bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 3
Genesis 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 4 →
1
Bofni bineensa Rabbi Waandhi lafa irratti uume maraa caalaa hamaa ture; kanaafuu inni dubartitti'iin, «Dhugamaan Rabbi daraaraa muka hulee biqiltu'uu kana keessa jiran maraa hin nyaatinaa'a isiniin jedheeraa?» Jedhee isii gaafate.
2
Dubartittiinillee bofaan, «Daraaraa muka hulee biqiltu'uu kana keessa jiru hin nyaanna;
3
ammo Rabbi, ‹daraaraa muka hulee biqiltu'uu jiru kana keessaa daraaraa muka kanaa irraa hin nyaatinaa'a; hin tuqinalle'e; yoo kana gootan hin duutanii› jedhee nu seereera» jettee deebifteef.
4
Bofnillee dubartitti'iin, «Dhugamaan du'a hin duutan;
5
Wonti Rabbi waan kana isin ajajeef gaafa isii irraa nyaattan ijji teessan akka banamtu, akka isin waan misha'aa fi waan hamaa maraa adda baaftanii beettan waan beekuuf» isi'iin jedhe.
6
Dubartittiin daraaraa mukaa san yoo laaltu nyaataaf mishaa; laalcha ijaatiifillee ka nama dharraasisuu fi ka nama ogoomsu akka ta'e hennaa argite daraaraa san fuutee nyaatte; akkasuma abbaa manaa ufiitiifillee hin kennite, innillee isii woliin nyaate.
7
Ijji lamaaniituu hin baname; isaanillee akka qullaa ta'an beekan; kanaafuu baala muka hurbu'uu wolitti hodhanii marxifatanii qullaa nafa ufii dhoffatan.
8
Isaan hennaa galgalaaye Rabbi Waandhi hulee biqiltu'uu keessa uduu deemu laagaa isaa dhagayanii Aadamii fi haati manaa isaa Rabbii Waaqa afo'oo hulee biqiltu'uu keessatti jalaa dhokatan.
9
Garuu Rabbi Waandhi Aadamiin waamee «Eessa jirta?» Jedhee isa gaafate.
10
Innillee, «Hulee biqiltu'uu keessatti laagaa kee dhagayee waan qullaa jiruuf si sodaadhee dhokadhe» jedheen.
11
Rabbillee, «Akka qullaa taate eentu sitti hime? dhugamaan daraaraa muka ani irraa hin nyaatin jedhee si ajaje irraa fuutee nyaattee?» jedheen.
12
Aadamillee «Intala ati akka na woliin jiraattuuf naa kennitetu daraaraa mukaa san irraa fuutee naa kennitee nyaadhe» jedhe.
13
Rabbi Waandhi dubartitti'iin «Wonti ati goote kun maali'i?» Jedhee isii gaafate; isiinillee, «Bofatu na sobee nyaadhe» jette.
14
Kanaan maayessa Rabbi Waandhi bofaan, «Ati waan kana gooteef busaawa'aa fi bineensota maraa irraa adda baatee abaaramaa taata; adha irraa jalqabii gara'aan lafa irra looyi; bara jiraattu maraa biyyee nyaatta;
15
Si'ii fi dubartii tana jidduu, fiixaa keetii fi fiixaa isi'ii jidduu diina akka ta'an godha. Inni mataa kee mushurussa; atillee koomee isaa iddita» jedheen.
16
Dubartitti'iinillee, «Hennaa ulfoofte rakkinna sitti guddisa; hennaa deettullee ciniinsuu sitti jabeessa; hawwiin kee gara abbaa manaa keetii ta'a; inni si bulcha» jedheen.
17
Aadamiinillee, «Ati jecha haadha manaa teetii dhageettee daraaraa mukaa ka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje fuutee waan nyaatteef; sababaa keetiif ardiin ta abaaramte haa taatu; ati bara jireenna keetii maraa isii irratti hojjattee dadhabbi'iin nyaatta.
18
Ardiin qore'ee fi ashookallaa baafti; atillee waan lafaa biqile nyaatta.
19
Haga gaafa biyyee irraa uumamteetitti deebitutti, hojjattee fuuruu keetiin nyaatta; biyyee waan taateef gara biyye'ee deebita» jedheen.
20
Aadam haati manaa isaa waan uumama lubbuu qabu maraaf haadha taateef «Hawwaa» jedhee maqaa itti baase.
21
Rabbi Waandhi Aadamii fi Hawwaa gogaa irraa uffata hojjatee isaanitti uwwwise.
22
Rabbi Waandhi, «Aadam waan hama'aa fi waan mishaa gara gara baasee beeku'uun kunoo akkuma keenna ta'e; ammallee deebi'ee harka ufii hiixatee daraaraa muka jireennaa san irraa fudhatee akka hin nyaanne; baraa haga bara baraallee akka hin jiraanne» jedhe.
23
Kanaafuu Rabbi Waandhi Aadamiin Eedaniin hulee biqiltu'uu keessaa baasee akka inni lafa irraa uumame qotu godheen.
24
Haga Aadamiin baaseen maayessa Eedaniin hulee biqiltu'uu gara baya biiftu'uu maleekkota kiruubeel jedhamanii fi guraadee gara lamaaniin akka ibiddaa mallisu gara maraanuu kaaye.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50