bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 30
Genesis 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 31 →
1
Raaheel Yaaqoobiif akka ijoollee hin deenne haga uf beette obboleettii ufiititti hinaaftee Yaaqoobiin, «Finna naa kenni, yoo naa hin kenninee ani hin du'a» jetteen.
2
Yaaqoobillee Raaheelitti aaree lolee, «Maal ani Rabbii dhala si dhooggatee?» jedheen.
3
Isiinillee, «Kunoo garbittiin tiyya Baalaan hin jirtii isii bira gayi; isiin bakka kiyya buutee finna haa deettuu; ijoolleen isiin deettu tiyya haa taatuu» jetteen.
4
Kanaafuu Raaheel garbittii ufii Baalaa akka haadha manaa isaa taatu Yaaqoobii kennite; innillee isii bira gaye;
5
Baalaan ulfooftee Yaaqoobiif ilma deette;
6
Raaheel, «Rabbi kadhaa kiyya dhagayee naa murteessee ilma naa kenne» jettee maqaa isaa Daan jettee itti baafte.
7
Garbittiin Raaheelii Baalaan ammallee ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammeesso'oo deette.
8
Raaheel, «Ani morka guddaa obboleettii tiyyatti morkadhee mooyadhe» jettee maqaa isaa Niftaaleem jettee itti baafte.
9
Liyaan akka daya dhaabde haga hubatte garbittii ufii Zalafaa fuutee akka haadha manaa isaa taatu Yaaqoobii kennite;
10
garbittiin Liya'aa Zalafaanillee Yaaqoobii ilma dhiiraa deetteef;
11
Liyaanillee, «Kun baasa» jettee maqaa isaa Gaad jettee itti baafte.
12
Garbittiin Liya'aa Zalafaan ammallee ilma dhiiraa Yaaqoobii deette.
13
Liyaan, «Ani guddisee gammade; amma dubartoonni ‹Ta gammadde!› naa jedhan» jettee maqaa isaa Aseer jettee itti baafte.
14
Roobeel ji'oota qamadiin haamamu bayee qonna keessaa gumaa akka gumaa mujulo'oo argee haadha ufii Liya'aa fide; Raaheel Liya'aan «Mujuloo ilma keetii naa kenni» jetteen.
15
Isiinillee, «Ka abbaa manaa kiyya na jalaa fudhatte hanqatee ammallee gumaa mujuloo ilma kiyyaa na jalaa fudhachuu barbaaddaa?» jetteen; Raaheelillee «Maarre waan gumaa mujuloo ilma keetii na kenniteef adha galgala inni si woliin haa buluu» jetteen.
16
Yaaqoobillee aduun dhiinaan hennaa inni diidaa galu Liyaan isa simachu'uuf gad baatee, «Adha na woliin bulta; waan ani gumaa mujuloo ilma kiyyaatiin si kireeffadheef» jetteen; Yaaqoobillee halkan kana isii woliin bule.
17
Rabbi kadhaa Liya'aa dhagayee isiinillee ulfooftee ilma shaneesso'oo Yaaqoobii deette.
18
Liyaan, «Ani waan garbittii tiyya abbaa manaa kiyyaa kenneef gatii kiyya Rabbi naa kenne» jettee maqaa isaa Yisaakoor jettee itti baafte.
19
Liyaan ammallee ulfooftee ilma jaheesso'oo Yaaqoobii deette.
20
Liyaan, «Rabbi waan mishaa naa kenne; ammaa achi abbaan manaa kiyya na woliin jiraata; waan ani ijoollee dhiiraa isaa dayeef» jettee maqaa isaa Zaabiloon jettee itti baafte.
21
Achiin maayessa intala deettee maqaa isi'ii Diinaa jettee itti baafte.
22
Rabbi Raaheeliin yaadatee kadhaa isi'iillee dhagayee gadaamessa isi'ii baneef.
23
Isiinillee ulfooftee ilma deettee «Rabbi maqaa arrabaa na irraa dhiqe;
24
ammallee Rabbi ilma naa haa eda'uu jettee maqaa isaa Yooseef jettee itti baafte.
