bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 41
Job 41
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 42 →
1
Amma naacha hookkoo qurxummii ittiin qabaniin baaftaa? arraba isaa hoo haadaan hiitaa?
2
Hennaa lafti bari'e funyoo funyaanitti gootee dandeetta mo'o? boqoo isaa makkalla'aan woraantee qaalawa baasuu dandeettaa?
3
Inni dhugamaan si kadhataa? jecha mishaa sitti dubbataa?
4
Amma si woliin waadaa gala mo'o? bara baraan garbicha isa godhattaa?
5
Akka simbira woliin taphattutti isa woliin taphachuu hin dandeettaa? ijoollee tee ta intalaa akka ittiin taphatan hin hiitaafii?
6
Worri daldalu isa bitu'uuf irratti wol mormanii? mo'o mummuranii adda qoodan?
7
Gogaa isaa hulee barbaaddetti lulumaan woraantee bassuu'u; mataa isaa cuuphe'een woraantee baqassuu hin dandeettaa?
8
Mee yoo dandeette harkaan tuqi; yoo san sirima isaan wondhaansa wolitti bayuu hin irraanfattu; deebiteellee isaan wondhaansa bayu'uuf hin badaddu.
9
Isa tooyadha jechuun waan hin danda'amne; ijaan isa laaluunuu nama hollachiisa.
10
Ka isa sochoosuu uggu hin jiru; eeganaa ka na afoo dhaabachuu danda'u eennu ree?
11
Isa tuqee ka nagayaan deemuu danda'u eennu? Sami'ii gad eennullee hin jiru.
12
Waan nafa isaa; waan hunna isaa jaba'aatii fi waan nafa isaa misha'aa ani hin cadhisu.
13
Gogaa isaa eentu irraa mulqa? boqoo isaa lamaan keessa eentu seena?
14
Afaan isaa eentu bana? naannaya ilkaan isaa gaachenatu jira.
15
Gogaan duddaa akka wontee tartiibaan kaayameeti; waan guddisanii wolitti dhiyaataniiraniif akka sibiilaa jabaata.
16
Waan wolitti maxxananiiraniif; qilleensi edduu isaanii seenuu hin danda'u.
17
Waan wol qabataniiraniif; womtuu addaan isaan hin baasu.
18
Hennaa inni haxxifatu, waan akka ifaatitu falaqqisa; Ijji isaa akka aduu ganamaa ifi.
19
Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatitu baya; qaanqee ibiddaatitu isa keessaa faca'a.
20
Akka distii danfeetii fi akka hunxuxii gubatuu funyaan isaa keessaa aarri baya.
21
Hafuurri isaa cilee bobeessa; arraba ibiddaatitu afaan isaa keessaa baya.
22
Mormi isaa hunna guutuu qaba; fuulli isaa guddisee nama sodaachisa.
23
Gogaan nafa isaa dachaa ta'ee wolitti maxxaneera; nafti isaa akka sibiilaa jabaata.
24
Onneen isaa akka dhaga'aa jabaata; jabeenni isaa akka dhagaa daaku'uuti.
25
Hennaa inni ka'u jajjaboonni hin sodaatan. sababaa naasu'uutiin maraatan.
26
Guraadee, eboo, boda'aa fi woraanaan uduu itti ka'anii hin mooyataniin.
27
Sibiila akka bura'aa, sibiila diimaa akka muka hururee butucha.
28
Buundhe'een ari'uun hin danda'amu; dhagaan furaanfurrisaallee isaa akka bura'aati.
29
Inni ulee tuffatee akka margaatitti laakkaya; hennaa namoonni ebo'oon darbataniin tuffatee isaanitti kolfa.
30
Hennaa dhoqqee keessa deemu gogaan isaa qarama'aa fi jabaan sun akka maarasha'aatitti lafa baqassa.
31
Galaana akka bisaan danfee godha; akka dhadhaa ejersaa ka ottee keessatti danfuutitti danfisiisa.
32
Karaan inni irra darbu hin ifa; bisaan galaanaallee hin hoomacheessa.
33
Inni uumama hin sodaanne waan ta'eef, uumamni akka isaa sirima adunyaa irra hin jiru.
34
Uumama gugurdaa ta'an maraa hin tuffata; inni mootii worra boonu maraati.
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 42 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42