bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 6
Genesis 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 7 →
1
Hennaa fiixaan namaa lafa irratti baay'ata'aa deeme ijoolleen intallanii isaanii dhalatan.
2
Hennaa san Ijoolleen Rabbii ijoollee namaa ta intallanii sanniin akka babbareeddan ta'an arganii worra jiran maraa keessaa filatanii fuudhan.
3
Rabbi hennaa san, «Hafuurri Kiyya ka jireenna kennu baraa haga bara baraa isaan woliin hin jiraatu; namni waan foon uffataa ta'eef ammaa achi barri isaa woggaa dhibbaa fi diddama caalaa hin jiraatan» jedhe.
4
Bara san worri «Neefliim» jedhaman ka hojjaan isaanii dhedheera'aa fi ka hunnaan nama caalan lafa irra jiran ture; achiin maayii ijoolleen Rabbii ijoollee intallanii ta namaa fuudhanii ijoollee uumatan; isaan bara san jajjaboota maqaan isaanii beekkame ta'an.
5
Rabbi akka hammeenni namaa lafa irratti baay'atee fi yaanni onnee isaa hennaa maraa sirima akka hamaa ta'e arge.
6
Kanaafuu Rabbi ilma namaa waan lafa irratti uumeef jibbee guddisee gadde.
7
Sababaa kanaaf Rabbi, «Ani waan isaan uumeef hin gadde; kanaafuu namoota uume kanniin, busaawaa, uumama gara'aan lafa irra looyanii fi allaattiiwwanillee lafa irraa balleessa» jedhe.
8
Noohi ammo Rabbiin afo'otti gaachena argate.
9
Fiixaan Noohii kana; inni dhaloota bara sanii keessatti nama qajeela'aa fi ka dhidhinna hin qabne ture; Noohi karaa Rabbii qabate.
10
Noohi ijoollee dhiiraa sadihi Seem, Kaamii fi Yaafeetiin uumate;
11
Hennaa san namoonni lafa irra jiraatan maruu Rabbiin afo'otti hammeeyyii turan; laftillee hammeennaan guuttamtee turte.
12
Rabbi hennaa adunyaa laalu ta battooftee fi namoonni isii keessa jiraatan ka foon uffatan maruu akka waan hamaa hojjata'aa jiraatan arge.
13
Rabbi Noohiin, «Ani fiixaa namaa balleessu'uuf murteesseera; lafti hujii hamaa namoonni hojjataniin waan guuttamteef namoota lafa woliin hin balleessa;
14
ati ammo muka misha'aan markaba hojjadhu; markaba keessatti kutaa heddu hojjadhu; duraa duuba isaa ham'e'een xaallali.
15
Markaba dheerinna isaa ciqilee dhibba sadihii, dalga isaa ciqilee shantamaa, ol fageenna ciqilee soddomaa godhi.
16
Markabaa foddaa hojjadhu; ol fageenna isaa ciqilee tokko guutuu dhiiftee raawwatta; balbala markabaa laddaan godhi; balbala gad aanu lammeesso'oo fi sadeessoollee dachaa godhi.
17
Ani waan lubbuu qabu ka Sami'ii gad jiru maraa balleessu'uuf lafa irratti bisaan badi'ii fidaa; uumamni lubbuu qabu ka lafa irra jiru maruu hin bada.
18
Ani ammo si woliin waadaa gala; atii fi haati manaa tee, ijoolleen teetii fi haawwonni manaa ta ijoollee teetii gara markabaa seenaa'a.
19
«Waan lubbuu qabu ka lafa irra jiru maraa keessaa dhala'aa fi kormaa lama lama godhii markabatti seensisi.
20
Gosa allaatti'ii keessaa, busaawaa keessaa akka gosa isaaniitiin, waan gara'aan lafa irra looyanii fi waan sosocho'an maraa akka gosa isaaniitiin akka lubbu'uun jiraataniif lama lama ta'a'aa markaba haa seenanii;
21
Akkasuma waan nyaataaf ta'u maraa wolitti qabadhu; kun si'ii fi isaaniillee nyaata ta'aa» jedheen.
22
Noohillee waan Rabbi isa ajaje maraa godhe.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50