bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 16
Job 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 17 →
1
Iyyoob akkana jedhee deebise,
2
«Dubbii akkanaa kana hennaa baay'ee dhagayeera; isin maruu jajjabeessitoota nama rakkisu,
3
Dubbiin keessan duwwaan kun dhuma hin qabuu? wonti isin na woliin hagana akka logamtan isin taasise maali'i?
4
Isin bakka kiyya taatanii; ani bakka keessan uduu ta'ee; tuffi'iin mataa raasa'aa waan isin amma natti dubbattan kana maraa silaa midhaassee isinitti dubbachuu danda'a ture.
5
Anillee silaa dubbima afaan kiyyaatiin isin jajjabeessa; arraba kiyyaanillee dhukkubbii keessan hin salphisa ture.
6
Garuu baay'ee dubbadhe'eefillee dhukkubbiin kiyya naa hin salphatu; cadhiseellee yoo obse rakkinni na irraa hin ka'u.
7
Waandhana! nafa kiyya fayyaa dhooggite; maatii kiyya maraa na jalaa fixxe.
8
Qonshooruun fuula kiyyaa ragaa natti ta'e; huqqinni kiyyallee natti ka'ee ati cubbama'a jedhee natti rage.
9
Rabbi lolee nafa kiyya kukkute; jibbansaan ilkaan natti qarate. diinni kiyya ija natti babaase.
10
Namoonni na marsanii natti baldan coora'aa dhabanaasa'aan na dhayan.
11
Rabbi namoota hammeeyyi'itti dabarsee na kenne; harka worra dhibanii irratti na gate.
12
Ani silaa nagayaan jiraadha; Rabbi garuu lola ufiitiin na caccabse. hudhee lafaan na dhaye; karoora ufii keessa na oolfate.
13
Worri eboo qaban na marsan. uduu garaa hin laafne kalee kiyya kukkutan. hadhooftuu na jissan.
14
Deddeebi'ee na madeesse; akka loltuu jaba'aatitti utaalee na irra baye.
15
Gaddaaf uffata gaddaa hodhadhee uffadhe; daaraa keessatti gombifame.
16
Booyichaan fuulli na diimate. Dukkanni jaamaanillee nyaara ijaa na cufe.
17
Kun maruu ta'ee cubbuun ani hojjadhe hin jiru; garaa qulqullu'uun Rabbiin kadhadha.
18
«Laftana! daba na irratti hojjatame hin dhossin! iyya waan haqaatiif gara kee iyyadhu akka dhokatee hafu hin godhin!
19
Kunoo ka naa mormuu fi ka naa falmu Samii jira.
20
Goshoonni tiyya ija tuffi'iitiin na laalan; ani garuu Rabbumatti booya.
21
Akkuma namni firaa fi fira wolitti araarsu, namaa fi Rabbiinillee ka wolitti araasu uduu argamee!
22
Dhumti umurii kiyyaa dhiyaateera; Gara hulee hin deebinee dhaqu'uuf baruma diqqo'otu na hafe.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42