bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 29
Genesis 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 30 →
1
Yaaqoob gara namoota biyya baya biiftu'uu jiraatanii deeme;
2
raasaa sanittillee boolla arge; naannoo boollaa sanitti tika hoolotaa ka hulee sadihitti wolitti qabamaniiran arge; namoonni boolla bisaanii san keessaa hoolota ufii obaafatan; dhagaan afaan boollaa jiru ammo guddaa ture.
3
Hennaa tinni hoolotaa achitti wolitti qabaman dhagaa afaan boollaatii kaasanii hoolota ufii obaafatanii dhagaa san deebisanii boolla bisaaniititti qadaadan.
4
Yaaqoob worra hoolota tissuun, «Obboleewwan tiyya; isin namoota eessaati?› jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Biyya Kaaraaniitii dhufne» jedhaniin.
5
Inni, «Laabaa ilma ilma Naakoorii beettuu?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee hin beenna» jedhaniin.
6
Yaaqoob, «Inni nagaya jiraa?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Ee nagaya jira; kunoo ammaa mucattiin isaa Raaheel hoolota qabdee dhufa'aarti» jedhaniin.
7
Yaaqoob, « hennaan guyyaa waan ta'eef, hennaan tika galchan waan hin geenneef amma hoolota bisaan obaasa'aatii bobbaasaa'a» isaaniin jedhe.
8
Isaanillee, «Haga tinni hoolotaa wolitti qabamee dhagaan afaan boollaa irraa gara galuu nu womaa goonee hin dandeennu; yoo isaan maruu dhufan tokkumma'aan dhagaa gara galchinee hoolota obaafna» jedhaniin.
9
Uduma inni waan kana isaan woliin dubbata'aaru mucattiin Laaba'aa Raaheel hoolota abbaa ufii qabattee dhufte isiin waan hoolota abbaa ufii tissituuf;
10
Yaaqoobillee mucattii obboleessa haadha isaa ta Laaba'aa Raaheelii fi hoolota eessuma isaa Laaba'aa haga arge itti dhiyaatee dhagaa afaan boollaa jiru iraa kaasee hoolota eessuma ufii ka Laaba'aa bisaan obaase.
11
Achiin maayessa Yaaqoob Raaheeliin dhungatee laagaa ufii ol qabatee booye;
12
Yaaqoobillee fira abbaa isi'iitii fi ilma Ribqa'aa ta'uu ufii Raaheelitti hime; isiinillee fiiddee waan kana abbaa ufiititti himte.
13
Laabaanillee oduu ilma obboleettii ufii Yaaqoobii haga dhagaye isa simachu'uuf fiigee dhaqee ammateenii dhungatee mana ufii isa seensise. Yaaqoobillee waan maraa Laaba'atti hime.
14
Laabaanillee, «Ati dhugamaan lafe'ee fi foon kiyya» jedheen; innillee haga ji'a tokkoo isa woliin taa'e.
15
Laabaan Yaaqoobiin, «Ati fira kiyya waan taateef akkanumaan tola naa hojjattaa? gatiin kee meeqa? mee natti himi» jedheen.
16
Laabaan ijoollee durbaa lama qaba; maqaan ta hangafaa Liya'a; ta maandha'aa Raaheel.
17
Liyaan ijji isi'ii kalaamsu'u; Raaheel ammo bareeda dhaaba michu'uuti.
18
Yaaqoob Raaheeliin jaalatee «Ani waan mucattii teetii Raaheeliif woggaa torbaa sii hojjadha» jedheen.
19
Laabaanillee, «Ka nama biraatii kennee mannaa ka sii kenne woyyaa na woliin taa'i» jedheen.
20
Yaaqoob Raaheeliif jedhee woggaa torbaa isaa hojjate; waan guddisee isii jaalatuuf woggaan torbaa sun akka guyyaa hago'oo ta'eef.
21
Yaaqoobillee Laaba'aan, «Woggaan torbaa raawwatameeraa mucattii tee naa kenni» jedheen.
22
Laabaanillee cidha qopheessee namoota naannoo sanii waamee,
23
hennaa aduun dhiite Liyaa Yaaqoobitti heerumsiise; innillee hin fuudhe.
24
Laabaanillee mucattii ufii Liya'aa garbittii Zalafaa jedhamtu kenneef.
25
Haga lafti bariite yoo laalu isiin Liya'a; Yaaqoob Laaba'aan, «Maaf akkana na goote? ani ka sii hojjadheef Raaheeliifii mitii? maaf na sobde?» jedheen.
26
Laabaanillee, «Biyya keennatti uduu ta hangafaa jirtu ta maandha'aa kennuun aadaa keennaa miti;
27
torbaan tokko fixiitii woggaa torbaa naa hojjadhu isiillee sii kennaa» jedheen.
28
Yaaqoobillee akkasuma godhe; haga idaayyummaa torbaan tokko fixeen maayessa Laabaan mucattii ufii Raaheeliinillee akka haadha manaa isaa taatu fuudhee kenneef;
29
Laabaan mucattii ufii Raaheeliif garbittii Baalaa jedhamtu kenneef.
30
Yaaqoobillee Raaheeliin fuudhee Liyaa caalaa isii jaalatee ammallee woggaa torbaa isi'iif jedhee Laaba'aa hojjate.
31
Rabbi akka Liyaan jibbamte argee gadaamessa isi'ii bane; Raaheel ammo dhabduu turte;
32
Liyaan ulfooftee ilma deettee Roobeel jettee itti baafte; «Rabbi rakkinna kiyya argeera; ammaa achi abbaan manaa kiyya na jaalata» jette.
33
Ammallee ulfooftee dhiira deettee «Rabbi akka ani jibbame dhagayee kana naa eda'e» jettee maqaa isaa Simoon jettee itti baafte.
34
Ammallee ulfooftee dhiira deettee «Waan ani ilmaan sadihii dayeefiif abbaan manaa kiyya na jaalata» jettee maqaa isaa Leewwii jettee itti baafte.
35
Akkasuma ammallee ulfooftee ilma deettee «Amma Rabbiin galatoonfadha» jettee maqaa isaa Yihuudaa jettee itti baaftee daya dhaabde.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50