bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 31
Genesis 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 32 →
1
Ijoolleen dhiiraa ta Laaba'aa, «Yaaqoob qabeenna abbaa keennaa fudhate» jedhanii hennaa dubbatan Yaaqoob dhagaye.
2
Yaaqoob hennaa fuula abba'aa laalu akka duraaniitii miti.
3
Hennaa san Rabbi Yaaqoobiin « gara biyya abbeetii gara fira keetii deebi'i; ani si woliin ta'aa» jedheen.
4
Kanaafuu Yaaqoob Raaheelii fi Liyaa nama itti ergee gara hulee hoolonni jirtuu isaan waamee,
5
«Fuulli abbaa keessanii anaaf akka duraaniitii miti; ammo Waandhi abbaa kiyyaa na woliin jira;
6
ani hunna qabu maraan akka abbaa keessanii hojjadhe hin beettan.
7
Abbaan keessan ammo na sobee mindaa kiyya harka kudhanii jijjiire; Rabbi ammo akka inni na miidhu hin barbaanne.
8
‹Hoolonni babarruun mindaa kee haa taatuu› naan jennaan hoolonni maruu ilmoolee babarruu dhalte; ammallee ‹Mindaan kee hoolota bibbiduu haa taatuu› jennaan hoolonni maruu bibbiduu dhalte;
9
Rabbi hoolota abbaa keessan irraa fuudhee naa kenne.
10
Hoolonni sunniin hennaa tola fuudhuu kajeelan re'iin korbeeyyii babarruu, bibbiduu, sassaaqaa qabanii hennaa itti bobbaasan arge.
11
Maleekkaan Rabbii eebju'uun, ‹Yaaqoob!› naan jedhe; anillee ‹Yaa› jedheen.
12
‹Ol jedhii laali korbeeyyiin hoolotaa fi korbeeyyiin re'iinitti hobobsan babarruu, sassaaqa'aa fi bibbidu'u; ani waan Laabaan si godhe maraa argeeraa» jedheen.
13
Rabbi Waandhi Beeteelii ka ati soodduu dhaabdee muuddee fi silata qabdeef ana; ammallee ka'iitii biyya kanaa bayii gara biyya itti dhalattee deebi'i» jedhe.
14
Raaheelii fi Liyaan deebisanii «Mana abbaa keennaatitti gayeen keennaa fi ristiin nu hafeeraa laata?
15
Nu'u isa biratti akka nyaaphaatitti hin laallamnee? inni nu gurguratee gatii keenna nyaateera.
16
Kanaaf horiin Rabbi abbaa keenna irraa fuudhe maruu keennaa fi ka ijoollee teennaati; amma ka'iitii waan Rabbi siin jedhe maraa godhi» jedhaniin.
17
Yaaqoobillee ka'ee ijoolle'ee fi haawwota manaa ufii gaallan yaabbisee;
18
horii ufii, mi'a mana ufii, horii hennaa laga lamaan jidduu jiru argate maraa qabatee gara biyya Kana'aanii ka Yisaaqii abbaa ufii dhaqe.
19
Hennaa Laabaan rifeensa hoolota ufii ciru'uuf deeme Raaheel waaqa sobaa ka harki namaa hojjate ka abbaa ufii hatte.
20
Yaaqoob Laabaa nama Sooriya'aa ganee bade; akka badellee itti hin himne.
21
Inni waan ufii qabu maraa qabatee badee laga ceeyee gara gaara Gala'aadii dheesse.
22
Guyyaa sadeesso'ootitti Yaaqoob akka dheessee bade Laaba'atti himan.
23
Laabaan obboleewwan ufii woliin karaa deemsa guyyaa torbaa hordofee gaara Gala'aadii irratti isa dhaqqabe.
24
Rabbi halkan eebju'uun gara Laabaa nama Sooriya'aa dhufee «Waan hamaa akka itti hin dubbanne uf eegi» jedheen.
25
Laabaanillee gaara irra hulee Yaaqoob daasee itti ijaaratetti dhaqqabeen; Laabaanillee obboleewwan ufii woliin gaara Gala'aadii irratti daasee ijaaratee;
26
«Maaf waan kana goote? na gantee dheessitee ijoollee tiyyallee akka waan woraanaan booji'amaniititti fudhattee deemte;
27
Maaf dhokattee dheessite? maaf na gantee dheessite? gammachu'uun, sirbaan, dibbe'ee fi kiraaraan akka si geegessu maaf natti hin himne?
28
ijoollee tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa akka dhungadhu maaf natti hin himne? waan kana balleessiteerta;
29
Silaa ani waan hamaa si irratti hojjachu'uuf hunna qaba; ammo kaleessa Waandhi abbaa keessan ‹Yaaqoobiin jecha hamaa akka itti hin dubbanne uf eegi› jedhee natti hime;
30
ammallee yoo mana abbeetii yaadde deemi; ammo waaqolee tiyya maaf hatte?› jedheen.
