bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 23
Genesis 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 24 →
1
Saara'aan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba haga taateen maayessa biyya «Qiriyaati Arbaaqitti» duute.
2
Biyyi sun Keebroonii Kana'aaniin keessa jirtu. Abrahaamillee guddisee gaddee Saara'aa booye.
3
Abrahaam reeffa biraa ka'ee
4
«Ani nama baqatee isinitti gale lafa awwaalaa naa kennaa'a reeffa haadha manaa tiyyaa itti awwaaladhaa» jedhee ijoollee Keexi'ii gaafate.
5
Ijoolleen Keexi'iillee Abrahaamiin,
6
«Gooftaa keenna nu dhagayi; ati nu jiddu'utti nama gudda'a; nama Rabbiiti; hulee keenna ka awwaalaa bakka mishaa filadhuu reeffa nama keetii awwaali, akka ati reeffa nama keetii hin awwaalle namni si dhooggu hin jiru» jedhanii deebisaniif.
7
Kanaan maayessa Abrahaamillee ka'ee banii biyya saniitii fi ijoollee Keexi'iitii sagadee
8
«Yoo akka ani reeffa nama kiyyaa awwaaladhu jaalattan
9
Eefroonii nama Sa'aarii goda lafa daangaa qonna isaa bira jirtu irraa ristii awwaalaa akka gatii guutu'uun natti gurguru naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.
10
Eefroon ijoollee Keexi'ii jidduu jiraata'aa ture; namni Keexi'ii Eefroon, ijoolleen Keexi'iitii fi worri qachaa san keessa jiraatan maruu kana haga dhagayan
11
Abrahaamiin, «Akkasii miti gooftaa keenna nu dhagayi; lafa qonnaatii fi goda daangaa lafa qonnaa jirullee ijoollee gosa tiyyaa afo'otti sii kenneeraa reeffa nama keetii itti awwaaladhu» jedheen.
12
Abrahaamillee banii biyya sanii afo'otti gad jedhee;
13
uduu namni maruu dhagawu Eefrooniin, «Waan ani jedhu akka naa dhageettu si kadhadha; gatii lafa qonnaa sii kennaa atillee na irraa fudhadhu reeffa haadha manaa tiyyaa achitti awwaaladhaa» jedheen.
14
Eefroon Abrahaamiin,
15
«Gooftaa kiyya na dhagayi; gatiin lafaa yoo atta guddate saqilii dhibba afur ta'a, tun anaa fi si'i jiddu'utti maali'i? reeffa haadha manaa teetii awwaaladhu» jedhee deebiseef.
16
Abrahaamillee waan Eefroon jedheen dhagayee waan ijoollee Keexi'ii afo'otti isaan jedhe saqilii dhibba afurii laakkayee Eefroonii kenne; akkuma worri waa bitee gurguru godhu godhe.
17
Qonni Eefroonii ka Maammiree afo'oo ka Abrahaamii ta'e; qonni isaa, gonni qonna bira jiru, munni naannoo lafa qonnaa jiru maruu
18
ijoollee Keexi'iitii fi worra qachattii san keessa jiraatan maraa afo'otti ristii Abrahaamii ta'ee mirkanaaye.
19
Kanaan maayessa Maammiree Keebroon jedhamtu afo'otti qonna lafa biyya Kana'aanii goda daangaa lafa qonnaa keessatti reeffa Saaraa haadha manaa ufii awwaale.
20
Kanaafuu qonninii fi gonni daangaa lafa qonnaa jiru ka ijoollee Keexi'ii ristii lafa awwaalaa ka Abrahaamii ta'e.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50