bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 47
Genesis 47
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 46
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 48 →
1
Yooseefillee Fari'ooniin, «Abbaan kiyyaa fi obboleewwan tiyya, loowwan isaaniitii fi wonti isaan qaban maruu biyya Kana'aanii keessaa bayanii biyya Geeseemii jiran» jedheen.
2
Obboleewwan ufii keessaa namoota shanii Fari'ooniin afoo fide.
3
Fari'oon, «Hujiin keessan maali'i?» jedhee isaan gaafate; Isaanillee Fari'ooniin «Nu garboonni teetii fi abboonni teennallee worra hoolota horsiisu.
4
Beelli biyya Kana'aaniititti guddisee waan hammaateef hulee hoolota teenna itti tiffannu dhabnee biyya kana keessa taa'u'uuf dhufneerra; nu garboonni tee biyya Geeseemii akka teennu si kadhanna.» jedhaniin.
5
Fari'oon Yooseefiin, «Abbeetii fi obboleewwan tee dhufaniiran;
6
lafti Misirii tun badho'oo obboleewwan teetii fi abbeetiillee hulee mishaa kenniif; biyya Geeseemii keessa haa jiraatanii; isaan keessaa nama beekkumsa qabu yoo ka beettu ta'e worra horii kiyya tissan irratti bulchaa godhi» jedheen.
7
Yooseef abbaa ufii Yaaqoobiin gara Fari'oonii fidee isa afoo dhaabsise; Yaaqoobillee Fari'ooniin eebbise;
8
Fari'oon Yaaqoobiin «Umuriin kee meeqa» jedheen.
9
Yaaqoobillee Fari'ooniin «Ani woggaa dhibbaa fi soddoma ta'eera; bara jireenna kiyyaa keessa wonti badaanillee na irra gayeera; barri kiyya haga bara abbootiin teenna lafa irra jiraatanii hin gawu» jedhee;
10
Fari'ooniin eebbisee biraa baye.
11
Achiin maayessa Yooseef akkuma Fari'oon isa ajaje obboleewwan ufiitii fi abbaa ufii lafa biyya Misirii keessatti naannoo Raamse'ee ristii isaanii kenne.
12
Yooseef abbaa, obboleewwan ufiitii fi maatii ufii maraafuu midhaan haguma isaanii gawu kenneef.
13
Biyya marattuu midhaan waan hin jirreef beelli guddisee hammaatee sababa beelaatiif biyyi Misiriitii fi biyyi Kana'aanii maruu hin miidhame.
14
Yooseef qarshii midhaanii ka biyya Misiriitii fi ka biyya Kana'aaniititti gurgurate maraa wolitti qabee mana Fari'ooniititti galche.
15
Qarshiin biyya Misiriitii fi ka Kana'aanii dhumnaan namoonni biyya Misiriitii maruu gara Yooseefii dhufanii «Maaf beelaan dhumna? midhaan nuu kenni» jedhaniin.
16
Yooseef, «Horii loonii keessaa naa fidaa'a; bikka san midhaan isinii kennaa» jedhe.
17
Isaan horii, faradoo, hoolota, sa'oolee, harriin Yooseefii kenninaan inni bikka san midhaan isaanii kenne; woggaa san bikka horii isaanii midhaan isaanii kenne.
18
Woggaan sun dhumnaan woggaa lammeesso'oollee gara isaanii dhufanii «Nu'u gooftaa keenna hin dhoffannu qarshiin keenna maruu nu jalaa dhume; horiin loonii keenna ammo gooftaa keenna bira jira; nu lafa tanaa fi uf malee womaa hin qabnu.
19
Nu maaf si biratti dhumna? biyyi teennallee maaf baddi? nu'uu fi biyya teennallee midhaaniin biti; nu fari'oonii garboota haa taanuu; lafti teennallee ta isaa haa taatuu; nu akka du'a oollu, lafti teennallee akka hin banne midhaan facaafannu nuu kenni» jedhaniin.
20
Yooseef lafa biyya Misirii maraa Fari'oonii bite; waan beelli namoota Misiriititti jabaateef ristii ufii gurguratanii lafa qabeenna Fari'oonii taate.
21
Banii biyya Misirii maraa daanga'aa kaasee haga daangaa kaanii garboota isaan godhate.
22
Inni lafa gadootaa callaa dhiise; waan gadoonni Fari'ooniin irraa durgoo argataniif isaan lafa ufii itti hin gurguranne.
23
Yooseef bani'iin, «Ani adha isinii fi lafa keessanillee Fari'oonii biteera sanyii fuudha'aatii facaafadhaa'a.
24
Hennaa midhaan gaye harka shan keessaa tokko Fari'oonii kennaa'a; arfan hafe ammo maasaa keessanii fi nyaata maatii keessaniitiif haa ta'uu» isaaniin jedhe.
25
Isaanillee, «Akkuma ati du'a nu oolchite nuullee gooftaa keenna afo'otti gaachena nuu haa kennuu; nullee Fari'oonii garboota taanaa» jedhaniin.
26
Yooseefillee lafa gadootaatii achi haga adhaa biyya Misiriititti harka shan keessaa tokko Fari'oonii kennuun seera ta'e.
27
Israa'el biyya Misirii Geeseemiin keessa jiraatee bulche, hin horan, guddisanii baay'atanille'e.
28
Yaaqoob biyya Misirii keessa woggaa kudha torba taa'e; umuriin Yaaqoobii woggaa dhibba tokkoo fi afurtamii torba.
29
Israa'el hennaan du'u geennaan ilma ufii Yooseefiin waamee «Yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe koottuu gudeeda kiyya qabii akka biyya Misiriititti na hin awwaalle dhugamaan naa kakadhu.
30
Yoo ani du'e biyya Misirii keessaa na baasii awwaala biyya abboonni tiyya itti awwaalamanitti na awwaaltaa» jedheen. Innillee, «Akkuma ati jette sii godha» jedheen.
31
Yaaqoob, «Naa kakadhu» jedheen; Yooseefillee hin kakateef; Israa'el gara mataa siree ufiitiin Rabbii sagade.
← Chapter 46
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 48 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50