31
Yaaqoobillee deebisee Laaba'aan, «Ijoollee tee waan na harkaa fudhattu seeyee sodaadhee kana godhe,
32
namni waaqolee kee fuudhe ammo haa du'uu; wonti kee yoo na biratti argame obboleewwan teenna afo'otti soqii fudhadhu» jedhe. Yaaqoob akka Raaheel hatte waan hin beenneef.
33
Laabaan gara daasee Yaaqoobii, gara daasee Liya'aatii fi gara daasee garboota lamaanii seene; ammo womaa hin argine; daasee Liya'aatii bayee gara daasee Raaheelii seene.
34
Raaheel waaqa tolfamaa san fuutee kooraa gaalaa jalatti dhossitee irra teette; Laabaan daasee maraa keessa soqee womaa hin argine.
35
Isiinillee abbaa ufiitiin, « Sababaa garaa argeeruuf si'i afoo dhaabachuu hin dandeennee naan hin lolin» jetteen; innillee waaqa tolfamaa hin argine.
36
Yaaqoob Laaba'aan lolee, «Ani maali'iin si yakke? wonti ati hagana na ariiteef maali'i?
37
haga meeshaa kiyya maraa keessa soxxe mi'a mana keetii maal argite? isaan nu lamaan jiddu'utti akka murteessan obboleewwan tiyyaa fi obboleewwan tee afoo nu dhiyeessi» jedheen.
38
Woggaa diddamaa guutuu si woliin jiraadhee re'iinii fi hoolonni tee gara'aa hin ganne; tika korbeeyyi'ii kee keessaa ani womaa hin nyaanne
39
ka bineensi nyaate sii fidee hin beeku; ka guyya'aa fi halkan hatamellee ana kaffalchiifta ture;
40
Oo'i guyya'aatii fi qorri halkanii na miidhee hirriba dhabe.
41
Woggaa diddamaa mana kee akkanumaan taa'e; woggaa kudha afurii waan ijoollee intalaa tee lamaaniitiif, woggaa jahaa hoolota tee argachu'uuf sii hojjadhe mindaa kiyya hennaa kudhan jijjiirte
42
Waandhi Abrahaamii ka abbaan kiyya Yisaaqi Waaqeffatu uduu na woliin jiraatuu baatee silaa harka duwwaa gad na dhiifta; Rabbi rakkinna kiyyaa fi xaarii tiyya laalee si seere» jedheen.
43
Laabaanillee Yaaqoobiin, «Ijoolleen intalaa ijoollee tiyya; daa'immanillee daa'imman tiyya; tinni hoolotaa kiyya; wonti arga'aartu kunniin maruu kiyya; adhallee ijoollee intalaa tiyya tanniinii fi ijoollee isaan dayan irratti maal godhuu danda'a?
44
Ammallee koottu anaa fi si'i jiddu'utti ragaa akka ta'u waadaa wolii gallaa» jedheen.
45
Yaaqoobillee dhagaa fuudhee soodduu dhaabe.
46
Yaaqoob obboleewwan ufiitiin, «Dhagaa wolitti qabaa'a» jedhe; isaanillee dhagaa wolitti qabanii tuulaa dhagaa sanii irratti waa nyaatan.
47
Laabaan Yegaarsahadutaa jedhee maqaa itti baase; Yaaqoobillee Gala'aad jedheen.
48
Laabaanillee, «Tuulaan tun adha anaa fi si'i jiddu'utti ragaa taati» jedhe; kanaaf maqaan isi'ii Gala'aad jedhame.
49
Akkasuma Mitsiphaa jedhame; «hennaa anii fi ati adda baane Rabbi nu haa eegu» jedhe.
50
«Ijoollee tiyya yoo yakkite; isaan irratti intala biraa yoo fuute; nu woliin namni waan hin jirreef Rabbi anaa fi si'i jiddu'utti raga'a.
51
Laabaanillee Yaaqoobiin, «Anaa fi si'i jiddu'utti soodduun tuula'aa kunooti» jedheen.
52
Ani gara kee tuulaa dhaga'aa tana akka hin lufne; atillee hammeennaaf gara kiyya tuulaa tanaa fi soodduu tana akka hin lufne soodduun tun ragaa taati;
53
Waandhi Abrahaamii, ka Naakooriitii fi Waandhi abbootaa nu jiddu'utti haa murteessu» jedhe; achiin maayessa Yaaqoob waadaa kana eegu'uuf maqaa Waaqa abbaa ufiitiin kakate.
54
Yaaqoob gaara san irratti ciincaa ciincessee obboleewwan ufii buddeena akka nyaatan waame; isaanillee buddeena nyaatanii gaara san irra bulan.
55
Laabaanillee ganamaan ka'ee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa dhungatee isaan eebbise; Laabaan deebi'ee gara biyya ufii gale.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50