bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Job 13
Job 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 14 →
1
«Kunoo waan kana maraa ijji tiyya argiteerti; gurri kiyyallee dhagayee hubateera.
2
Waan isin beettan anillee ima beeka; ani sirima isinii gadii miti.
3
Garuu Waaqa waan maraa danda'u woliin dubbachuu barbaada, ani waan kiyyaa Rabbitti falmadha.
4
Isin garuu worra sobaan guuttame; isin worra nama yaalu ka fayyisuu hin dandeenne.
5
Uduu cadhiftanii jiraattanii, silaa kun ogummaa isiniif ta'a!
6
«Ammallee mormii kiyya dhagayaa'a; falmii kiyya caqasaa'a.
7
Maaf maqaa Rabbiitiin soba dubbattan? gowwoomsu'uun waan Rabbiin gammachiiftan seetanii?
8
Isaaf daloo hojjattanii? Isaa falmitanii?
9
Rabbi uduu isin qoratee, waan mishaa isin keessatti argaa? akkuma nama gowwoomsitan isallee waan gowwoomsitan isinitti fakkaataa?
10
Dhossa'aan yoo daloo hojjattan, Rabbi isin teedeffata.
11
Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu? Gaachenni isaa isin hin naasisuu?
12
Mammaanni keessan akka daara'aati; gatii hin qabu, mormiin keessan akka faaraatitti caccabee bututa.
13
Mee cadhisaa'a, amma ani haa dubbadhuu; achiin maayessa wonti fedhe natti haa dhufuu.
14
«Ani maaf foon kiyya ilkaan kiyyaan ciniinee lubbuu tiyya harka kiyyaan qabadhe ree?
15
Kanaafuu uduu inni na ajjeesuu fedhelle'ee isa obsaan eeggadha, karaa kiyya irra dhaabadhee waan jiruu tiyyaa falmadha.
16
Namni cubbamaan waan Rabbiin afoo dhiyaatuu hin dandeenneef, maal laataa ugguun kiyya kun fayyinnaaf sababaa naa ta'uu danda'a.
17
Waan kiyya jabaadha'aa dhagayaa'a. ragaa kiyyallee gurra keessaniin caqasaa'a.
18
Ani amma dubbii kiyyaa toora qabsiifadheera; akka dhugaa argadhullee hin beeka.
19
Ka na himatu jiraa ree? yoo jiraate ani cadhiseetuma du'a.
20
Gooftaa kiyya ani akka si afo'otti hin dhokanne; waan kanniin lamaan naa godhi.
21
Irree kee ka adabbi'ii na irraa kaasi; gaachena keetiin na hin sodaachisin.
22
«Waandhana! dura ati dubbadhu anillee sii deebisaa; yookaan ani hin dubbadhaa ati naa deebisi.
23
Yakkinii fi cubbuun ani qabu ka hagam gayu? balleessaa kiyyaa fi cubbuu kiyya natti himi.
24
Wonti fuula kee na dhoffatteef; akka diinaatittillee wonti na laakkofteef maali'i?
25
Akka baala bubbeen harcaaftuutii fi akka buraa gogeetitti maaf sodaachiftee na ariita?
26
«Himannaan ati na irratti barreessite guddisee hadhaaya; cubbuu ani daa'imummaa irraa jalqabee hojjadhe naa hin dhiifne.
27
Luka kiyya gudeelcha jiddu'utti hiiteerta, deemsa kiyya maraa hin tooyatta. faana luka kiyyaa hin qoratta.
28
Sababaa kanaaf ani akka waan shamee ta'ee jiraadha; akka uffata xiinxanaan nyaateetitti bada.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42