bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 26
Genesis 26
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 27 →
1
Beelli bara Abrahaam jiruu caalaa beelli guddaan lafa irratti dhufe; Yisaaqillee gara Abemelekii mootii Filisxeemii gara Geerara'aa dhaqe.
2
Rabbi itti mudhatee, «Gara biyya Misirii hin dhaqin; hulee ani siin jedhu taa'i;
3
ani si woliin ta'aa; si eebbisaa; biyya kana maraa si'ii fi hortee keetiifillee hin kennaa; waadaa abbaa kee Abrahaamii galellee hin raawwadha.
4
Hortee kee akka urjii Sami'ii baay'isa; lafa kanniin maraa hortee keetii kenna; baniin biyya lafaa maruu hortee keetiin eebbifama.
5
Abrahaam dubbii kiyya dhagayeera; murtii kiyya, ajaja, sirnaa fi seera kiyya eegeera» jedheen.
6
Kanaafuu Yisaaqi Geeraraa keessa jiraate;
7
namoonni biyya sanii haati manaa isaa waan bareedduu taateef maali'itti akka isaa ooltu isa gaafatan. Inni ammo, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; namoonni biyya sanii Ribqa'aaf jedhanii akka isa hin ajjeefneef haadha manaa tiyya jechuu sodaatee;
8
guyyaa hedduu haga achi taa'aniin maayessa mootiin Filisxeemii Abemelek fulee fodda'aa keessaan hennaa Yisaaqi haadha manaa ufii Ribqaa taphsiisu arge.
9
Kanaafuu Abemelek Yisaaqiin waamee, «Isiin haadha manaa teeti! attamitti ‹isiin obboleettii tiyya› jetta?» jedhee gaafate; Yisaaqillee «Akka sababaa isi'iitiif hin duuneef kana jedhe» jedhee deebiseef.
10
Abemelekillee, «Maaf akkana nu goote? banii keessaa namni tokko haadha manaa tee bira gawu'uuf hennama diqqo'otu hafe; cubbuu natti fiddee oolte»
11
Abemelek banii maraan, «Haadha manaa nama kanaa yookaan namni nama kana tuqu haa du'uu» jedhee seere.
12
Biyya sanitti Yisaaqi sanyii facaasee baruma sanitti waan Rabbi isa eebbiseef dachaa dhibbaa argate;
13
Yisaaqi guddisee dureessa ta'e.
14
Waan hoolotaa fi loon horee garboonnillee guddisanii baay'ataniif worri Filisxeemii isatti hinaafan.
15
Kanaafuu boolla hojjattoonni bara Abrahaamii abbaa isaa qotan maraa worri Filisxeemii biyyee itti guutanii jalaa duuchan.
16
Hennaa san Abemelek Yisaaqiin, «Nu caalaa waan jabaatteertuuf nu keessaa bayii deemi» jedheen.
17
Yisaaqillee achii godaanee dhooqa Geerara'aa keessa jiraate.
18
Yisaaqi boollan bisaanii ka bara Abrahaamii abbaa isaa qotame haga inni du'e worri Filisxeemii duuche Yisaaqi deebisee qotee maqama duraan abbaan isaa waamu saniin waame.
19
Hojjattoonni Yisaaqiillee dhooqa keessa boolla biraa qotanii burqaa bisaanii ka burqu argan.
20
Tisseen biyya Geerara'aa ammo tissee horii Yisaaqii woliin wol arganii wol morman; waan «Bisaan keenna» jedhanii wol mormaniif maqaa boollattii sanii «Eseeq » jedhee itti baase waan sababaa isi'iitiif wol lolaniif.
21
Boolla biraallee qotanii san irrattillee wol lolan; maqaa isi'iillee «Sixinaa » jedhee itti baase.
22
Ammallee achi siiqee boolla biraa qochisiise; isii irratti waan wol hin lolleef maqaa isi'ii «Rihooboot » jedhee waame; Rihooboot jechuun Rabbi nuu badhise, lafa irrattillee hin baay'anna jechu'u.
23
Achiin maayessa Yisaaqi gara Beersaabeehii dhaqe;
24
halkan san Rabbi itti mudhatee, «Ani Waaqa Abrahaamii abbaa keetiiti; hin sodaatin ani si woliin jiraa, si eebbisaa, garbicha kiyya Abrahaamiif jedhee fixaa kee baay'isaa» jedheen.
25
Yisaaqi achitti hulee ciinca'aa hojjatee maqaa Rabbii waame; achitti daasee ijaare; hojjattoonni Yisaaqiillee achumatti boolla bisaanii ka biraa qotatan.
26
Abemelek, gorsaan isaa Akoozaatii fi bulchaan loltootaa Fiikoolillee Geerara'aa gara isaa dhaqan.
27
Yisaaq, «Na jibbitanii uf irraa na hin ariinee? maaf gara kiyya dhuftan?» isaaniin jedhe.
28
Isaanillee, « Dhugamaan akka Rabbi si woliin jiru argineerra,
29
kanaaf nu akka si hin miinee fi mishummaa callaa akka sitti mudhifne, nagayaan akka si geegessine amma akka Rabbi si woliin jiruu fi nama Rabbi eebbise akka taate arginee nu'uu fi si'i jidduu waadaa kaayachu'uuf dhufne» jedhaniin.
30
Yisaaqillee waan nyaatan isaanii dhiyeesse; isaanillee nyaatanii dhugan.
31
Ganamaan ka'anii wolii kakatan; Yisaaqillee isaan geegesse; isaanillee nagayaan isa biraa deeman.
32
Gaafasuma hojjattoonni Yisaaqii dhufanii akka boolla qotanii bisaan argatan Yisaaqitti himan.
33
Inni maqaa isi'ii «Saabeehi» jedhee itti baase; kanaaf qachattiin sun haga adhaa «Beersaabeehi» jedhamti.
34
Eesawu fiixaa ufiitiin al fuudhe; Eesawu hennaa umuriin isaa woggaa afurtamaa ta'u mucattii Bi'eerii nama Keexotaa Yoodiitii fi mucattii Eeloonii nama Keexotaa Beeseemootiinillee hin fuudhe.
35
Fuuti kun Yisaaqii fi Ribqaa gaddisiisa'aa ture.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50