bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 24
Genesis 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 25 →
1
Abrahaam nama guddaa ta'ee jaare; Rabbi Abrahaamiin waa maraanuu eebbise.
2
Abrahaam jaarsa hojjataa mana isaa hojjatuun
3
«Koottu harka keetiin gudeeda kiyya qabi akka ati ijoollee worra Kana'aanii ka ani woliin jiraata'aaru keessaa ilma kiyyatti intala hin fuune maqaa Rabbii Ardi'ii fi Sami'iitiin si kassiisaa.
4
Garuu gara biyya tiyyaa ta ani keessaa dhaladhee dhaxxee ilma kiyya Yisaaqii intala naa fiddaa» jedheen.
5
Hojjataan isaa sunillee, «Maal laataa yoo mucattiin gara biyya kanaa dhufuu didde ilma kee gara biyya ati keessaa baatee san fiduu?» jedheen.
6
Abrahaamillee, «Ilma kiyya akka achi hin finne uf eegi!
7
Rabbi Waandhi Sami'ii ka mana abbaa kiyyaa ka itti dhaladhe keessaa na baase lafa tanallee sii kenna jedhee natti himee naa kakate maleekkaa ufii si afoo erga achii ilma kiyyaa intala fuuta.
8
Yoo mucattiin si woliin dhufuu didde ati kakuu kana irraa fayya'a; mucaa kiyya ammo achi hin deebisin» jedheen.
9
Kanaan maayessa hojjataan isaa sun harka ufiitiin gudeeda Abrahaamii gooftaa ufii qabee waan kanaaf kakateef.
10
Hojjataan isaa sun gaallan gooftaa ufii keessaa kudhan fuudhee mi'a gooftaa ufii keessaa mimmishaa fuudhee gara Maasphexoomiya'aa gara qachaa Naakoorii deeme.
11
Haga achi gaye galgala hennaa dubartoonni bisaan woraabbachu'uuf dhufan inni qachattii saniin alatti bisaan boollaa biratti gaallan ufii jilbiiffachiisee
12
«Rabbii Waaqa gooftaa kiyya Abrahaamii si kadhadha, karaa naa qajeelchii na milkeessi; Abrahaamii garaa laafi;
13
ani kunoo boolla bisaanii kana bira dhaabadheera, durbi qachaa kanaallee bisaan woraabbachu'uuf garana dhufan;
14
mucattiin bareenni ani ‹ottee tee gad qabii bisaan na obaasi› jedhuun, ta isiinillee ‹atillee dhugi; gaallan keellee sii obaasaa› naan jettu sun ta ati garbicha kee Yisaaqii qopheessite haa taatu; akka ati gooftaa kiyya Abrahaamitti jaalala kee ka bara baraa mudhifte kanaan beekaa» jedheen.
15
Uduu inni kadhaa hin fixatin Ribqaan mucattiin Baatu'eelii ta Milkaan deette ottee ufii duddatti baadhattee dhufte; Milkaan haadha manaa Naakoorii obboleessa Abrahaamiiti.
16
Mucattiin durba; guddiftee bareeddi; isiin gara boolla bisaanii buutee bisaan woraabbattee baate.
17
Hojjataan gara isi'ii fiigee, «Bisaan na obaasi» jedhee isii kadhate; isiinillee, «Gooftaa kiyya dhugi» jetteen.
18
Daddaftee ottee duddaa buufattee obaafte.
19
Haga isa obaafteen maayessa «Gaallan teellee akkasuma haga dhuganii dheebisa bayanitti hin woraaba» jette.
20
Daddaftee bisaan ottee ufii keessaa gonga'atti buuftee gara boolla bisaanii fiiddee gaallan maraafuu woraabde.
21
Namichillee xiinxallee isii laala'aa ture; Rabbi akka isa milkeessee fi isa hin milkeessine beeku'uuf cadhise.
22
Haga gaallan isaa dhuganiin maayessa namichi sun qubee worqi'iitii fi bitoo kenneefii
23
«Ati ta eennuuti? mee natti himi, mana abbeetii huleen bulan jiraa?» jedheen.
