bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 9
Genesis 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 10 →
1
Rabbi Noohii fi ijoollee isaa akkana jedhee eebbise, «Horaa'a, badhadhaa'a, lafa guutaa'a;
2
Busaawaan lafaa, allaattiin Samii irra bararu, wonti gara'aan lafa irra looyu, ka munyuuquu fi qurxummiin galaana keessaa maruu hirphaa fi gaachena keessan sodaata'aa isin jalatti haa bulanii.
3
Wonti sosocho'u ka lubbuu qabu maruu nyaata keessan haa ta'anii; isaan maraa akka biqila laliseetitti isinii kenneera.
4
Haa ta'uu ammo waan lubbuun dhiiga keessa jiraattuuf foon dhiiga qabu hin nyaatinaa'a;
5
Namni nama ajjeese maruu dhiiga nama du'ee saniif hin gaafatma; dhiiga nama du'ee yoo busaawaanillee ajjeese isuma gaafadha.
6
Namni waan bifa Rabbiitiin uumameef nama dhiiga namaa jissu dhiiga isaatitu jiga.
7
«Isinillee horaa'a, badhadhaa'a, fiixaan keessan lafa haa guutuu.»
8
Kanaan maayessa Rabbi Noohii fi ijoollee isaatiin,
9
«Ani waadaa kiyya isinii fi fiixaa keessan ka isiniin maayessa dhufu woliin dhaaba;
10
Akkasuma uumama lubbuu qabu ka si woliin markaba keessaa bayan, allaattiiwwan, horii, busaawaa lafa irra jiru maraafuu waadaa gala.
11
Akkuma waadaa isinii gale ammaa achi uumamni lubbuu qabu maruu deebi'ee bisaan badi'iitiin hin badu; bisaan badi'ii deebi'ee lafa hin balleessu» jedhe.
12
Rabbi, «Anaa fi isin jidduu'u, waan lubbuu qabu ka isin woliin jiru maraa jidduu'u, malkanni waadaa kiyyaa ka bara baraaf dhaabu kana.
13
Funyaan karaabaa duumessa irra godha; malkanni waadaa kiyyaa anaa fi lafa jidduu ta'a;
14
Hennaa duumessa lafa irratti badhisu funyaan karaabaa duumessa keessaan mudhata.
15
Waadaa anaa fi isin jiddu'uu, foon uffataa lubbuu qabu maraa waan yaadadhuuf ammaa achi waan lubbuu qabu maraa bisaan badi'iitiin hin balleessu.
16
Hennaa funyaan karaabaa duumessa keessatti mudhatu maraa waadaa kiyya ka bara baraa ka anaa fi foon uffataa lubbuu qabu maraa jidduu jiru hin yaadadha» jedhe.
17
Rabbi Noohiin «Malkanni waadaa kiyyaa ka anaa fi uumama lubbuu qabu maraa jidduu jiru ka ani yaadadhu kana» jedheen.
18
Ijoolleen Noohii ka markaba keessaa bayan Seem, Kaam fi Yaafeet; Kaam abbaa Kana'aaniiti.
19
Ijoolleen Noohii sadiin kanniin; horteen amma lafa guute maruu hortee ijoollee Noohiiti.
20
Noohi biqiltuu woyini'ii dhaabu'uun qonnaan bulaa jalqabaa ta'e.
21
Gaaf tokko Noohi daadhii woyini'ii dhugee machaayee daasee keessatti uffata mulqatee qullaa rafe.
22
Kaam abbaan Kana'aanii abbaan isaa qullaa akka ta'e argee diida bayee ilmaan haadhaa ufii lamaanitti hime.
23
Seemii fi Yaafeet uffata fuudhanii gurmuu ufii dudda duubatti qabatanii duubaan deemanii qullaa abbaa ufii dhossan; duubaan waan isatti deemaniif qullaa abbaa ufii hin argine.
24
Noohi haga machiin irraa bade waan ilmi isaa ka maandha'aa godhe beekee;
25
«Kana'aan abaaramaa haa ta'u! garbicha garboota ilmaan haadhaa haa ta'uu!
26
Ammallee akkana jedhe galanni Rabbii Waaqa Seemi'iitiif haa ta'u! Kana'aan garbicha Seemii haa ta'u!
27
Rabbi daangaa Yaafeetii haa badhisu! daasee Seemii keessa haa jiraatu!; Kana'aan garbicha Yaafeetii haa ta'u» jedhe.
28
Noohi bisaan badi'iitiin maayessa woggaa dhibba sadihii fi shantama jiraate.
29
Noohi woggaa dhibba sagalii fi shantama jiraatee du'e.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50