bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 44
Genesis 44
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 45 →
1
Yooseef hojjataa mana ufiitiin «Haga qalqalli isaanii danda'u midhaan buusii guutii qarshii nama maraatuu afaan qalqalaa keessa kaayii hidhiif.
2
Afaan qalqala mucaa diqqa'aa geeboo kiyya ka meetii irraa hojjatame ka ani itti dhugu keessa kaayi» jedhee ajaje; innillee akkuma inni jedheen godhe.
3
Haga lafti bariite namoonni sunniin harriin fe'atanii deeman; isaan uduu qacha'aa bayanii hin fagaanne
4
Yooseef hojjataa mana ufiitiin «Ka'ii namoota sanniin hordofii yoo isaan bira geette ‹Bikka nu waan mishaa isinii goone isin ammo maaf waan hamaa nuu deebiftan? maal geeboon meetii irraa hojjatame
5
ka gooftaan keenna waa itti dhuguu fi ka waan dhossa'aa ittiin beekuu mitii?› isaaniin jedhi» jedhee isa ajaje.
6
Innillee isaan dhaqqabee akkuma inni jedheen san isaaniin jedhe;
7
Isaanillee, «Gooftaa keenna; jecha akkanaa kana maaf dubbatta? nu garboonni kee worra waan akkanaa kana godhuu miti;
8
waan afaan qalqala keennaa maraa keessatti argine qabannee biyya Kana'aaniitii kaanee gara kee deebine; attamitti mana gooftaa keetiitii birrii yookaan worqii hanna?
9
Nu garboota kee keessaa namni geeboon kun harkatti argame ammo haa du'uu; nullee ammo gooftaa keennaaf garboota haa taanuu.» jedhaniin.
10
Innillee «Akkuma natti himtan kana namni geeboon kun harkatti argame garbicha kiyya haa ta'uu; isin ammo nagayaan deemtan» jedhe.
11
Isaan maruu fe'aa ufii harriin ufii irraa hiikkatanii afaan qalqalaallee hiikan.
12
Qalqala ka hangafaa irraa jalqabee haga qalqala ka maandha'aa keessa soqee geeboo san qalqala Biiniyaamii keessatti arge.
13
Isaanillee nayanii uffata ufii biinxanii qalqala ufii harriin ufiititti fe'atanii gara qachatti'ii deebi'an.
14
Yihuudaanillee obboleewwan ufii woliin Yooseefiin bira dhaqe; hennaa sanillee Yooseef achuma jira; isaan martinuu dhufanii isa jalatti kufan;
15
Yooseefillee «Wonti isin gootan kun maali'i? namni akka kiyyaa kun waan dhossa'aa akka beeku hin beettanii?» isaaniin jedhe.
16
Yihuudaan «Nu gooftaa keennaa maal deebifna? maal jennaanille'e? yookaan maali'iin qulqulloofna? Rabbi waan cubbuu garboota teetii ol baasee mudhiseef; nu'uu fi ka geeboon harkatti argamellee garboota gooftaa keennaa haa taanuu» jedhaniin.
17
Innillee «Waan akkanaa kana hin godhu; namni geeboon harkatti argame garbicha naa haa ta'uu isin gara abbaa keessanii nagayaan deemaa'a» isaaniin jedhe.
18
Yihuudaanillee gara isaa dhiyaatee «Gooftaa kiyya; ani garbichi kee waa sitti dubbadhaa ati akka Fari'oonii waan taateef naan hin lolin.
19
Gooftaan nu garboota ufiitiin ‹Abbaa yookaan ilma haadhaa qabduu?› jedhee nu gaafate;
20
nullee gooftaa keennaan ‹Abbaa jaare qabna; mucaan diqqaan abbaan keenna jaarruma keessa uumatellee hin jira; obboleessi mucaa kanaa hin du'e; ijoollee haadhaa keessaa inni callaan waan hafeef abbaan hin jaalataan;
21
ati nu garboota teetiin «Isa as fidaa'a hin argaanii» jette;
22
nullee gooftaa keennaan, «Mucaan abbaa dhiisee dhufuu hin danda'u; yoo dhiisee dhufe abbaan hin du'a» jenne.
23
Ati ammo nu garboota teetiin ‹Obboleessi keessan ka maandha'aa yoo isin woliin deebi'ee hin dhufnee lammata as hin dhufinaa'a› jettee jabeessitee nu seerte.
24
«Gara garbicha kee gara abbaa keennaa hennaa deebine waan gooftaan keenna nuun jedhe itti himne;
25
abbaan keennallee ‹Ka'aa dhaqa'aatii midhaan diqqoo nuu bitaa'a› nuun jedhe.
26
Nullee ‹Yoo obboleessa keenna ka maandha'aa kana nu woliin ergite hin deemna; mucaan maandha'aa keenna kun yoo nu woliin hin deemnee isa afoo dhaquu hin dandeennu› jenneen.
27
Abbaan keenna garbichi kee ‹Haati manaa tiyya ijoollee lamaa akka naa deette hin beettan.
28
Tokko na biraa bayee bineensi nyaate naan jettan; ani haga adhaa isa hin argine;
29
kanallee yoo na jalaa fuutanii deemtaniinii wonti badaan isa irra gaye, bara jaarruma kiyyaa keessatti gaddaan du'a.
30
Ani amma yoo gara abbaa kiyyaa gara garbicha keetii deeme; inni yoo mucaa na biratti hin argine qalbiin isaa daa'ima irra waan jirtuuf akka daa'imni isaa nu woliin hin jirre yoo arge hin du'a;
31
nu'u garboonni teellee manguddummaa garbicha keetii ka abbaa keennaa gaddaan awwaalla;
32
ani garbichi kee garbicha kee abbaa kiyya irraa yoo mucaa deebisee sii fiduu baadhe si biratti nama bara baraan si yakke ta'a.
33
Kanaafuu ani garbichi kee gooftaa kiyya biratti garbicha ta'ee bikka mucaa kanaa as taa'aa mucaan kun ammo obboleewwan ufii wolii haa deemuu;
34
«Yoo kana ta'uu baate, mucaan yoo na woliin hin jirre, attamiin gara abbaa kiyyaa deebi'a? rakkoo isa irra gawu ani arguu hin barbaadu» jedheen.
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 45 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50