bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 42
Genesis 42
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 43 →
1
Yaaqoob akka midhaan biyya Misirii jiru dhagayee ijoollee ufiitiin «Maaf cadhiftanii ija keessa wol laaltan?
2
ani akka biyya Misirii keessa qamadiin jiru dhagayeera; garas dhaqa'aa bita'aatii du'a nu oolchaa'a» isaaniin jedhe.
3
Kanaaf obboleewwan Yooseefii kurnanuu qamadii biyya Misiriitii bitatu'uuf dhaqan;
4
Yaaqoob obboleessa Yooseefii Biiniyaamiin ammo akka wonti badaan irra hin geenneef obboleewwan woliin hin ergine;
5
biyya Kana'aaniititti waan beelli hammaateef ijoolleen Israa'elii worra midhaan bitan woliin dhaqan.
6
Yooseef bulchaa biyya Misirii waan tureef banii adunyaa maraa irraa dhufanitti midhaan gurgura'aa ture; obboleewwan isaallee dhufanii haga kallachi isaanii lafa tuqutti gad jedhaniif.
7
Yooseefillee obboleewwan ufii argee beekee akka waan nama isaan hin beenneetitti fuula ufii dhooggatee «Isin eessaa dhuftan?» jedhee dubbii hamaa isaanitti dubbate; Isaan ammo, «Nu worra midhaan bitatu'uuf biyya Kana'aaniitii dhufe» jedhaniin.
8
Yooseef obboleewwan ufii beekeera; isaan ammo isa hin beenne;
9
Yooseef eebjuu waan isaaniitiif arge qaabatee «Isin gaadduu worra dhaba biyyaa laalu'uuf dhufe» isaaniin jedhe.
10
Isaanillee, «Gooftaa keenna; akkasii miti; nu garboonni tee qamadii bitatu'uuf dhufne;
11
nu martinuu ijoollee abbaa tokkooti; nu garboonni tee gaaddu'uu miti worra dhuga'aati» jedhaniin.
12
Innillee «Akkasii miti isin worra beela biyyaa laalu'uuf dhufe» isaaniin jedhe.
13
Isaanillee, «Nu garboonni tee biyya Kana'aanii keessatti obboleewwan kudha lama; nu ilmaan abbaa tokkooti; obboleessi keenna ka maandha'aa abbaa keenna bira jira; tokko ammo hin bade» jedhaniin.
14
Yooseefillee, «Akkuma isiniin jedhe isin gaaddu'u;
15
eeganaa namoota dhuga'aa ta'uun keessan ka qoratamee laallamu kanaan, haga obboleessi keessan ka maandha'aa dhufutti maqaa Fari'ooniitiin kakadhaa isin asii hin baatan.
16
Wonti isin jettan yoo dhugaa ta'e isin keessaa nama tokko erga'aatii obboleessa keessan qabatee haa dhufuu isin mana hidha'aa keessa taa'aa'a; yookaan ammo isin namoota lubbuu Fari'oonii gaadu» isaaniin jedhe.
17
Achiin maayessa guyyaa sadihiif mana hidha'aa keessa isaan tursiise.
18
Guyyaa sadeesso'oo Yooseef, «Ani waan Rabbiin sodaadhuuf yoo uf oolchuu barbaaddan waan kana godhaa'a;
19
isin yoo namoota dhuga'aa taatan isin keessaa namni tokko haa hidhamuu isin ammo deema'aatii beela mana keessaniitiif midhaaniin galadhaa'a.
20
Achiin maayessa obboleessa keessan ka maandha'aatiin koottaa'a; yoo san isin namoota dhuga'aa taatan; hin duutanille'e» isaaniin jedhe.
21
Isaan «Nu dhugamaan obboleessa keenna miineerra; hennaa inni lubbuu ufiitiif muddamee worwaatu waan isaa hin dhageenneef rakkinni kun nu irra gaye» woliin jedhan.
22
Roobeelillee «Ani mucaa hin miidhinaa isiniin hin jennee? isin ammo yoo san naa hin dhageenne; kunoo kanaaf dhiinni isaa nu soqa'aara» isaaniin jedhe.
23
Isaan akka Yooseef isaan dhagaya'aaru hin beenne; waan jidduu isaanii namni afaan hiiku jiruuf.
24
Yooseef ammo isaan biraa dabal jedhee booyee gara isaanii deebi'ee uduma isaan argan Simooniin fuudhee hidhe.
25
Yooseef qalqala isaaniititti midhaan akka buusaniif qarshii isaanii qalqala isaanii maratti akka deebisanii dhalee kara'aallee kennaniifiif ajaje; isaanillee akkuma inni jedhe san isaanii godhan.
26
Isaanillee midhaan harree ufiititti fe'atanii deeman.
27
Isaan keessaa namni tokko hulee bulanitti harre'eef okaya kennu'uuf afaan qalqalaa yoo hiiku qalqala keessatti qarshii arge.
28
Inni obboleewwan ufiitiin, «Qarshiin tiyya naa deebite; kunoo afaan qalqalaa irra jirti» isaaniin jedhe; isaan ammo guddisanii nayanii hollata'aa «Rabbi maal nutti fide?» woliin jedhan.
29
Isaan gara biyya Kana'aanii gara abbaa ufii gara Yaaqoobii galanii waan isaan irra gaye maraa abbaa ufiititti himan.
30
«Bulchaan biyya sanii gaadduu biyya lafaa nu fakkeessee waan hamaa nutti dubbannaan
31
‹Nu worra dhugaa dubbatu malee gaaddu'uu miti;
32
nu ijoollee kudha lamman ilmaan abbaa tokkooti; tokko hin bade, ka maandha'aa ammo biyya Kana'aaniititti abbaa keenna woliin jira» jenneen.
33
Bulchaan biyyaa sun «Isin yoo worra amanamaa taatan obboleessa keessan tokkocha na biratti hambisa'aatii worra beelayanii mana jiraniif midhaan fida'aa; anillee kanaan isin beekaa;
34
Isin worra dhuga'aatii fi gaadduu ta'u'uu fi ta'uu dhabuu keessan kanaan beekaa; obboleessa keessan ka maandha'aa naa fidaa'a; obboleessa keessan deebisee isinii kennaa; isinillee biyya tana keessa deema'aa daldaltan› nuun jedhe» jedhanii abbaa ufiititti himan.
35
Kanaan maayessa hennaa qalqala ufii hiikan isaan maruu qarshii ufii qalqala keessatti hidhamee arganii isaanii fi abbaan isaaniillee hin nayan.
36
Abbaan isaanii Yaaqoobillee «Ijoollee na dhabsiiftan; Yooseefii fi Simoonillee hin jiran, Biiniyaamiinillee na jalaa fuudha'aartan; waan kana maraanuu ka rakkatu ana!» isaaniin jedhe.
37
Roobeelillee abbaa ufiitiin, «Natti kenni yoo ani deebisee sii fiduu baadhe ijoollee tiyya lamaan ajjeesi» jedheen.
38
Yaaqoobillee «Obboleessi isaa waan du'eeruuf mucaan kiyya isin woliin hin deemu; maal laataa karaa deemtanitti wonti hamaan uduu isa irra gayee ani jaarruma kiyya keessa gadda'aa du'a» isaaniin jedhe.
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 43 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50