bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 4
Genesis 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 5 →
1
Aadam haadha manaa ufii Hawwaa bira gaye; isiin ulfooftee ilma deette; isiin, «Gargaarsa Rabbiitiin ilma argadhe» jettee maqaa «Qaa'el» jettee itti baafte.
2
Ammallee deebitee obboleessa isaa Aabeeliin deette; Aabeel tissee hoolotaa ta'e; Qaa'el ammo lafa qota ture.
3
Guyyaa baay'e'een maayessa Qaa'el waan qote keessaa kennaa Rabbii dhiyeesse.
4
Aabeelillee tika hoolotaa keessaa korbeessa dura dhalate qalee cooma isaa ciincaa Rabbii dhiyeesse; Rabbillee gara Aabeeliitii fi gara ciincaa isaa laale.
5
Gara Qaa'eliitii fi gara kennaa isaa ammo hin laalle; Qaa'el guddisee aaree fuulli isaa gurraachate.
6
Hennaa san Rabbi Qaa'eliin, «Maaf aarte? Maaf aartee fuulli kee gurraachate?
7
Uduu waan mishaa gooteerta ta'ee silaa fuulli kee hin ifaamii? yoo waan mishaa hin goone ammo cubbuun balbala kee jalatti riphxee si eega'aarti isiin si argachuu feeti; ati ammo isii irratti mooyuu si barbaachisa» jedheen.
8
Kanaan maayessa Qaa'el obboleessa ufii Aabeeliin «Koottu gara raasa'aa baanaa» jedheen; haga gara raasa'aa deeman Qaa'el akka diinaatitti itti ka'ee obboleessa ufii Aabeeliin ajjeese.
9
Rabbi Qaa'eliin, «Obboleessi kee Aabeel eessa jira?» jedhee gaafate; Qaa'elillee «Eessa akka jiru ani hin beeku; ani tissee obboleessa kiyyaatii?» jedhee deebiseef.
10
Rabbi Qaa'eliin «Maal gooteen? dhiinni obboleessa keetii ka jige lafa irraa gara kiyya iyya'aara;
11
Amma dhiinni obboleessa keetii harka kee irra jira; lafa akka afaan bantee dhiiga obboleessa keetii dhuddu goote irratti ati abaarama'a.
12
Lafallee yoo qotte womaa sii hin kennitu; lafa irrattillee baqata'aa fi yaantaree taata» jedheen.
13
Qaa'el Rabbiin, «Cubbuun kiyya guddaa waan ta'eef ani baadhachuu hin danda'u;
14
Ati adha lafa irraa na ariite ani si afo'oo dhokadha; lafa irratti baqata'aa fi yaantaree ta'a; kanaafuu namni na arge maruu na ajjeesa» jedheen.
15
Rabbi ammo, «Eennullee si hin tuqu; nama si ajjeese adabbii dachaa torbaatiin haluu isa baya» jedheen; kanaafuu Rabbi namni Qaa'eliin arge maruu akka isa hin ajjeefne malkata addaa itti godhe.
16
Kanaan maayessa Rabbiin afo'oo fagaatee deemee Eedeniin karaa baya biiftu'uutiin biyya «Nood» jedhamtu keessa jiraate.
17
Qaa'el haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee Heenoohiin deette; qachaa ijaaree, maqaa qachaa saniillee maqaa ilma ufii «Heenooh» jedhee itti baase.
18
Heenoohillee Gaayidaadiin uumate; Gaayidaad Mee'eeliin uumate; Mee'eeli Maatusaa'eliin uumate; Maatusaa'el Laamehiin uumate;
19
Laamehi haadha manaa lama fuudhe; maqaan ta duraa Aada'a; ta lammataa Seela'a.
20
Aadaan Yaabaaliin deette; inni abbaa worra horii horsiisa'aa daasee keessa jiraataniiti.
21
Maqaan obboleessa isaa Yuubaal; inni abbaa worra kiraara taphatuutii fi ka worra boobaa afuufaniiti.
22
Seelaan Tubalqaayinii meeshaa sibiila diima'aa fi sibiila gurraacha irraa tuma'aa hojjatu deette; obboleettiin Tubalqaayinii Naa'imaa turte.
23
Laamehi haawwota manaa ufii «Aada'aa fi Seela'aan, «Isin waan ani isiniin jedhu dhagayaa'a; dubbii kiyyallee caqasaa'a; ani ka'imtichi tokko dhayee waan na madeesseef hin ajjeeseen;
24
Yoo Qaa'eliin dachaa torba haluu bayan Laamehiin ammo dachaa torbaatamii torba haluu bayan» isaaniin jedhe.
25
Aadam ammallee haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee ilma deette; isiin «Bikka Qaa'el Aabeeliin ajjeese Rabbi ilma naa kenne» jettee maqaa isaa «SEET» jetteen.
26
Seetillee ilma uumate; maqaa isaa «Heenoos» jedheen. Namoonni bara san maqaa Rabbii waamuu jalqaban.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50