bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 27
Genesis 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 28 →
1
Yisaaqi jaaree hennaa ijaan arguu dadhabe ilma ufii ka hangafaa Eesawu'uun, «Ilma kiyya» jedheen; innillee «Yaa» jedhe.
2
Ani kunoo jaareera; guyyaa du'u hin beeku.
3
Kanaafuu amma ebo'oo fi buundhee ittiin dhadhooltu fudhadhuutii gara lafa onaa dhaqii dhadhoolii uduu hin duune akka si eebbisu,
4
nyaata mi'aayaa hojjadhuu naa fidi» jedheen.
5
Ribqaan hennaa Yisaaqi ilma ufii Eesawu'utti himu dhagaya'aa turte; Eesawullee dhadhoolee waan abbaan isaa jedheen san fidu'uuf deeme.
6
Ribqaan ilma ufii Yaaqoobiin,
7
«Abbee obboleessa kee Eesawu'uun ‹Busaawaa dhadhoolii foon mi'aayaa naa fidi; uduu hin duune nyaadhee Rabbiin afo'otti si eebbisaa› hennaa jedhuun dhagaye;
8
amma ilma kiyya waan ani siin jedhu dhagayi;
9
gara tikaa dhaqiitii korbeeyyii re'iinii lamaan mimmichuu naa fidii akka inni si eebbisu ani qalee nyaata mi'aayaa abbee jaalatu qopheessaafii.
10
Ati uduu inni hin duune akka si eebbisu kennitaafii» jetteen.
11
Yaaqoob haadha ufii Ribqa'aan, «Obboleessi kiyya Eesawu nafti isaa rifeensa qaba; ani ammo nafa irraa rifeensa hin qabu;
12
maal laataa yoo abbaan kiyya nafa kiyya qaqqabee akka isa sobe beeke eebba fudhachu'uuf abaarsa fudhadha» jedheen.
13
Haatillee isaan, «Abaarsi sun bikka kee na irra haa ta'u; woma ani siin jedhe callaa dhagayii deemii fidi» jetteen.
14
Kanaafuu inni dhaqee fidee haadhatti kenne; haati isaa ammo nyaata mi'aayaa akka abbaan jaalatutti hojjatte.
15
Ribqaan uffata mishaa mucaa hangafaa ka Eesawu'uu fuutee ilma ufii ka maandha'aa Yaaqoobitti uwwiftee
16
gogaa korbeeyyii re'iiniillee fuutee harkaa fi mormatti marte;
17
nyaata mi'aayaa hojjatte sanii fi buddeena fuutee ilma ufii Yaaqoobitti kennite.
18
Innillee gara abbaa ufii seenee, «Aabbaa!» jedheen. innillee, «Yaa ilma kiyya! ati ilma kiyya kami?» jedheen.
19
Yaaqoobillee, abbaa ufiitiin «Ani ilma kee ka hangafaa Eesawu'u; waan ati naan jette godhee garaan kee akka na eebbisu ol jedhii taa'ii waan dhadhoolee fide kana nyaadhu» jedheen.
20
Yisaaqillee ilma ufiitiin, «Mucaa kiyya! attamitti daddaftee argatte?» jedheen; Innillee, «Rabbi Waandhi kee waan na gargaareef daddafee argadhe» jedheen.
21
Yisaaqi Yaaqoobiin, «Ilma kiyya! akka ati Eesawuu taatee fi hin taane qaqqabee si laalaa gara kiyya as siiqi» jedheen.
22
Yaaqoobillee gara abbaa ufii siiqe; inni isa qaqqabee «Laagaan kee laagaa Yaaqoobii, harki kee ammo harka Eesawu'uu fakkaata» jedheen.
23
Inni eennuun akka ta'e isa hin beenne; waan harki isaa akka harka obboleessa isaa Eesawu'uu ka rifeensa qabu ta'eef isa eebbise.
24
Innillee, «Ati ilma kiyya Eesawu'uu? jennaan innillee «Ee anuma» jedheen.
25
«Waan ilmi kiyya dhadhoolee fide nyaadhee quufee garaan kiyya akka si eebbisu naa dhiyeessi» jedheen; innillee dhiyeesseefii jennaan nyaatee daadhii woyini'iillee dhugee,
26
abbaan isaa Yisaaqi «Ilma kiyya; as siiqii na dhungadhu» jedheen.
