bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 48
Genesis 48
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 49 →
1
Achiin maayessa «Abbee dhibameera» jedhanii Yooseefitti himnaan inni ilmaan ufii lamaan Minaase'ee fi Efreemiin qabatee dhaqe.
2
Yaaqoobitti, «Kunoo Yooseef dhufeera» jedhanii himan; Israa'el jajjabaatee ol jedhee taa'e.
3
Yaaqoob Yooseefiin, «Waandhi waa maraa danda'u biyya Kana'aanii hulee Loozaa jedhamtutti natti mudhatee na eebbise;
4
‹Si daraarsa, si baay'isa, banii badhaa si taasisa; lafa tana hortee kee ka siin maayessa dhufuu kenna› naan jedhe» jedheen.
5
Ammallee uduu ani gara kee hin dhufne ijoollee biyya Misiriititti sii dhalatte lamaanuu Efreemii fi Minaaseen akkuma Roobeeliitii fi Simooniititti laakkayaman.
6
Ijoolleen kanniiniin maayessa uumattu tee haa taatuu; maqaa obboleewwan ufii ka Efreemiitii fi ka Minaase'eetiin haa waamamanii.
7
Ani uduu Masephoxomi'aa deebi'aaru biyya Efraataa seenu'uuf diqqoon na hafeeru Raaheel biyya Kana'aanitti kara'atti na harkatti duunaan karaa Efraata'aa irratti awwaale. (Huleen sun adha Beeteliheem jedhamti.)
8
Israa'el ijoollee ufii argee «Kunniin eennu fa'a?» jedheen.
9
Yooseefillee abbaa ufiitiin «Ijoollee Rabbi hennaa ani biyya tana keessa jiru naa kenne» jedheen. Innillee «Isaan eebbisaa as naa dhiyeessi» jedheen.
10
Israa'el jaaree ijaan arguu hin danda'u ture; innillee gara isaa dhiyeessinaan ammatee isaa dhungate.
11
Israa'el Yooseefiin «Ani si arga jedhee hin yaanne ture; Rabbi ammo hortee keetuu na argisiise» jedheen.
12
Yooseef ijoollee abbaa ufii irraa achi siisseefii haga kallachaan lafa tuqutti gad jedhe.
13
Yooseef ijoollee ufii lamaan Efreemiin mirgaan, Minaasee bitaa Israa'eliitiin kaaye.
14
Israa'el harka ufii wol jala dabarsee harka ufii ka mirgaa hiixatee Efreemiin irra kaaye; inni ammo maandhaa ture; harka ufii ka bita'aa Minaasee irra kaaye; Minaaseen hangafa.
15
Kanaan maayessa Yaaqoob Yooseefiin akkana jedhee eebbise; Waandhi abboonni tiyya Abrahaamii fi Yisaaq faanaa deema'aa isa tajaajilanii fi Waandhi anallee jireenna kiyya maraa eegee haga adhaa na tisse ijoollee tanniin haa eebbisu!
16
Maleekkaan waan badaa jalaa na hambise, Isaanillee haa eegu. Isaan maqaa kiyya, maqaa abboota tiyyaa Abrahaamii fi Yisaaqiin haa waamamanii, horanii lafa irratti haa baay'atanii» jedhee isaan eebbise.
17
Yooseef waan abbaan isaa harka ufii ka mirgaa Efreemiin irra kaayeef gaddee harka abba'aa Minaasee irra kaawu'uuf Efreemiin qabe;
18
Yooseef abbaa ufiitiin, «Abbaa kiyya akkasii miti; inni hangafa waan ta'eef harka kee ka mirgaa isa irra kaayi» jedheen.
19
Abbaan ammo didee, «Ilma kiyya beekeera; kunillee akkasuma banii guddaa ta'a; hin baay'atalle'e; ammo ilmi maandha'aa ka hangafaa tara; horteen isaallee baay'ee banii guddaa ta'a» jedheen.
20
Gaafasuma isaan eebbise; Israa'el akkana jedhamee isiniin eebbifama ‹Rabbi akka Minaase'eetii fi akka Efreemii isin haa godhu› jedhan» akka kanaan Yaaqoob Efreemiin Minaasee hangafsiise.
21
Israa'el Yooseefiin «Ani hin du'a; Rabbi isin woliin ta'a; gara lafa abboota teessaniillee isin deebisa;
22
lafa ani worra Amoorotaa irraa woraanaa fi guraade'een lolee harkaa fudhadhe obboleewwan tee keessaa harka tokko caalchisee sii kenneera» jedheen.
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 49 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50