bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 43
Genesis 43
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 42
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 44 →
1
Biyya Kana'aaniititti beelli guddisee jabaate;
2
midhaan biyya Misiriitii bitatan nyaatanii haga fixataniin maayessa abbaan isaanii Yaaqoob «Ammallee deema'aatii midhaan diqqoo biyya sanii nuu bitaa'a» isaaniin jedhe.
3
Yihuudaanillee abbaa ufiitiin «Namichi biyya san bulchu ‹Obboleessa keessan qabattanii yoo dhufuu baattan gara kiyya hin dhufinaa'a› jedhee jabeessee nu seereera;
4
kanaafuu ati yoo obboleessa keenna nu woliin ergite dhandhee midhaan sii binna.
5
Ati yoo obboleessa keenna nu woliin hin erginee hin dhandhu; ‹Obboleessa keessan qabattanii yoo hin dhufnee hin dhufinaa'a› waan nuun jedheef» jedheen.
6
Israa'elillee, «Maaf na miitan? nama sanitti, ‹Obboleessa biraa qabna› jettanii maaf himtan?» isaaniin jedhe.
7
Isaanillee akkana jedhaniin, «Namichi sun waan keennaa fi waan maatii keennaa «Abbaan keessan libbu'uun jiraa? obboleessa qabduu?» nuun jedhe; nullee woma inni nu gaafate deebifneef; akka inni ‹Obboleessa keessan fidaa'a› nuun jedhu beennaa?» jedhaniin.
8
Yihuudaan abbaa ufii Israa'eliin «Nu'u, atii fi ijoolleen teennallee akka du'a oollu mucaa nu woliin ergi; kaanee deemnaa.
9
Yoo deebi'ee mucaa kana sii hin finnee ati ana gaafattaa; bara kiyya guutuu ani nama si miidhe ta'aa.
10
Nu'u uduu haga ammaa turuu baannee silaa harka lamaa deebina» jedheen.
11
Abbaan isaanii Israa'el ammo «Eega akkana ta'e waan feetan godhaa'a; sanyii lafa kanaa nama sanii fidaa'a; balasii, damma diqqoo, urgoo, qumbii, waan urgaawuu fi Lawuzii qalqala keessatti qabadha'aa deemaa'a.
12
Qarshii gaafa duraa qalqala keessan woliin dhufellee dachaa godha'aa deebisa'aaf; maal laataa dogoggoraan deebi'eera ta'aa.
13
Obboleessa keessan qabadha'aa deema'aatii gara nama sanii deebi'aa'a.
14
Rabbiin waa maraa danda'u obboleessa keessan ka duraatii fi Biiniyaamiinillee akka isinii kennu namicha san garaa isinii haa laaffisu; ani ijoollee tiyya yoo dhabellee akkuma dhabetti taa'aa» isaaniin jedhe.
15
Kanaafuu namoonni sunniin kennaa gara garaa, qarshi'ii fi Biiniyaamiinillee qabatanii gara biyya Misirii Yooseefiin bira gad bu'an.
16
Yooseef hennaa Biiniyaamiin isaan biratti arge ajajaa mana isaa ajajuun «Namoota sanniin mana seensis; qalii waa qopheessi; namoonni sunniin guyyaa na woliin haa nyaatanii» jedhee ajaje.
17
Namichi sunillee akkuma Yooseef jedheen godhe; namoota gara mana Yooseefii seensise.
18
Isaan mana Yooseefii waan seenaniif guddisanii sodaatanii «Inni waan qarshii duraan qabannee galle saniif nutti ka'ee nu miidhuu heda; nu garboonfatee harriin teennallee nu irraa fudhachu'uuf nu seensise» jedhan.
19
Kanaafuu gara namicha mana Yooseefii bulchuu dhiyaatanii balbala afo'otti
20
«Gooftaa keenna; nu dura midhaan bitachu'uuf as dhufne;
21
haga hulee bullu geenne qalqala keenna yoo afaan bannu qarshiin keenna maruu afaan qalqala keennaa keessa jira; ammallee kunoo harkatti qabannee dhufneerra;
22
qarshii biraa ka midhaan ittiin bitannullee finneerra; qarshii duraa san eentu akka qalqala keenna keessa kaaye hin beenne» jedhaniin.
23
Inni «Nagawumaa hin sodaatinaa'a; Waandhi keessanii fi Waandhi abbaa keessaniif qarshii dhoffame qalqala keessanitti isinii kennee qarshiin kuunillee na gayeeraa» isaaniin jedhe.
24
Namichi sunillee namoota sanniin mana Yooseefii seensisee bisaan lukaa isaanii kennee isaanillee luka dhiqatan; harriiniillee okaya kenne.
25
Haga Yooseef dhiyanaaf galuu akka dhiyana isa woliin nyaatan waan dhagayaniif kennaa harkaa qaban san qopheeffatan.
26
Haga Yooseef gale kennaa harkaa qaban sanniin kennaniifii kufanii haga kallachi isaanii lafa tuqutti gad jedhaniif.
27
Innillee nagaya isaan gaafatee «Jaarsi gaafa duraa natti himtan abbaan keessan sun nagaya jiraa? ammallee ima jiraa» isaaniin jedhe.
28
Isaanillee, «Garbichi kee abbaan keenna nagaya jira» jedhanii haga kallachaan lafa tuqanitti gad jedhaniif.
29
Ol jedhee ilma haadhaa ufii Biiniyaamiin argee «Obboleessi keessan ka maandha'aa ka natti himtan kanaa?» jedhee Yooseef Biiniyaamiin, «Mucaa kiyya Rabbi si haa eebbisu» jedheen.
30
Yooseef obboleessa ufii gara'aan waan yaadeef jarjaree ol lufee achitti booye.
31
Achiin maayessa fuula dhiqatee obsee gara isaanii gad bayee waan nyaatan fidaa'a jedhe.
32
Isaaf nyaata addatti, obboleewwaniillee addatti, worra biyya Misiriitiifillee addatti dhiyeessaniif; waan worri Misiriitii fi worri Ibrootaa woliin hin nyaanneef worra Misiriitiifillee addatti dhiyeessaniif; worri Misirii worra Ibrootaa woliin waa nyaachuu akka batti'iititti waan laalaniif.
33
Isa afoo akka hangafaa maandha'aatitti teennaan namoonni maruu hin maalalfatan.
34
Yooseef isaan maraafuu nyaata dhiyeessisiiseef; nyaanni Biiniyaamii dhiyeesse ammo harka shaniin ka kaawwanii caala; isaanillee nyaatanii dhuganii isa woliin gammadan.
← Chapter 42
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 44 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50