bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 9
Job 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 10 →
1
Iyyoobillee akkana jedhe deebise,
2
«Dhugamaan akka akkana ta'e ani hin beeka. garuu namni Rabbiin afo'otti akkamitti qajeelaa ta'a?
3
Namni uduu isaan wol mormuu barbaadee, waan kumaa keessaa tokkottimallee deebisuu hin danda'u.
4
Ogummaan Rabbii gad fago'o; Inni ka baallii qabu; hunni isaa guddisee jaba'a; eentu Isaan mormee nagayaan jiraate?
5
Uduu isaan quba hin qabaatin gaarran raasa; lola ufiitiinillee gara isaan gaggalcha.
6
Ardiillee hulee isi'iitii isii raasa; utubaawwan isi'iillee hin sosochoosa.
7
Aduu akka hin baane dhoogguu danda'a; urjiiwwanillee akka hin ifne taasisa.
8
Samiiwwan hojja ufii diriirsa; Dambalii galaanaa irra deema.
9
Urjiiwwan bineensa «Doobbaa» jedhaman fakkaatu, Urjiiwwan «Ooriyoon» jedhaman torban; akkasuma tuuta urjiiwwanii ka gara kibbaatiin jiran ka Samii irra kaaye Rabbi.
10
Waan gugurdaa hin qoratamne, waan maalale'ee ka hin laakkayamnellee hin godha.
11
Uduu Rabbi ladda kiyya lufee hin arguun, uduu gara kiyya dhiyaatelle'ee adda baasee isa hin beeku.
12
Uduu waan barbaade fudhatee eentu isa dhoogga? eentu uggee ‹kana maaf goota?› jedhee isa gaafata.
13
Rabbi lola ufii irraa duubatti hin deebi'u; worri isaa gaditti Ra'aabiin gargaaranuu Isaa sagadan.
14
Sirimaa isaa deebisu'uuf; dubbii kiyyallee isa afo'otti filachu'uuf ani eennu?
15
Ani uduu qulqulluu ta'ee argamelle'ee; Waandhi murteessu akka naa dhiisu kadhadha malee deebii isaa kennuu hin uggu.
16
Maqaa isaa waamee yoma deebiillee naa kennee iyyata kiyya naa dhagaya jedhee hin amanuun.
17
Qilleensa haboonbolatti'iitiin na cabsa; Sababaa malee madaa kiyya baay'eessa.
18
Akka hafuura baafadhu na hin dhiisu; Garuu waan hadhaayaa na quubseera.
19
Hunna yoo ta'e inni hunna caalu qaba; mormadhee gara mana murti'ii isa dhiyeessa yoo jedhe, eentu isa naa dhiyeessa?
20
Ani nama qulqullu'uu fi nama dhuga'aati; garuu qaandhi kiyya yakkamaa na taasisa.
21
Ani hagamillee yoo qulqulluu ta'e waan kiyya hin yaadu; jireenna kiyyallee hin jibba.
22
Wonti kun maruu tokko; kanaafuu qulqullootaa fi hammeeyyii hin balleessa jedha.
23
Namni hennaa bala'aan dhayamu, inni rakkoo nama qulqullu'uu asheessa.
24
Hennaa biyyi harka hammeeyyi'iititti kennamtu, Inni ija worra murtii kennuu hin jaamsa. ka waan kana godhe yoo Rabbiin hin taanee inni eennu ree?
25
«Barri kiyya nama fiigu caalaa ariifata; uduu gammachuu hin argine lufan.
26
Akka markaba dhallaadduu irraa hojjatamee caalaa ariifata. akka bajjaa waa butuutitti fiiga.
27
Ani gungummii kiyya guddaa hin irraanfadha; fuula kiyya gurraacheessuu dhiisee yoo fuula ifa jedhe;
28
Akka qulqulluu na hin goone waan beekuuf, rakkoo kiyya maraa hin sodaadha.
29
Ani eega akka nama yakkama'aatitti laallame; maaf akkanumaan dadhaba ree?
30
Qaama kiyya uduu saamuna'aan dhiqadhee, harka kiyyallee uduu guddisee qulqulleessee,
31
Ati xiillaa jala na liccisiifta. uffannummaan kiyyaa na ceem'a.
32
Isa woliin gara murti'ii dhiyaannee deebii isaa kennu'uuf; inni akka kiyya namaa miti.
33
Maal ta'a uduu abbaan murti'ii ka nu lamaaniifuu murteessu uduu nu jiddu'utti argamee!
34
Rabbi ulee ufii na irraa haa kaasu; gaachenni isaallee na hin sodaachisin.
35
Ani akka namoonni na yaadan waan hin taaneef, Isa uduu hin sodaatin itti dubbadha ture.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42