24
Isiin, «Ani ta Baatu'eeliiti; ta Milkaan intalti Naakoor uumatu deette;
25
Nu bira bura'aa fi okeenni gaya'atu jira; hulee bulti'iillee hin qabna» jetteen.
26
Namichi gad jedhee Rabbii sagadee,
27
«Rabbi Waandhi Abrahaamii gooftaa kiyyaa ka gara laafumma'aa fi dhugaa ufii hin dhossine galanni haa gawu; ani uduu karaa irra jiru Rabbi gara mana obboleewwan gooftaa kiyyaa na qajeelche» jedhe.
28
Mucattiinillee fiiddee gara mana haadha ufii galtee waan kana maraa haadhatti himte.
29
Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu qabdi. Inni qube'ee fi bitoo harka mucatti'ii irratti haga arge gara hulee burqaa bisaanii gara namichaa fiigee,
30
waan obboleettiin isaa Ribqaan itti himte haga dhagaye hennaa inni gara namichaa dhaqu namichi sun burqaa bisaanii biratti gaallan woliin jira.
31
Kanaafuu innillee, «Ati nama Rabbi eebbisee maaf diida dhaabatta? koottu gara manaa deemnaa ani si'ii fi gaallan teetiillee hulee qopheesseeraa» jedheen.
32
Achiin maayessa namichillee gara manaa dhaqe; Laabaan gaallan hiikee okayaa fi buraa kenneef; namichaa fi worra isa woliin jiraniillee bisaan lukaa kenneef.
33
Inni dhiyana dhiyeessinaaniif «Hajaa bayeef uduu hin milkoofne hin nyaadhu» jedheen; Laabaan, «Hajaa kee himadhu» jedheen.
34
Innillee, «Ani hojjataa Abrahaamiiti;
35
Rabbi gooftaa kiyya guddisee eebbisee gurra baase; hoolota, loon, qarshii, worqii, garboota dhiiraa, garboota intalaa, gaallanii fi harriin kenneef.
36
Haati manaa gooftaa kiyya Abrahaamii Saaraan jaarruma keessa ilma dhiiraa gooftaa kiyyaa deette. Inni waan qabu maraa hin kenneef;
37
Gooftaan kiyya Abrahaam akkana jedhee na kassiise, biyya ani keessa jiru tana keessaa ilma kiyyatti intala hin fuudhin.
38
Garuu gara mana abbaa kiyyaa, gara gosa abbaa kiyyaa, dhaqiitii intala mucaa kiyyatti naa fuudhi.
39
Ani gooftaa kiyya Abrahaamiin ‹maal laataa mucattiin yoo na faanaa dhufuu didde hoo?› jedheen
40
Innillee, ‹Rabbiin jireenna kiyya beeku maleekkaa ufii si woliin erga; karaa keellee sii qajeelcha; mucaa kiyya gosa kiyya mana abbaa kiyyaatii intala itti fuutaa.
41
Hennaa san kakuu irraa nagaya taata; gara firtoota kiyyaa dhaxxee yoo isaan sii kennuu baatan kakuu ani si kassiise irraa nagaya taataa.
42
Ani adha gara boolla bisaanii dhufee ‹Rabbii gooftaa kiyya Abrahaamii, adha yoo karaa naa qajeelchitee jiraatte
43
kunoo ani boolla bisaanii bira dhaabadheera; mucattiin bareedduun bisaan woraabu'uuf dhuftu yoo ani ottee keessaa bisaan na obaasi› jedhuun
44
Ta isiinillee ‹Hoo'uu dhugi, gaallan keetiillee hin woraabaa› naa jettu ta Rabbi ilma gooftaa kiyya Abrahaamii qopheesse haa taatuu» jedhee
45
uduu ani yaada garaa kiyyaa dubbadhee hin fixanne Ribqaan ottee baadhattee dhuftee gara boolla bisaanii buutee bisaan woraabde.
