bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 42
Job 42
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
1
Kanaan maayessa Iyyoob akkana jedhee Rabbii deebise,
2
«Akka ati waan maraa godhuu dandeettu; akka karoorri kee sirima dhooggamuu hin dandeenne beekeera.
3
Ka uduu beekkumsa hin qabaatin dubbii kiyya milissu eennu? jetteerta; dhugama waan naa hin galle, waan hin beennee fi waan hubachuu hin dandeenne dubbadheera.
4
‹Yabo'oo hin dubbadhaa na dhagayi; ani si gaafadhaa atillee natti dubbadhu.› naan jette;
5
Dhagayuu gurraan dhagayee ture; amma garuu ijji tiyya si argiteerti.
6
Kanaafuu uf tuffadhee biyye'ee fi daaraa irra taa'ee aagii gala.»
7
Rabbillee Iyyoobitti waan kanniin haga dubbateen maayessa Eelfaaz nama biyya Teemaaniitiin akkana jedhe, «Isin akka garbicha kiyya Iyyoobii waan kiyya dubbii qajeelaa waan hin dubbanneef lolli kiyya si'ii fi goshoota tee lamaan irratti bobayeera.
8
Eeganaa amma mirgoolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba qabadha'aatii gara garbicha kiyya Iyyoobii dhaqa'aa waan keessaniif ciincaa gubamu dhiyeessaa'a; garbichi kiyya Iyyoob isinii kadhataa, anillee akka ceem'aa keessanii akka isin irratti hin gooneef kadhaa isaa hin dhagaya; akka garbicha kiyya Iyyoobii dubbii qajeelaa waan kiyya waan hin dubbanneef.»
9
Kanaan maayessa Eelfaaz namni biyya Teemaanii, Baldaadoos namni biyya Shuha'aatii fi Soofaar namni biyya Naa'ima'aallee deemanii akka Rabbi isaan ajaje godhan; Rabbillee kadhaa Iyyoobii hin dhagaye.
10
Iyyoob waan goshoota ufii haga kadhateen maayessa, Rabbi boojuu isaa hin deebise; Rabbi waan duraan qabu caalaa dachaa lama godhee deebisee kenneef.
11
Obboleeyyan dhiiraatii fi ta intalaa ta isaa, worri duraan isa beekan maruu gara isaa dhufanii mana isaatitti isa woliin dhiyana nyaatan. Waan isaatiif hin gaddan; waan hamaa Rabbi isatti fide maraaf jajjabeessaniin. Isaan maruu birri'ii fi qubee worqi'ii kennaniif.
12
Rabbi Iyyoobiin waan duraa caalaa eebbiseen; hoolota kuma kudha afurii, gaallan kuma jahaa, sangaa morma kuma tokkootii fi harriin dhadhaltuu kuma tokko qaba.
13
Deebi'ee ijoollee dhiiraa torbaa fi ijoollee intalaa sadihi argate.
14
Maqaa ta hangafaa Yimiimaa, ta lammeesso'oo Qaasiyaa, ta sadeesso'oo Amaltooyaas Qiraas jedhee itti baase.
15
Bareenni akka ijoollee intalaa ta Iyyoobii biyya maraa keessa hin jiran; abbaan isaanii obboleeyyan isaanii woliin lafa isaanii kenne.
16
Kanaan maayessa Iyyoob woggaa dhibbaa fi afurtama jiraatee ijoollee ufiitii fi ijoollee ijoollee ufii haga dhaloota afurii arge.
17
Iyyoob jaaree umurii geeffatee du'e.
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42