bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 39
Job 39
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 40 →
1
«Hennaa arroolleen gammoojji'ii itti dhalu beettaa? hennaa hiddiin dhalu'uuf foolattu hoo argitee beettaa?
2
Ji'oota isiin rimayaan turtu laakkoftee beettaa? hennaa isiin dhaltu hoo beettaa?
3
Jilbiiffatanii dhalan; dhiphinna foolannootaa irraa hara baafatan.
4
ilmooleen isaanii hin jabaatan; raasaa keessatti guddatan; fooyamanii deeman; gara isaaniillee hin deebi'an.
5
«Harree diidaa eentu bilisa baase? harree gammoojji'ii hidha'aa eentu hiike?
6
Lafa gammoojji'ii hulee itti bobba'an; lafa sooqiddaa hulee jireennaa godhee kenneef.
7
Qachoota jeequmsi itti baay'ate irraa fagaatanii jiraatan; woca ka isaan oofullee hin dhagayan.
8
Gaara irratti bobba'an; marga lalisaa nyaata isaanii ta'u maraa argachu'uuf barbaadan.
9
«Gafarsi si tajaajilu'uuf hin ajajamaa? moonaa kee keessa buluu danda'aa?
10
akka sii qotuuf qambaruu dandeettaa? mo'o si duubaan deema'aa qonna kee keessaa hadaa sii guura?
11
Waan hunni isaa jabaa ta'eef isa hedattaa? hujii kee ulfaataa isatti dhiifattaa?
12
Midhaan kee wolitti qabee akka oobdi'itti sii tuulu hedattaa?
13
Guchiin koola ufii gammachu'uun hurgufatti; garuu akka allaattii kaawwaniititti hin barartu.
14
Kallee ufii lafa irratti buufti; akka biyyee keessatti oo'u gooti.
15
‹Ka karaa san deemu luka ufiitiin hin cabsa; bineensi bosonaa irra ijjatee cabsa› jettee hin yaaddu.
16
Akka waan ka isi'ii hin taaneetitti ilmoolee ufiititti garaa jabaatti; uduu dadhabbiin isi'ii duwwaa ta'elle'ee womaa itti hin fakkaatu.
17
Akkanatti ka ogummaa isii dhooggate; akka isiin gowwaa taatuu fi ka hubannaallee isii dhooggate ana.
18
Yoo fiigichatti kaate garuu, fardaa fi ka farda gulufsiisu yoo morkeen itti kolfiti.
19
Fardaa hunna kenniteertaa? morma isaatitti hoo gam'aa uwwifteertaa?
20
ka akka korophiisaatitti utaalchisuun si'ii? fooqqifni isaa nama sodaachisa
21
Faradoon hennaa yaabbatanii gara woraanaa deemaniin hunna ufii hedatanii dhangala'an.
22
Waan tokkollee hin sodaatan; naasuullee hin qaban; yoo guraadeellee itti luqqifatan irraa hin deebi'an.
23
Meeshaan woraanaa ka worri lolaaf deemu harkatti qabatu aduu keessatti hin falaqqisa, hennaa wol tuqu sagalee dhageessisa.
24
Yoo xurumbaan afuufamu garjabeennaa fi lolaan lafa sochoosan.
25
Hennaa laagaan xurumba'aa dhagayamu hashu jedhan. fagoo dhaabatanii duula iyya bulchootaatii fi raafama loltootaa hafuura fuudhan.
26
Dhugama cululleen ka lafa maru koola ufiillee ka gara kibbaa diriirsu ogummaa keetiinii?
27
Bajja ol bayee, gubba'atti ka maandhee ijaaratu ajaja keetiinii?
28
Bajja qilee irra jiraata; achuma bula; kusheen isaallee qaccee dhaga'aati.
29
Achuma taa'ee waan butu soqa. ijji isaa waan fagoo jiru argiti.
30
Bajja naannoo raqaatii hin dhabamu; ilmooleen isaa dhiiga dhugan.»
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 40 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42