bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 40
Genesis 40
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 41 →
1
Waan kanaan maayessa bulchaan worra mootii biyya Misiriitii daadhii buusanii fi bulchaan worra buddeena qooduu mootii ufii mootii biyya Misirii gaddisiisan.
2
fari'oon bulchaa worra daadhii buusaniitii fi bulchaa worra buddeena qoodaniititti aaree,
3
«Mana hidha'aa ka Yooseef itti hidhametti isaan hiisise.
4
Bulchaan eeddotaa Yooseefitti dabarsee isaan kenne; innillee isaanii hojjata'aa isaan guyyaa baay'ee mana hidha'aa keessa taa'an.
5
Halkan gaaf tokkoo worri mana hidha'aa keessatti hidhaman lamaan worri mootii biyya Misiriitii buddeenaa fi daadhii dhiyeessan eebjuu eebjotan.
6
Ganamaan Yooseef gara isaanii yoo seenu isaanii gaddaniiran argee,
7
«Isin adha maaf gadditaniirtan?» isaaniin jedhe.
8
Isaanillee, «Eebjuu eebjonnee nama nuu hiiku dhabne» jedhaniin. Yooseefillee, «Ka dandeettii eebjuu hiiku'uu namaa kennu Rabbi; kanaafuu eebjuu keessan natti himaa'a» isaaniin jedhe.
9
Bulchaan worra daadhii qooduu sun eebjuu ufii Yooseefitti, «Ani eebju'uun muka woyini'ii uf afo'otti arge;
10
mukattiin gaalee sadihii qabdi; isiinillee baalaa fi daraaraa baaftee hurbuu rarraafatteerti; hurbuun isi'iillee yoosuu bilchaate;
11
mijuun Fari'oonii ammo na harka jira; sanyii san fuudhee mijuu Fari'ooniititti cuunfee mijuu san Fari'oonii kenne» jedheen.
12
Yooseefillee, «Hiikkaan eebjuu keetii kana; gaaleen sadihii guyyaa sadihi;
13
guyyaa sadihiin maayessa Fari'oon si kabajjee hulee tee ta duraaniititti si deebisa; akkuma dura Fari'oonii daadhii buusa'aa kenna'aa turte san daadhii woyini'ii Fari'oonii kennita.
14
Ati ammo yoo wonti mishaan kun sii ta'e yabo'oo na qaabadhuu Fari'oonitti naa himii as keessaa na baasisiis.
15
Ana biyya Ibrootaatii fidanii uduu womaa hin goone balleessaa malee asitti na hidhan» jedheen.
16
Bulchaan mana buddeenaa kuunillee akka inni eebjuu kaanii sirri'itti hiike argee Yooseefiin, «Anillee eebjuu eebjodhee ture;
17
buddeena adii masoobii sadihii mataa kiyya irratti baadhee ture; masoobii gubba'aa irra buddeena Fari'oon nyaatu ka hojjattoonni isaa hojjatantu jira; allaattiin dhuftee masoobii san irraa nyaatte» jedhe.
18
Yooseefillee deebisee «Hiikkaan eebjuu kanaa masoobiin sadihii guyyaa sadihi;
19
inni guyyaa sadihii si kabajja; guyyaa sadihiin maayessa fuudhee muka irratti si fannisa; allaattiin dhuftee foon kee nyaatti» jedheen.
20
Guyyaan sadeesso'oo guyyaa Fari'oon dhaloota ufii itti kabajju waan ta'eef nyaata qopheessee banii isa woliin hojjatu maraa waamee jara mana hidha'aa keessa jiran lamaanillee waamsisee worra isaa hojjatan afo'otti isaan kabajje.
21
Bulchaa worra daadhii buusuu hulee isaa ka duraatitti deebifnaan akkuma duraa daadhii woyini'ii Fari'oonii kennuu jalqabe.
22
Akkuma Yooseef eebjuu isaanii hiike bulchaa worra buddeena qooduu san ammo hin fannise.
23
Bulchaan worra daadhii qooduu Yooseefiin hin qaabanneen; hin irraanfateen.
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 41 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50