bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 20
Genesis 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 21 →
1
Abrahaam achii ka'ee gara biyya Neegeebii dhaqee Qaadeesii fi Suuriin jidduu biyya Geerara'aa keessummummaa jiraate.
2
Abrahaam haadha manaa ufii Saaraa obboleettii tiyya jedhe; mootiin Geerara'aa Abemelek nama itti ergee Saaraa fudhate.
3
Garuu Rabbi halkan eebju'uun Abemelekitti dhufee, «Ati intala abbaa worraa qabdu waan fudhatteef hin duuta» jedheen.
4
Abemelek waan isii bira hin geenneef «Yabo'oo banii qajeelaallee hin balleessitaa?
5
‹Obboleettii tiyya› ka naan jedhe isaamii? isiinillee akkasuma ‹inni obboleessa kiyya› jette; qajeellummaa onnee tiyyaatii fi qulqullummama yaada kiyyaatiin waan kana godhe» jedheen.
6
Rabbillee eebju'uun, «Qajeellummama onnee teetiitiin akka waan kana goote ani hin beeka; Anillee akka ati cubbuu hin hojjanne, akka isii hin tundhe si dhoogge.
7
Amma ammo haadha manaa isaa deebisiif inni waan raatticha ta'eef Waaqa sii kadhataa; atillee hin ooltaa; yoo deebisu'uufii baatte ammo ati akka duutu, wonti ati qabdu maruu akka du'u beeki» jedheen.
8
Abemelekillee ganamaan ka'ee garboota ufii maraa waamee waan kana maraa isaanitti hime namoonnillee guddisanii sodaatan.
9
Kanaan maayessa Abemelek Abrahaamiin waamee, «Maaf akkana na goote? ani waan badaa maal si irratti hojjadhe? anaa fi mootummaa kiyya irrattillee cubbuu guddaa hojjatte, waan hin malle na irratti hojjatte.» jedheen.
10
Abemelekillee Abrahaamiin, «Maal argitee kana goote?» jedheen.
11
Abrahaamillee, «Hulee kanatti Rabbiin sodaachuun waan hin jirreef haadha manaa tiyyaaf jedhanii waan na ajjeesan seeyeeti» jedheen.
12
Isiin obboleettii tiyya waan abbaan kiyya uumatuuf; ammo isiin mucattii haadha tiyyaatii miti; anaaf haadha manaa taate.
13
Kanaafuu ani hennaa Rabbi mana abbaa kiyyaatii na baasu akkana isi'iin jedhe ‹Biyyuma dhandhu marattuu jasaan ati naa gootu kana; ‹Inni obboleessa kiyya jedhi› jedheenii ture» jedhe.
14
Kanaan maayessa Abemelekillee hoolota, horii, garboota dhiiraatii fi garboota intalaallee fuudhee Abrahaamii kennee haadha manaa isaa Saaraa deebiseef.
15
Abemelek, «Biyyi tiyya kunootii hulee feete taa'i» jedheen.
16
Saara'aanillee, «Akka ati nama waan battii hin hojjannee fi qajeeltuu taate namoonni si woliin jiran maruu akka hubatanii fi malkata akka ta'u qarshii kuma tokkoo obboleessa kee Abrahaamii kenneera» jedheen.
17
Achiin maayessa Abrahaam Rabbiin kadhate; Rabbillee Abemelekii fi haadha manaa isaa, hojjattoota isaallee oolchee akka isaan finna argatan taasise.
18
Rabbi sababaa haadha manaa Abrahaamiitiif gadaamessa worra mana Abemelekii maraa cufee ture.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50