bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 18
Genesis 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 19 →
1
Abrahaam guyyaa uduu balbala daasee ufii taa'eeru, Rabbi qilxuu Maammire'ee biratti itti mudhate.
2
Inni ol jedhee yoo laalu namoonni sadihii isa afoo ka dhaabataniiran argee isaan simachu'uuf balbala daasee ufiitii ka'ee gara isaanii fiigee isaanii sagadee,
3
«Yabo'oo yoo si biratti gaachena argadhe ana garbicha kee na bira hin lufin;
4
bisaan diqqoo isinii fidaa luka dhiqadha'aa muka kana jalatti hara baafadhaa'a.
5
Waan nyaatan diqqoo woyii isinii fidaa nyaattanii bayyanattanii deemtanii» jedhee isa kadhate; isaanillee «Misha'a; akka yaadde godhi» jedhaniin.
6
Abrahaam gara daase'ee Saaraa bira daddafee seenee «Dafii daakuu ganaa sadihii fuudhii dukkuusii xoroshoo godhi» jedheen.
7
Abrahaam gara hori'ii fiigee jibicha qanani'aa fuudhee hojjataa ufiititti kennee «Daddafii qalii qopheessi» jedheen.
8
Abrahaam, itittu'uu fi foon fidee dhaabatee isaan nyaachise.
9
Isaan, «Haati manaa tee Saaraan meeti?» jedhaniin. Innillee «Daasee keesssa jirti» isaaniin jedhe.
10
«Bara dhufu woggaa adhaa hennaa tana deebi'ee gara keessan dhufa; haati manaa tee Saaraan ilma argatti» jedhe; Saaraan Abrahaamiin duubaan balbala daase'ee dhaabattee waan jarri dubbattu caqasa'aa turte.
11
Abrahaamii fi Saaraan guddisanii jaaraniiran; waan jaarteertuuf Saaraan garaa arguu dhaabdeerti.
12
Saaraan garaa ufii keessatti «Ani amma jaareeraa fedha dhiiraa hin qabu abbaan worraa kiyyallee jaareera» jettee kolfite.
13
Rabbi Abrahaamiin, «Saaraan maaf, «Haga jaareen maayessa hin dayaa?» jettee kolfite.
14
Horomaa wonti Rabbii hin danda'amne hin jiraa? bara dhufu hennaa tana ani deebi'ee gara kee dhufa Saaraan ilma argatti» jedheen.
15
Saaraan waan guddiftee sodaatteef «Ani hin kolfine» jettee waakkatte; inni ammo «Lakki kolfiteertaa» jedheen.
16
Kanaan maayessa namoonni sunniin achii ka'anii gara Soodoomii deeman; Abrahaam isaan geegesse.
17
Rabbi, «Ani waan godhu Abrahaamiin dhossaa?
18
Abrahaam dhugamaan banii guddaa waan ta'uuf; baniin biyya lafaa maruu isaan eebbifama.
19
Inni waan qajeellumma'aatiif murtii qajeelaa godha'aa ijoollee ufiitii fi akaakayyoota ufiillee gorsa'aa isaan qajeelcha; kunillee waadaan Rabbi Abrahaamii gale akka raawwatamuuf» jedheen.
20
Rabbi deebi'ee, «Iyyansi Soodoomiitii fi Gomoora'aa guddisee guddateera; cubbuun isaanii guddisee waan ulfaateeruuf.
21
Kanaafuu waan isaanii waan dhagaye maraa akka dhugaa ta'e laalu'uuf gara isaanii bu'a; yoo bu'uu baadhellee ani hin beeka» jedhe.
22
Kanaan maayessa namoonni lamaan sunniin achii gara Soodoomii deeman; Abrahaam ammo yoo san akkuma Rabbiin afoo dhaabatetti ture.
23
itti siiqee «Yabo'oo dhugamaan ati qajeelaa cubbamaa woliin balleessitaa?
24
Uduu namni shantamaa qajeelaan qachaa san keessatti argamanii maraa wolumaan balleessitaa? Qachattii san qajeelaa shantamaa sanniiniif jettee hin dhiiftuu?
25
kun si irraa haa fagaatu; nama cubbamaa qajeelaa woliin balleessuu'u, qajeelaanillee akka cubbama'aa ta'uu'u wonti akkanaa kun si irraa haa fagaatu; ka biyya lafaa maratti murteessu murtii qajeelaa hin murteessuu?»
26
Rabbillee Abrahaamiin, «Qachattii Soodoomii keessatti yoo qajeelaa nama shantamaa arge isaaniif jedhee hin dhiisa» jedhe.
27
Abrahaam deebisee, «Ani nama daaraa biyyee womaa keessa hin jirre ta'ee Gooftaa kiyya woliin uggaan dubbachuu kiyyaaf dhiifama naa godhi;
28
namni shanii qajeelaan waan irraa dhidhateef sababaa nama shaniitiif qachaa maraa balleessitaa?» jedheen; Rabbi, «Yoo nama afurtamii shanii arge hin balleessu» jedhe.
29
Ammallee Abrahaam deebi'ee «Maal laataa uduu qajeeltonni afurtamaa argamanii hoo?» jedheen; innillee deebisee, «Sababaa namoota qajeeltota afurtamaa sanniiniif jedhee hin dhiisa» jedhe.
30
Abrahaam, «Yabo'oo Gooftaa'a hin dubbadhaa natti hin aarin maal laataa yoo qajeeltonni soddomaa argaman hoo?» Jedheen. Innillee, «Qajeeltota soddomaa yoo arge hin balleessu» jedheen.
31
«Gooftaa kiyya ani amma eega si woliin dubbachuu jalqabe uduu diddamni argamanii hoo?» Jedhe; innillee, «Diddamni yoo argaman, isaaniifuu jedhee hin balleessu.»
32
«Gooftaa kiyya ammallee yabo'oo hennama takkattii dubbadhaa naan hin lolin; maal laataa uduu kudhan argamanii hoo?» jedhe; Innillee, «Kudhan sanniiniifuu jedhee hin balleessu» jedhe.
33
Rabbi haga Abrahaamiin woliin dubbii fixe hin deeme; Abrahaamillee gara hulee ufii deebi'e.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50