bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 20
Job 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 21 →
1
Soofaar namni biyya Naa'ima'aa akkana jedhee deebise,
2
«Iyyoob! aariin tiyya akka deebii sii kennu na taasifte; kanaaf ariifadhee dubbadhe.
3
Wonti ani dhagayu dheekkamsa na salphisu dandeettiin hubannaa kiyyaa akka deebii sii kennu na taasise.
4
«Haga namni lafa irratti dhalate irraa jalqabee dur irraa akkanuma akka ta'e hin beetta.
5
Dhaaduun nama hama'aa hennaa gabaaba'aaf; namoonni Rabbiin ganan gammachuun isaanii haguma limsuu ijaatitti bada.
6
Namni hamaan uf jajuu ufiitiin haguma sami'iillee yoo ol fagaate yoo mataa ufiitiin duumessa tuqe;
7
Inni baraa haga bara baraa akka fiindo'ootitti bada; namoonni isa arga'aa turan eessa dhaqe? jedhan.
8
Akka eebju'uutitti waan baduuf hin argamu; akka manaaba halkaniititti bada.
9
Hulee jiraatuu sirima waan baduuf; ijji achiin dura isa argite deebitee isa hin argitu.
10
Ijoolleen isaa horii inni hiyyeeyyii jalaa hunnaan saame kaffalu'uuf kadhatan.
11
Nafti hunna dargaggummaa isaa hennaa diqqo'oon maayessa biyyee ta'a.
12
«Yoma hammeenni isaa akka nyaataatitti itti mi'aayee arraba ufii jalatti dhoffatellee;
13
Akka jalaa hin dhumneef afaan ufii keessatti alansha'aa tursiisellee
14
garaa isaa keessatti hadha'atti jijjiirama; akka summii bofaa itti ta'a.
15
Namni hamaan qabeenna nyaate uduu hin jaalanne deebisa. Rabbi waan garaa isaa keessa jiru maraa hin tufsiisa.
16
Namni hamaan summii xuuxa; hadhaan buuti'ii isa ajjeesa.
17
Dhadhaan ejersaa akka lola'aatitti yoo yaa'u; aannanii fi dammi akka bisaan fincaaya'aatitti yoo yaa'u uduu hin argin du'a.
18
Bu'aa dadhabbii ufii hin nyaatu; deebisee kenna malee; qabeenna daldalee argatettillee hin gammadu.
19
Wonti kana ta'uuf waan hiyyeessa miidhee fi mana ufii hin ijaarre hunnaan waan fudhateef.
20
Dodhummaan isaa hara baafata isa dhooggeera. qabeenni inni tuulatellee isa oolchuu hin danda'u.
21
Qabeenni isaa maruu xuruuramee waan dhumuuf woma afaaniin qabullee hin argatu.
22
Yoo haga fedhellee duroome hin biibbaya; rakkoon guddaanillee isa irra gaya.
23
Yoma nyaadheellee hin quufa jedhe; Rabbi lola ufii gudda'aan isa dhaya. balaa ufiillee itti buusa.
24
Guraadee sibiilaa jalaa yoo bayellee eboo sibiila diima'aatiin woraannama;
25
eboonillee fulla'ee duddaan baya; arfiin isaa ka calalaqu tiruu kukkutee lufa; sodaa gudda'aan garaan isaa raafama.
26
Qabeenni inni tuulate maruu dukkana jaamaa keessatti jalaa bada; ibidda harki namaa hin qabsiifnetu isa guba; qabeenna mana isaa keessatti hafe maraa hin guba.
27
Cubbuu inni hojjate Samiiwwan maruu hin saaxilaniin. laftillee diina itti taati.
28
Gaafa dheekkamsa Rabbii qabeenni mana isaa maruu akka bisaanii yaa'ee lufa.
29
Hireen Rabbi worra isa didaniif murteesse; gatiin worra hammeeyyi'ii kana.»
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42