27
Innillee itti siiqee dhungate; Yisaaqi uffata Yaaqoobii ulatee; «Urgaan mucaa kiyyaa akka urgaa qonna maasa'aa ka Rabbi eebbiseeti;
28
Rabbi Samii irraa copha si jiisu sii haa kennu! lafa teellee sii haa lalisiisu! midhaanii fi woyiniillee guddisee sii haa kennu!
29
ormi maruu sii haa ajajamu; baniin maruu sii haa sagadu; ati mootii obboleewwan teetii ta'i; ilmaan haatetii sii haa sagadan; ka si abaaru haa abaaramu; ka si eebbisu haa eebbifamu» jedhee eebbise.
30
Yisaaq Yaaqoobiin eebbise; Yaaqoobillee haga abbaa ufii biraa bayeen maayessa hennama san Eesawu dhadhoolaa gale.
31
Innillee akkasuma nyaata mi'aayaa hojjatee gara abba'aa dhaqee «Aabbaa; Ka'i akka garaan kee na eebbisu waan ani ilmi kee dhadhoole kana nyaadhu» jedheen.
32
Abbaan isaallee «Ati eennu?› jedheen. Innillee, «Ani mucaa kee ka hangafaa Eesawu'u» jedheen.
33
Yisaaqillee guddisee nayee, «Ka dura dhadhoolee naa fide eennu? uduu ati hin dhufne nyaadhee isa eebbise» jedheen.
34
Eesawullee hennaa waan abbaan jedheen dhagaye guddisee iyyee abba'aan «Anallee eebbisi» jedheen.
35
Abbaan isaa «Obboleessi kee sobee seenee eebba kee fudhate» jedheen.
36
Eesawullee, «Inni hennaa lammataatiif waan na gufachiiseef Yaaqoob jedhamuun isaa sirri'i; tanaan dura hangafummaa kiyya na irraa fudhate; amma ammo eebba kiyya na jalaa fudhate; Aabba amma eebba naa hin hambifnee?» jedheen.
37
Yisaaqillee deebisee Eesawu'uun, «Ani mootii kee isa taasise; obboleewwan kee martinuu akka isaa ajajaman godhe; sanyii midhaaniitii fi woyini'iillee isaa eebbise; mucaa kiyya! maaluma sii godha?» jedheen.
38
Eesawullee abbaa ufiitiin, «Aabba! eebbi kee takkattimaa? yabo'oo anallee eebbisi» jedhee laagaa ol qabatee booye.
39
Abbaan isaa Yisaaqillee deebisee «Huleen ati jiraattu ka lafa gabbate irraa fagaatee fi ka rooba Sami'ii hin arganne;
40
Ati woraanaan jiraatta; Hojjataa obboleessa keetii taata; hennaa aartee itti kaate ba'aa san uf irraa buufta» jedheen.
41
Eesawu waan abbaan isaa Yaaqoobiin eebbiseef Yaaqoobiin irratti gadoo qabatee «Abbaan kiyya waan du'uu gayeef ani obboleessa kiyya Yaaqoobiin hin ajjeesa› jedhee yaade.
42
Jechi mucaa hangafaa ka Eesawu'uu Ribqaa bira geennaan mucaa ufii ka maandha'aa Yaaqoobiin nama itti ergitee waamsiftee «Obboleessi kee Eesawu si ajjeesu'uuf ta'a;
43
amma ilma kiyya waan ani sii jedhu dhagayii obboleessa kiyya Laabaa bira dhaqiitii
44
guyyaa hagoo isa bira taa'i; haga aariin obboleessa kee irraa baduuf;
45
haga waan ati isa goote irraanfatuuf; achiin maayessa nama sitti ergee si waamsisa isin lamaanuu guyyama tokko maaf dhaba?» jetteen.
46
Ribqaanillee Yisaaqiin, «Ani uf jibbe; Yaaqoob dubartoota biyya sanii keessaa waan intala fuudhu yoo ta'e jiraachuu na hin barbaachisu du'a filadha» jette.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50