46
Anillee, «Mee bisaan na obaasi» jedheen; isiinillee daddaftee ottee buufattee ‹Dhugi, gaallan keellee hin obaasaa› jette; anillee hin dhuge gaallan kiyyallee hin obaafte.
47
Achiin maayessa anillee, ‹Ati ta eennuuti?› jedhee gaafadheen; isiinillee ‹Ani intala Baatu'eelii ta Milkaan Naakoorii deette› jette; anillee qube'ee fi bitoo harkaa kenneef,
48
Anillee gad jedhee Rabbii sagadee ‹Rabbii Waaqa gooftaa kiyya Abrahaamii, mucattii obboleessa isaa ilma gooftaa kiyya Abrahaamii akka fiduufiif karaa naa qajeelchee bira na geesse galanni haa gawu.
49
Ammallee yoo ka dhuga'aan waan mishaa gooftaa kiyya Abrahaamii gootan ta'e natti himaa'a bita'aa fi mirgallee hin jedhu gara Rabbi na qajeelche deemaa» jedhe.
50
Laabaanii fi Baatu'eelillee deebisanii, «Dubbiin kun waan Rabbiin irraa dhufeef hama'aa fi mishaallee sii deebisuu hin dandeennu,
51
Ribqaan kunootii fuudhii deemi akkuma Rabbi dubbate ilma gooftaa keetiitii haadha manaa haa taatuu» jedhaniin.
52
Hojjataan Abrahaamiillee hennaa waan kana dhagaye jilbiiffatee Rabbii sagade.
53
Hojjataan sun faaya birri'ii, faaya worqi'ii, uffata qandhafaa baasee Ribqa'aa kenne; obboleessaa fi haadhaa kennaa ulfinnaa kenne.
54
Inninii fi namoonni isa woliin jiran nyaatanii dhuganii achuma bulanii ganamaan ka'an. Inni, «Gara gooftaa kiyyaa akka deebi'u na geegessaa'a» isaaniin jedhe.
55
Haati mucatti'iitii fi obboleessi mucatti'ii «Mucattiin haga bultii kudhanii nu bira bultee achiin maayessa haa deemtuu» jedhan.
56
Inni ammo, «Rabbi karaa naa qajeelcheeraa na hin tursiisinaa'a» isaaniin jedhe.
57
Isaanillee, «Mucattii waamnee waan isiin jettu dhageenna» jedhaniin.
58
Ribqaa waamanii, «Nama kana woliin deemtaa?» jedhanii gaafatan. Isiinillee, «Ee hin deema» jette.
59
Isaan Ribqaa obboleettii ufii, ta waa isi'ii hojjattu, hojjataa Abrahaamiitii fi worra isa woliin jiru maraa geegessan.
60
Ribqaa «Ati obboleettiin teenna, hori; haadha banii baay'e'ee ta'i; horteen kee qe'ee diinaa haa dhaalu!» jedhanii eebbisan.
61
Kanaan maayessa Ribqaa, hojjattoonni isi'ii ka'anii gaala yaabbatanii hojjataa Abrahaamii faanaa deeman; innillee isaan fuudhee deeme.
62
Yisaaqillee karaa burqaa «Bi'eerla hayiroo'i» jedhamtuutiin dhufee biyya Neegeebii jiraata'aa ture.
63
Yisaaqillee haga lafti galgalaaye garaa ufii keessatti dhudhuma'aa uduu deemu ol jedhee gaallan gara isaa dhufan arge.
64
Ribqaanillee ol jettee Yisaaqiin argitee gaala irraa buutee,
65
«Eennu inni ka achii as deema'aaru sun? jette; hojjataanillee, «Inni gooftaa kiyya» jedheen; isiinillee hin haguuggatte.
66
Hojjataanillee waan godhe maraa Yisaaqitti hime.
67
Kanaan maayessa Yisaaqi qabatee gara daasee haadhaa seene; inni isii hin fuudhe; haadha manaa taateef; isii jaalatee gadda haadhaa irraanfatee jajjabaate.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50