25
Raaheel haga Yooseefiin deetteen maayessa Yaaqoob Laaba'aan «Amma ani gara biyya kiyyaa deebi'a;
26
Haadha manaa tiyya lamaan ta ani sii hojjadhee naa kennitee fi ijoollee tiyya naa kenniitii na geegessi ani hin deemaa; haga ani sii hojjadhe hin beettaa» jedheen.
27
Laabaanillee, «Yoo ani si afo'otti kabajjamee jiraadhe asuma taa'i, Rabbi akka sababaa keetiif na eebbise argeeraa;
28
mindaa kee natti himi isa sii kennaa» jedheen.
29
Innillee, «Loon keellee attamitti akka tisse hin beetta,
30
uduu ani si bira hin dhufneen dura wonti ati qabdu diqqoo ture; amma ammo horteerta, sababaa ani gara kee dhufeef Rabbi si eebbise; ani ammo yoom ufiif hojjadha?» jedheen.
31
Innillee, «Maal sii kenna?» jedheen. Yaaqoobillee, «Womaa naa hin kennin; yoo ati waan kana naa goote ammallee deebi'ee hoolota tee tissee bobbaasa;
32
adha ani hoolota tee jidduu lufa'aa hoolota babarruu, sassaaqa'aa fi gugurraa maraa, re'iin keessaallee sassaaqa'aa fi babarruu fooya; isaan kunniin mindaa kiyya haa ta'anii» jedheen.
33
Kanaafuu gatii kiyya ka ani si biraa qabu laalu'uuf hennaa dhufu qajeellummaan kiyya naa ragama; re'iin keessaa babarru'uu fi sassaaqaa ka hin qabne, ilmoolee hoolotaa keessaallee ka gugurraa hin taane maruu yoo na biratti argaman akka waan ani hateetitti haa laallamuu.
34
Laabaanillee, «Akkuma ati jette haa ta'uu» jedheen.
35
Gaafuma san korbeeyyii re'iiniitii fi goromoota saaqaa qabu, re'iin dhadhaltuu keessaa babarruu, saaqaa, adii maraa, hoolota keessaallee hoolota gugurraa maraa fooyee ijoollee ufiititti kenne.
36
Isaa fi Yaaqoobiin jidduu deemsa guyyaa sadihii irraa fageesse; Yaaqoob Laaba'aa hoolotaa fi re'iin hafan tissa'aa ture.
37
Yaaqoobillee uleewwan jiituu mukkiin adda addaa ka Libin, Lawuzii fi Ermoon jedhamu irraa fuudhee uleewwan sanniin babarruu godhee quuncise.
38
Uleewwan quuncise sanniin hennaa tinni hoolotaa bisaan dhugu'uuf dhufan gongaa hoolonni bisaan keessaa dhuddu keessa afoo isaanii kaayee hoolonni hennaa bisaan dhugu'uuf dhufan uleewwan sanniin laalanii tola fuudhu'uuf kajeela'aa turan.
39
Hoolonnillee waan uleewwan sanniin laalanii tola fuudhuu kajeelaniif tola fuudhanii ilmoolee babarruu, bibbidu'uu fi sassaaqaa dhalan.
40
Yaaqoob korbeeyyii adda fooyee gugurraa maraa hoolota Laaba'aa afoo dhaabsise; tika hoolotaa taawwan ammo hoolota Laaba'aatitti hin edaane.
41
Yaaqoob hoolonni jajjabaannaan hennaa tola fuudhuu kajeelan uleewwan babarruu sanniin laalanii bifa uleewwan sanniiniitiin akka tola fuudhan uleewwan sanniin fuudhee gongaa hoolonni bisaan keessaa dhuddu keessa kaaye.
42
Uleewwan sanniin hoolota dadadhabduu afoo hin kaawu ture; hoolonni huqqatan ta Laaba'aati; hoolonni qanani'an ammo ta Yaaqoobii ta'an.
43
Yaaqoob guddisee duroome; horii, dubartoota, dhiira, garboota, gaallanii fi harriin hedduu hin horaniif.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50