bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 38
Genesis 38
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 39 →
1
Ji'uma sanniin keessa Yihuudaan obboleewwan ufii irraa fooyamee gara nama Eeraas jedhamuu ka biyya Adoolaamii dhaqe.
2
Achitti Yihuudaan mucattii Seewaanii ta biyya Kana'aanii argee fuudhe.
3
Isiin ulfooftee ilma deettee maqaa isaa Eer jettee itti baafte.
4
Ammallee ulfooftee ilma deettee maqaa isaa Awunaan jettee itti baafte.
5
Ammallee ilma deettee maqaa isaa Seeloom jettee itti baafte; hennaa isa deettu isiin biyya Kisib jedhamu keessa jiraatti.
6
Yihuudaan ilma ufii ka hangafaa Eeritti mucattii Timaar jedhamtu fuudhe.
7
Ilmi hangafaa Eer Rabbiin afo'otti nama hamaa waan ta'eef Rabbi isa qoome.
8
Yihuudaan Awunaaniin, «Gara haadha manaa obboleessa keetii seenii dhaalii uumadhuu obboleessa keetii fiixaa hambisi» jedheen.
9
Awunaan akka fiixaan isaan hin waamamne haga beeke haadha manaa obboleessa ufii dhaalee obboleessa ufiitiif fiixaa hambisuu jibbee sanyii hormaataa lafatti jisse.
10
Hujiin kunillee Rabbiin afo'otti waan hamaa ta'eef isallee Rabbi hin qoome.
11
Yihuudaan intala ilma ufii Timaariin «Ilmi kiyya Seeloom haga guddatuuf haadha hiyyeessaa ta'ii mana abbeetii taa'i» jedheen; inni wonti akkana isi'iin jedheef ilmi isaa akka obboleewwan kaawwanii akka hin duuneef; Timaar dhaxxee mana abbaa ufii teette.
12
Bara baay'e'een maayessa haati manaa Yihuuda'aa mucattiin Seema'aa hin duute; innillee gadda irraa jajjabaatee gara namoota rifeensa hoolotaa ciranii gara Tamina'aa gara nama Eeraasii jaalalloo isaa ka biyya Adooloma'aa dhaqe.
13
«Soddaan kee Yihuudaan rifeensa hoolotaa ciru'uuf gara Tamina'aa dhufa» jedhanii Timaaritti himan.
14
Isiinillee uffata haadha hiyyeessa san mulqattee uffata biraa uffattee fuulatti haguuggattee gara karaa Taminaa fidu cinaa balbala Eenaayimii teette; wonti kana gooteef Seeloom guddatee haadha manaa taasifatee akka hin fuune waan beetteef.
15
Yihuudaan hennaa isii arge waan fuula ufiititti haguuggatteef seebartuu itti fakkaatte.
16
Inni isi'itti goree «Yabo'oo sitti ooluu» jedheen; akka isiin haadha manaa ilma isaa taate waan hin beenneef. Isiinillee, «Natti oolu'uuf maal naa kennita?» jetteen.
17
Inni, «Korbeessa re'e'ee re'iin keessaa sii kenna» jedheen. Isiinillee, «Haga korbeessa re'e'ee naa kennituuf maal qabsiifta?» jetteen.
18
Inni, «Maal si qabsiisa?» jedheen; Isiinillee, «Qubee, Hirbooraa fi Ulee harkaa qabdu na qabsiisi» jetteen; Innillee kanniin maraa isii qabsiisee isi'itti oole; achiin maayessa isiin hin ulfoofteef.
19
Isiin achii kaatee uffata san mulqattee deebitee uffata haadha hiyyeessaa uffatte.
20
Yihuudaan waan isii qabsiise san isii irraa fudhachu'uuf korbeessa re'e'ee goshoo ufii nama Adoolaamiitiin isi'ii erge; inni ammo isii hin argine.
21
Inni namoota biyya saniitiin, «Intalti seebartuun karaa Eenaayimii cinaa teettu sun eessa dhaxxe? jedhee isaan gaafate; Isaanillee, «Dubartiin seebartuun akkasii sun as hin jirtu» jedhaniin.
22
Inni gara Yihuuda'aa deebi'ee «Ani dubartii san hin argine; namoonni biyya saniillee ‹Dubartiin akkasii sun as hin jirtu› naan jedhan» jedheen.
23
Yihuudaanillee, «Eegasuu nu akka nama kolfaa hin taane korbeessa re'e'ee ergeefii ture; ammo ati isii arguu hin dandeenne; kanaafuu waan qabsiise san haa fudhattuu» jedhe.
24
Ji'a sadihiin maayessa «Mucattiin ilma keetii Timaar seebartee seebarumma'aan ulfoofte» jedhanii Yihuuda'atti himan. Yihuudaanillee, «Gad baasaa ibiddaan haa gubattuu» jedhe.
25
Haga isii gad baasan isiin soddaa ufiitiin, «Ani abbaa meeshaa kanniinii irraa ulfaaye; Qubeen, Hirboorrinii fi Uleen tun ta eennuuti?» jetteen.
26
Yihuudaanillee beekee «Ana caalaa isi'itu dhugaa qaba; ani waan ilma kiyya Seeloomitti isii hin heerumsiifneef» jedhe; Inni deebi'ee lammata isi'itti hin oolle.
27
Hennaa ulfoofte lakkuu gara'aa qabdi.
28
Isiin hennaa deettu tokkochi harka gad baafnaan ta deessiftu jirbii diimaa harka isaatitti hiitee «Kun dura dhalata» jette.
29
Inni ammo harka ufii ol deebifannaan obboleessi isaa kuun isa dura dhalate; deessiftuun, «Maaf irre'een cabsitee baate?» jettee maqaa isaa Faarees jettee itti baafte.
30
Isaan maayessa obboleessi isaa ka jirbii diimaa harkaa qabu dhalannaan maqaa isaa Zaaraa jedhaniin.
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 39 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50