bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 33
Genesis 33
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 34 →
1
Yaaqoob ol jedhee Eesawuu dhufa'aaru arge; isa woliin namoota dhibba afuriititu jira; ijoollee ufiillee addaan qoodee gara Liya'aa, gara Raaheeliitii fi gara garboota lamaaniititti qoode.
2
Ijoollee ufiitii fi garbootallee akka afo'oon deeman godhee Liya'aa fi ijoollee isi'ii jidduu, Raaheelii fi Yooseefiinillee kaawwan maraa duuba aanse.
3
Innillee isaan afoo lufee haga obboleessa bira gawuuf hennaa torba gad jedha'aa sagade.
4
Eesawullee itti fiigee morma isaa ufitti qabee dhungate; isaan lachuu wolitti booyan.
5
Innillee ol jedhee ijoollee dhiiraatii fi ta durbaa argee, «Kunniin maal keeti?» jedheen; innillee, «ijoollee Rabbi garbicha keetii kenne» jedheen.
6
Hojjattoonni intalaa ijoollee ufii woliin dhufanii gad jedhanii isaan simatan.
7
Akkasuma Liya'aa fi ijoolleen is'iillee dhufanii gad jedhanii isaan simatan; achiin maayessa Raaheelii fi Yooseefillee dhufanii gad jedhanii isaan simatan.
8
Eesawullee, «Tinni hori'ii ka uduu oofa'aaran arga'aaru kunniin maali'i?» jedhe. Yaaqoobillee, «Gooftaa kiyya; kun ka ani si biratti gaachena argachu'uuf sii erge» jedhe.
9
Eesawullee, «Obboleessa kiyya ani baay'ee qabaa; kee simaaf haa ta'uu» jedheen.
10
Yaaqoobillee, «Akkanaa miti; yoo afoo keetitti gaachena argadheera ta'e akkuma fuula Rabbii arge fuula keellee waan argeeruuf kennaa kana na irraa fudhadhu» jedheen.
11
Rabbi waan arjummaa ufiitiin naa kenneeruuf ani baay'ee qabaa kennaa eebbaa ka sii fide kana na irraa fudhadhu» jedheen; innillee irraa fudhate.
12
Eesawullee, «Eeganaa haa deemnuu ani si afoo deemaa» jedheen.
13
Innillee, «Gooftaa kiyya; ijoolleen dadhabdoota akka taate hin beetta; sa'ooleenii fi hoolonni, ilmooleenii fi waatilee hodhan, namootallee guyyaa tokkoon ariiti'iin yoo deemsifne horiin nu harkatti dhuma.
14
Gooftaa kiyya garbicha kee afoo lufi; anillee suuta jedhee si duubaan deemaa; haguma deemsa hori'iitii fi ijoolle'eetiin deemee Seeyiritti si dhaqqabaa» jedheen.
15
Eesawullee, «Namoota na woliin jiran keessaa qoodee sii dhiisuu?» jedheen. Innillee, «Kun hin ta'u; gooftaa kiyya afo'otti gaachena argachuun na gaya» jedheen.
16
Kanaafuu Eesawu guyyama san gara Seeyirii deebi'e.
17
Yaaqoob ammo gara Suukootii deemee achitti mana ijaaratee hori'iifillee moonaa ijaare; kanaaf maqaa hulee sanii Suukooti jedhee itti baase.
18
Yaaqoob hennaa laga lamaan jiddu'uu deebi'e gara qachattii Seekeemii ta Kana'aaniin keessa jirtuu nagayaan dhufee qachattii san afo'otti quphate.
19
Kutaa lafa qonnaa ta daasee itti ijaaree ture; abbaa Seekeemii ijoollee Eemoorii irraa hoolota dhibbaan bite.
20
Achitti hulee ciinca'aa hojjatee, «Eel Eloohee Israa'el» jedhee itti baase.
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 34 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50