyyiin abboota ufii irraa fudhatan ka uduu hin dhossin dubbatan si hubachiisaa.
19
Lafti isaanuma calla'aa kennamtee turte; ormi isaanitti hin galle.
20
«Namni hamaan nama miidha'aa jiraatu; umurii ufii maraa uduu rakkatu jiraata.
21
Laagaa naasisu gurra ufiitiin dhagaya; hennaa wonti maruu nagaya itti fakkaatutti wonti isa balleessu itti dhufa.
22
Hireen isaa guraade'een du'uu waan ta'eef, abdii dukkana jalaa bayu'uu hin qabu.
23
Akka nyaata allaatti'ii darbaniititti gatama; guyyaan dukkanaa ka inni itti badu akka dhiyaate hin beeka.
24
Rakko'oo fi dhiphinni isa sodaachisa. akka mootii lolaan mooyatameetitti mooyataniin.
25
«Wonti kun ta'eef waan harka ufii Rabbitti kaaseef, Waaqa waa maraa danda'u waan uggeef.
26
Akki itti uggeenillee gurmuu ufii irratti wontee jaba'aa fi badhaa baatee, uf jaju'uun waan itti fiigeef.
27
Fuulli isaa coomaan bobbokoke, mudhiin isaa coomaan furdate.
28
«Namni kun qachoota diiggaman; ka manoonni keessa hin jiraannee fi manniin jigu'uuf ta'an keessa jiraata.
29
Hin duroomu; qabeenni isaallee hennaa baay'ee hin turu; lafa irratti hin baay'atu.
30
Inni dukkana jalaa dheessee hin bayu; akka muka damee isaa arrabni ibiddaa gosseetii fi akka daraaraa isaa ka qilleensi harcaasee ta'a.
31
Inni waan duwwaa hedata'aa uf hin sobin waan akka kanaan nama gatii hin qabne ta'ee hafuuf.
32
Uduu hennaan hin geenne akka muka jirmi isaa goguutii fi muka dameen isaa hin lalifnee ta'a.
33
Akka biqiltuu woyini'ii ka uduu hin bilchaanne hurbuu harcaafateetii fi akka muka ejersaa ka daraaraa ufii harcaafatuu ta'a.
34
«Namoonni Waaqummaa Rabbii waakkatan fiixaan isaanii hin dheeratu; manniin gabbarsu'uun ijaaraman ibiddaan gubatan.
35
Namoonni akkanaa kunniin daba karoorsan; rakkinna uumatan; yaanni isaanii ka sobaan guuttame.»
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42