bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 11
Genesis 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 12 →
1
Bara san baniin lafa irraa maruu afaan tokko dubbatan ture.
2
Namoonni baya biiftu'uutii hennaa ka'an Sanaa'oritti raasaa tokko arganii achitti quphatan.
3
«Koottaa'a biyyee faara dhoofnee ibiddaan gubnee hojjannaa» woliin jedhan; Faarri sunillee gogee akka dhaga'aa isaanii ta'e; akka kanaan faara hojjatan argatan; bikka dhaga'aa faara biyyee irraa hojjatame ham'e'een wol qabsiisanii,
4
«Koottaa'a qachaa lafa irraa haga Sami'ii gawu, gamoo ijaarannee lafa irratti uduu hin bittinnoofne ittiin gurra baanaa» jedhan.
5
Kanaan maayessa Rabbi gamo'oo fi qachaa ijoolleen Aadamii ijaarte laalu'uuf gad bu'e.
6
Rabbi, «Isaan gosa tokko, afaan tokko dubbatan, wonti isaan godhan kun ka jalqabaati; akkaataa kanaan waan karoorfatan maraa hin dadhaban.
7
Kanaafuu koottaa'a buunee akka isaan wolii hin galle afaan isaanii adda adda goonaa» jedhe.
8
Kanaan maayessa Rabbi lafa maraa irra isaan bittinneessinaan qachaallee ijaaruu dhiisan.
9
Kanaaf maqaan isi'ii Baabiloon jedhame waan Rabbi achitti afaan banii biyya lafaa maraa wol milissee isaan tamsaaseef.
10
Horteen Seemii kana; Seem bisaan badi'iitiin maayessa woggaa lamaa turee Arfaakisdiin uumate; hennaa san inni nama woggaa dhibbaati.
11
Seem haga Arfaakisdiin uumateen maayessa woggaa dhibba shanii jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e.
12
Arfaakisd woggaa dhibbaa fi soddomii shanii jiraatee Qaayiniimiin uumate.
13
Arfaakisd Qaayiniimiin haga uumateen maayessa woggaa dhibba afurii jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e. Qaayiniimillee woggaa dhibbaa fi soddoma jiraatee Saalaa uumate; Qaayiniim haga Saalaa uumateen maayessa woggaa dhibba sadihii fi soddoma jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e.
14
Saalaanillee woggaa dhibbaa fi soddoma jiraatee Eebooriin uumate.
15
Saalaan Eebooriin haga uumateen maayessa woggaa dhibba sadihii fi soddoma jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e.
16
Eeboorillee woggaa dhibbaa fi soddomii afurii jiraatee Faaleeqiin uumate.
17
Eeboor Faaleeqiin haga uumateen maayessa wogga dhibba afurii fi soddoma jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e.
18
Faaleeqillee wogga dhibbaa fi soddomaa jiraatee Raagiwuuniin uumate.
19
Faaleeq haga Raagiwuuniin uumateen maayessa woggaa dhibba lamaa fi sagal jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa ta biraallee uumatee du'e.
20
Raagiwuunillee woggaa dhibbaa fi soddomii lama jiraatee Seeroohiin uumate.
21
Raagiwuun Seeroohiin haga uumateen maayessa woggaa dhibba lamaa fi torba jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa ta biraallee uumatee du'e.
22
Seeroohi woggaa dhibbaa fi soddoma jiraatee Naakooriin uumate.
23
Haga Naakoor dhalateen maayessa Seeroohi woggaa dhibba lama jiraatee ijoollee dhiiraatii fi intalaa ta biraallee uumatee du'e.
24
Naakoorillee woggaa dhibbaa fi sagal jiraatee Taaraa uumate.
25
Naakoor haga Taaraa uumateen maayessa wogga dhibbaa fi diddamii sagal jiraatee ijoollee dhiiraatii fi intalaa ta biraallee uumatee du'e.
26
Taaraanillee woggaa dhibba jiraatee Abraam, Naakoorii fi Haaraaniin uumate.
27
Horteen Taara'aa kana; Taaraan Abraam, Naakoorii fi Haaraaniin uumate; Haaraan looxiin uumate.
28
Haaraan Uuri biyya kalaadaawotaa hulee itti dhalate keessatti abbaa biratti du'e.
29
Abraamii fi Naakoor haadha manaa fuudhan; maqaan haadha manaa Abraamii Soora'a; haati manaa Naakoorii Milka'a; isiin mucattii Haaraaniiti; Haaraan abbaa Milka'aatii fi ka Yooska'aati.
30
Sooraan dhabduu finna hin qabne turte.
31
Taaraanillee ilma isaa Abraamii fi ilma ilma isaa, ilma Haaraanii looxiin, intala ilma ufii ta Abraamii Sooraa fa'a qabatee gara biyya Kana'aanii deemu'uuf Uuri biyya Kalaadaawotaatii bayanii gara Kaaraanii dhaqanii achi taa'an.
32
Umuriin Taara'aa woggaa dhibba lamaa fi shan gayee Kaaraanitti du'e.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50