bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 45
Genesis 45
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 44
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 46 →
1
Yooseef namoota isa bira dhaabatan maraa afo'otti obsuu dadhabee laagaa ufii ol qabatee «Namoota kanniin na irraa baasaa'a» jedhee dubbate; inni eennuun akka ta'e hennaa obboleewwan ufiititti himu, namni biraa ka achi dhaabate hin jiru.
2
Inni hennaa laagaa ufii ol qabatee booyu namoonni biyya Misiriitii fi namoonni mana Fari'oonii keessa jiran dhagayan.
3
Yooseef obboleewwan ufiitiin «Ani Yooseef obboleessa keessan; abbaan kiyya haga adhaa lubbu'uun jiraa?» isaaniin jedhe; obboleewwan isaallee waan nayaniif isaa deebisuu hin dandeenne.
4
Hennaa san Yooseef obboleewwan ufiitiin «As natti siiqaa'a» jedhe; isaanillee itti siiqan; inni «Ani obboleessa keessan Yooseef ka isin worra biyya Misiriititti gurgurattan;
5
na gurgurachuu keessanitti gaabbitanii hin gaddinaa'a; hin qunqunfatinaa'a; waan Rabbi lubbuu namootaa oolchu'uuf isin afo'otti na ergeef.
6
Woggaan lamaan kun biyya lafaa irratti beela waan ta'eef woggoonni lafa hin qonnee fi hin haamne shantu hafe.
7
Rabbi lafa irratti isin hambisu'uu fi qorsa ta'ee isin jiraachisu'uuf isin afo'otti na erge.
8
«Ka garana na erge Rabbi malee isinii miti; Rabbi garana na ergee Fari'oon akka abba'aa mana ufii maraa irratti goofta'aa fi biyya Misirii maraa irrattuu bulchaa na taasise.
9
Amma daddafa'aa abbaa kiyya bira dhaqa'aatii ‹Rabbi biyya Misirii maraa irratti gooftaa na taasiseeraa hin turinii dafii gara kiyya koottu;
10
biyya Geeseemii teettaa; gara kiyyallee hin dhiyaattaa; atii fi ijoolleen tee, ijoolleen ijoollee teetii, hoolonni tee, sa'ooleen teetii fi loowwan kee maruu,
11
akka hin rakkanne si'ii fi namoota mana keetii maraa, waan ati qabdu maraa hin nyaachisa; beelli woggaa shanii waan hafeeruuf» jedheen.
12
«Waan kana ka isinitti dubbate ana akka ta'e isinii fi obboleessi kiyya Biiniyaamillee argitaniirtan;
13
ulfinna ani biyya Misiriititti qabu kanaa fi waan ijaan argitan maraa abbaa kiyyatti hima'aatii daddafa'aa abbaa kiyya as fidaa'a» jedhe.
14
Achiin maayessa morma obboleessa ufii ka Biiniyaamii qabatee booye;
15
obboleewwan ufii maraa dhungatee booye; achiin maayessa obboleewwan isaa isa woliin dubbachuu jalqaban.
16
Obboleewwan Yooseefii akka dhufan mana mootummaa Fari'ooniititti dhagayame Fari'oonii fi worri baallii qaban hin gammadan;
17
Fari'oonillee Yooseefiin «Obboleewwan kee harriin fe'atanii gara biyya Kana'aanii akka galan isaanitti himi;
18
abbaa ufiitii fi maatii ufii qabatanii haa dhufanii; anillee eebba biyya Misirii maraa isinii kennaa; isinillee nyaata gayaa argattanii gammachu'uun jiraachuu hin dandeettan.
19
Atillee obboleewwan keetiin «Lafa biyya Misirii keessa daa'imman teessanii fi dubartoota teessan maraafuu konkolaataa fardaa fuudhaa'a; abbaa keessanillee qabadha'aa koottaa'a;
20
meeshaa keessan maraafuu hin yaadinaa'a; eebbi biyya Misirii keessa jiru maruu keessan waan ta'eef isaaniin jedhi» jedheen.
21
Ijoolleen Israa'elii akkuma inni jedhe godhan; Yooseefillee ajaja Fari'ooniitiin konkolaataa fardaatii fi dhalee kara'aa isaanii kenne;
22
Maraafuu uffata jijjiiratan lama lama kenneef; Biiniyaamii saqilii dhibba sadihii fi uffata jijjiiratu shan kenneef.
23
Abbaa ufiitiifillee akkuma san ergeef; harriin kudhanitti waan mishaa biyya Misirii keessatti argamu fe'ee ergeef; akkasuma hennaa dhufuuf harriin dhadhaltu'utti dhalee karaa irratti isaaniif ta'u fe'ee qamadi'ii fi buddeena ergeef.
24
Yooseef obboleewwan ufiitiin «Kara'atti wol hin lolinaa'a» jedhee isaan geegessee nagaya isaanitti dhaamate.
25
Isaanillee deemanii biyya Misirii keessaa bayanii biyya Kana'aanii abbaa ufii Yaaqoobiin bira gayanii,
26
«Yooseef lubbu'uun jira, biyya Misirii maraa irratti bulchaa ta'eera» jedhaniin. Yaaqoob guddisee naye; isaan hin amanne.
27
Waan Yooseef jedheen maraa isatti himanii konkolaataa fardaa ka Yooseef akka Yaaqoobiin fuudhaniif erge haga arge hin gammade;
28
Israa'elillee, «Yoo ilmi kiyya Yooseef lubbu'uun jiraate na gaya; ani uduma hin duune isa argu'uuf dhaqa» jedhe.
← Chapter 44
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 46 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50