bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 30
Job 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 31 →
1
«Amma garuu worri umuri'iin naa gad jiran natti baldan; abboonni isaanii worra ani tuffadhu worra sariin hoolota tiyya tissanittuu hin bikkamne.
2
Hunni isaanii waan dadhabaa ta'eef anaa womaa hin fayyadan turan.
3
Sababaa rakko'oo fi beelaatiin gara lafa gammoojji'ii deema'aa hidda gara garaa nyaata'aa turan.
4
Baala sooqidda sooqidda dhawu ka lafa gammoojji'ii jiru guurata'aa turan; hidda muka dhittacha mi'aa hin qabnee nyaata'aa turan.
5
Namoota irraa fooyamanii ari'aman; akkuma namni hattu'utti iyyu isaanittillee iyyan.
6
Isaan worra hulee jireenna ufii dhooqa, godaa fi qilee keessatti qotame keessa jiraatu ta'an.
7
Bosona keessa naannaya'aa akka bineensa bosonaa iyyan; saatoo jalattillee wolitti qabamanii jiraatan.
8
Shabbeenaan tumama'aa biyyaa ari'amu'uun, maqaan isaanii bada'aa worra sammuu hin qabne ta'anii jiraatan.
9
«Ani amma nama isaan itti sirbanii fi tirrii itti dhiitan ta'eera.
10
Na ceem'anii na irraa fagaatan; sodaa tokko malee na afo'otti hancufa tufan.
11
Rabbi waan hunna kiyya dadhabsiisee na salphiseef, akkuma farda akkuchaan irraa furamee natti burraaqan.
12
Mirga kiyyaan worra haala malee guddatantu natti ka'e; na kuffisu'uuf luka kiyya jala siiboo kaayan; hujii badaa ufiillee gara kiyya deebisan.
13
Karaa natti cufanii na balleessuu barbaadan; ka waan kana godhuu isaan dhooggu hin jiru.
14
Akkuma lolaan kutee seenu, waan waa na irraa ittisu kutanii natti seenan; waan maraa caccabsa'aa natti dhufan.
15
Naasuun guddaan na qabeera; ulfinni kiyya akka qilleensa bubbisee lufuutitti lufe; abdiin fayyummaa kiyyaallee akka hurri'iititti bittinnaayee bade.
16
«Lubbuun tiyya guddiftee dhiphatte, du'aafillee dhiyaadheera.
17
Halkan guutuu lafeewwan kiyya na dhukkuba'aa bulan, dhukkubbiinillee hara na hin baafachiisu.
18
Sababaa dhibee guddaa qabuutiin uffanni kiyya hin bade. akka morma shamisi'iititti hudhee na qabe.
19
Rabbi darbee dhoqqee keessatti waan na gateef biyye'ee fi daaraa fakkaadhe.
20
«Yaa Rabbi! gara kee iyye naa hin deebifne; ol ka'e; na hin laalle.
21
Deebitee garaa natti jabaatte. jabeenna harka keetiitiin na dhiphifte.
22
Lafaa na kaaftee qilleensa irra na teessifte; bubbee haboonbolatti'iitiin na bassite.
23
Mana jiraattonni maruu du'aaf keessatti wolitti qabamaniif akka dabarsitee na kennitu beekeera.
24
Namni rakkate gargaarsaaf harka diriirsee yoo iyyu dhugamaan namni isa hin miidhu.
25
Ani namoota rakkataniif hin boonnee? hiyyeeyyi'iif hoo hin dhiphannee?
26
Waan mishaa argadha jedhee hawwe garuu waan hama'atu na irra gaye; ifni naa baya jedhee uduu eeggadhu guyyaan natti dukkanaaye.
27
Keessi kiyya hin dhiphate; womaa nagaya hin arganne. guyyaan rakkinnaallee na irra gaye.
28
Qaamni kiyya oo'a adu'uutiin uduu hin taane, gaddaan gurraachate. hulee itti gad bayan jidduu dhaabadhee gargaarsa gaafadhe.
29
Ani nama irraa fooyamee jeedalaaf obboleessa; guchi'ii goshoo ta'e.
30
Gogaan kiyya gurraachatee na irraa harca'e. lafeen kiyyallee sababaa oo'aatiin gubate.
31
Masiinqo'oo fi kiraariin gammachuu kiyya ittiin dhageessisa'aa ture amma ka laagaa guungummii gadda kiyyaa ittiin dhageessisan ta'e.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42