bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 46
Genesis 46
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 47 →
1
Israa'el waan ufii qabu maraa qabatee gara biyya Beersaabeehii dhaqee Waaqa Yisaaqii abbaa ufiitiif ciincaa dhiyeesse.
2
Rabbi halkan eebju'uun itti mudhatee, «Yaaqoob! Yaaqoob!» jedhee waame. Innillee, «Yaa Gooftaa kiyya» jedhe.
3
«Ani Waaqa abboota keetiiti; gara biyya Misirii dhaquu hin sodaatin; ani achitti banii guddaa si taasisaa;
4
ani si woliin gara biyya Misirii dhaqa; hortee teellee deebisee achii baasa; hennaa ati duutu Yooseef ija gad sii haxaaya» jedheen.
5
Yaaqoob Beersaabeehii ka'ee konkolaataa fardaa ka Fari'oon akka ijoolleen Israa'elii Yaaqoobiin ittiin fidu'uuf ergeen abbaa isaanii Yaaqoobiin, Ijoollee isaaniitii fi dubartoota isaanii yaabbisanii gara biyya Misirii fidan;
6
horii ufiitii fi waan biyya Kana'aaniititti argatan maraa qabatanii Yaaqoobii fi horteen isaa maruu isa woliin gara biyya Misirii dhaqan;
7
Ijoolleen isaa ta dhiiraa, ijoolleen ijoollee isaa ta dhiiraa, ijoollee intalaatii fi ijoollee ijoollee dhiiraa ta intalaa ufii hortee ufii maraa uduu hin hambifne gara biyya Misirii isaan fide.
8
Maqaan ijoollee Israa'elii ka biyya Misirii galanii kanniin; Yaaqoobii fi ijoolleen isaa ilmi hangafaa ka Yaaqoobii Roobeel,
9
Ijoolleen Roobeelii Heenoon, Faalusoo, Asroonii fi Karmi'i.
10
Ijoolleen Simoonii Yimu'eel, Yaamiin, Ohaad, Yaakiin, Tohaarii fi Ilma intala biyya Kana'aanii Saa'ul.
11
Ijoolleen Leewwi'ii Geedisoon, Qa'aatii fi Meeraari.
12
Ijoolleen Yihuuda'aa Eer, Awunaan, Seeloom, Faareesii fi Zaara'a. Eerii fi Awunaan biyya Kana'aaniititti du'an; Ijoolleen Faareesii Eediroomii fi Hamul.
13
Ijoolleen Yisaakoorii Tolaa, Fuwaa, Yoobii fi Shimiroon.
14
Ijoolleen Zaabiloonii Seereed, Eeloonii fi Yaahili'eel.
15
Ijoolleen Liyaan biyya Mesephexoomiyaa Sooriya'aatitti Yaaqoobii deettee fi mucattiin isi'ii Diina'a; ijoolleen Liya'aa ta dhiiraatii fi ta intalaa, ijoolleen ijoollee isi'ii maruu wolitti qaba'atti nama soddomii sadihii kanniin.
16
Ijoolleen Gaadii Tiifoon, Hagii, Shunii, Eesboon, Eer, Aroodii fi Ar'eel.
17
Ijoolleen Aseerii Yimnaa, Yasuwaa, Yasuwii, fi Bari'aa fa'a. Obboleettiin isaanii Seeraahi. Ijoolleen Bari'a'aallee Hebeerii fi Maalki'eel.
18
Ijoolleen Zalafa'aa ta Laabaan mucattii ufii Liya'aa kenne ta isiin deettee fi ijoolleen ijoollee isi'ii namoota kudha jaha.
19
Ijoolleen Yaaqoobii ta Raaheel deette Yooseefii fi Biiniyaam.
20
Yooseefillee biyya Misiriititti Minaase'ee fi Efreemiin uumate; kunniin ijoollee Asnaatii ta intalti gadichi qachaa Heliyootu'uu Phiixifaara'aa Yooseefii deette.
21
Ijoolleen Biiniyaamiillee Beelaa, Beekeerii fi Asbeel; ijoolleen Beela'aallee Geeraa, Naa'imaa, Aak, Roos, Maanfeen, Huufiim, Geeraamii fi Aardiin fa'a.
22
Ijoolleen Raaheel Yaaqoobii deette ijoollee isaanii woliin namoota kudha afur.
23
Ilmi Daanii Huushiim.
24
Ijoolleen Niftaalemiillee Yaahisi'eel, Gunii, Yeetirii fi Shiileem.
25
Ijoolleen Baala'aa ka Laabaan Raaheelii kenne ta isiin Yaaqoobii deette wolitti qabaa nama torba.
26
Namoonni Yaaqoobiin woliin gara biyya Misirii galan haawwota manaa ta ijoollee ufiitiin alatti worri gudeeda isaatii bayan wolitti qabaa namoota jahaatamii jaha.
27
Ijoolleen Yooseef biyya Misiriititti uumate nama lama; ijoolleen mana Yaaqoobii ka biyya Misirii galan wolitti qabaa namoota torbaatama.
28
Yaaqoob ilma ufii Yihuudaa akka Yooseef Geeseemitti isaan simachu'uuf itti ergee hennaa isaan Geeseemiin gayan;
29
Yooseefillee konkolaataa fardaa ufii fudhatee abbaa ufii Israa'eliin simachu'uuf gara Geeseemii dhaqe; haga abbaa arge mormatti maramee hennaa dheeraa booye.
30
Israa'elillee Yooseefiin, «Uduu lubbu'uun jirtu waan si argeef amma du'ullee na gaya» jedhe.
31
Kanaan maayessa Yooseef obboleewwan ufiitii fi maatii abbaa ufiitiin akkana jedhe «Ani dhaqee Fari'ooniin ‹Obboleewwan tiyya ta biyya Kana'aanii jiranii fi maatiin abbaa kiyyaa natti dhufaniiran;
32
isaan worra horii horsiisan; hoolota, re'iin, loowwanii fi waan qaban maraa qabatanii dhufaniiran;
33
Fari'oon yoo isin waamee ‹Hujiin keessan maali'i?› jedhee yoo isin gaafate;
34
‹Nu'u garboonni tee ijoollummaa irraa haga adhaa nu'uu fi abboonni teennallee worra horii horsiisu› jedha'aanii; worri hoolaa tissu maruu biyya Misiriititti waan tuffatamaniif akka Geeseemiin teettan isin taasisaa» isaaniin jedhe.
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 47 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50