bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 37
Genesis 37
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 38 →
1
Yaaqoob biyya abbaan isaa baqatee jiraate Kana'aaniin keessa taa'e.
2
Horteen Yaaqoobii kana; Yooseef nama umurii kudha torbaa ta'ee obboleewwan ufii woliin hoolota tissa'aa ture; inni hennaa obboleewwan ufii ta Baala'aa fi Zalafaan deette woliin jiru ijoolle'e; hennaa san hujii hamaa isaan hojjatan galee abbaa ufiititti hima'aa ture.
3
Israa'el ijoollee ufii maraa keessaa Yooseefiin guddisee jaalata; waan jaarruma keessa isa uumateef. Uffata bareedaa bifa gara garaa qabu itti uwwisa.
4
Obboleewwan isaa martinuu akka abbaan isaa maraa caalaa isa jaalatu haga argan jibbaniinii afaan nagayaatiin isa hin qaassan.
5
Yooseef eebjuu eebjote obboleewwan ufiititti himnaan ta qaraa caalaa jibbaniin.
6
Innillee, «Eebjuu eebjodhe isinitti himaa dhagayaa'a;
7
uduu nu'u maasaa keessatti qixiraa hidha'aarru qixiraan tiyya ol kaatee dhaabatte; qixiraan teessan qixiraa tiyya marsanii sagadaniif» isaaniin jedhe.
8
Obboleewwan isaallee, «Nu irratti mooyittaa laata? nu bulchittaa laata?» ammallee dubbii dubbateef waan inni jedhe saniif guddisanii jibbaniin.
9
Achiin maayessa ammallee eebjuu biraa eebjotee «Aduu'u, addeessinii fi urjiin kudha tokkoo uduu naa sagadan arge» jedhee,
10
abbaa ufiitii fi obboleewwan ufiititti hime; abbaan isaa loleenii «Wonti ati eebjotte kun maali'i? maal laataa anii fi haati tee, obboleewwan tee woliin dhufnee sii sagannaa laata?» jedheen.
11
Obboleewwan isaa itti hinaafan; abbaan isaa ammo dubbii san eega'aa ture.
12
Obboleewwan isaa hoolota abbaa ufii Seekeemitti tissu'uuf deeman;
13
Israa'el Yooseefiin, «Obboleewwan tee Seekeemitti akka hoolota tissa'aaran hin beettaamii? koottu gara isaanii si ergaa» jedheen; innillee «Maarre» jedhe.
14
Abbaan isaallee, «Dhaqiitii hoolotaa fi obboleewwan tee ka nagaya jiranii kaan laaliitii waan isaan irra jiraniin naa deebi'i» jedheen; akka kanaan gammoojjii Keebrooniitii ka'ee gara Seekeemii dhaqe.
15
Uduu inni isaan soqaa xaaru namichi tokko argeenii «Maal soxxa?» jedhee gaafateen.
16
Innillee, «Obboleewwan tiyya ta hoolota tissan soqa'aaraa; yabo'oo eessa akka jiran natti himi» jedheen.
17
Namichillee, «Asii ka'aniiran; hennaa isaan ‹Gara Dootaayinii haa deemnuu› woliin jedhan dhagayeera» jedheen; Yooseef obboleewwan ufii hordofee Dootaayinitti isaan arge.
18
Isaan ammo uduu inni isaan bira hin geenne fago'otti isa arganii «Koottaa hin ajjeefnaa» jedhanii mari'atan.
19
Ka eebjuu eebjodhe jedhu sun dhufe;
20
ammuma ajjeefnee boolla kanatti gannee ‹Bineensa hama'atu nyaate› jennee eebjuu isaa keessaa kamtu akka ta'u laallaa» woliin jedhan.
21
Roobeelillee kana dhagayee isaan harkaa isa hambisu'uuf «Lubbuu isaa hin balleessinu;
22
dhiiga isaa hin jissinaa'a; boolla gammoojji'ii kana keessatti gata'aa dhiisaa malee harka keessaniin hin ajjeesinaa'a» isaaniin jedhe; akkana jechuun isaa isa hambisee gara abba'aa deebisuu yaadeeti.
23
Yooseef akkuma obboleewwan bira gayeen kittaa bareedduu isaa isa irraa mulqanii
24
isa fuudhanii boolla gogaa bisaan hin qabnetti gatan.
25
Achiin maayessa buddeena nyaachu'uuf taa'anii ol jedhanii yoo laalan daldaltoonni gosa Ismaa'elii gara Misirii gad bu'u'uuf Gala'aadii gaallan ufiititti urgooftuu, Qumbi'ii fi Beensoo dibatan fe'atanii hennaa dhufan argan.
26
Yihuudaan obboleewwan ufiitiin «Nu'u obboleessa keenna ajjeefnee dhiiga isaa yoo dhossine bu'aan keenna maali'i?
27
koottaa harka keennaan isa hin ajjeefnuu; inni obboleessa keenna waan ta'eef daldaltoota Ismaa'eliititti haa gurgurannuu» jennaan obboleewwanillee waan inni jedhetti wolii galan.
28
Daldaltoonni Miidiyaamii haga lufan obboleewwan isaa Yooseefiin boolla keessaa baasanii daldaltoota Ismaa'eliititti saqilii diddamatti gurguratan; isaan gara biyya Misirii isa fidan.
29
Roobeel hennaa gara boollaa deebi'u Yooseefiin achi keessaa dhabee
30
uffata ufii bibbiinxa'aa gara obboleewwan ufii dhaqee, «Meeti mucaan boolla keessa hin jiruu anummaan eessa dhaqa?» jedhe.
31
Uffata Yooseefii fuudhanii korbeessa re'e'ee goorra'anii uffata Yooseefii dhiigatti cuuphan.
32
Uffata isaa ka bareedu ka dhiigatti cuuphan san fuudhanii abba'atti erganii akkana jedhaniin, «Nu kana argine uffanni kun ka mucaa keetii ta'u'uu fi ta'uu dhabuu hoo'u mee laali» jedhaniin.
33
Innillee beekee, «Uffatuma mucaa kiyyaati! bineensa hama'atu nyaate! Yooseef dhugamaan ciccirameera» jedhe.
34
Achiin maayessa uffata ufii bibbiinxee mudhii ufii uffata gaddaatiin hidhatee ilma ufiitii guyyaa baay'ee booye.
35
Ijoolleen isaa ta dhiiraatii fi ta intalaa maruu isa jajjabeessu'uuf yaalanii dadhaban; inni, «Gadduma kanaan daa'ima kiyyatti eda'ama» jedhee abbaan isaa guddisee isaa booye.
36
Namoonni Miidiyaamii sunniin ammo Yooseefiin biyya Misirii fidanii Phiixifaaraa worra Fari'ooniin woliin hojjatan keessaa baallii qabuu fi ka bulchaa eeddotaa ta'etti gurguratan.
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 38 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50